Images 36

Kallattii barreeffamaatiin Muslimoonni haala lamaan

Afaan Oromoo dagaagsan.
Qubee amma nuti itti fayyadamaa jirru kana haala

ammayyaatiin qindeessuudha. Kan kana qindeesse

hayyuu Muslimaa ture. Kitaabni jalqaba ittiin

barreeffames hiika Qur’aanaati.1 Namni jalqaba qubee

Afaan Oromoo haala addaatti bocee barsiisuu eegale

Abuu Bakrii Saphaloo2 nama jedhamu dhalataa biyya



1 Kan nuti mana barumsaatti barsiifamaa turre garuu faallaa kanaati.

Silaa barnoonni keenya yeroo baay’ee woga’amuudha malee

jaalannee nuuf hin dhugamu ture. Yaada woga’amne kana keessaa

tokko jalqaba nama qees Oones Mooses (Abbaa Gammachuu)

jedhamutu Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiike kan

jedhuudha. Kun kijiba ifaadha. Dhuguma namni kun Macaafa

Qulqulluu hiikeera; guddina afaaniitiifis gumaacheera. Haa ta’u

malee hiikti isaa hayyuu Muslimootaatii afaan Oromootiin isa dura

kitaaba dhibbaatamaan lakkaa’amu barreessanii booda ture. Inni

qubee Amaariffaa fayyadamee barreesse hayyuun Muslimootaas

baay’een isaanii qubee Arabiffaa fayyadamanii barreessan. Aanaa

ani keessatti dhaladhe qofa keessatti beektoleen jaarraa tokko dura

kitaaba Afaan Oromootiin barreessan baay’eedha. Kan ani ofii

kiyyaa dubbises hedduutu jira. Isaan keessaa Sheek Hasan Abbaa

Dikoo nama beekamaadha. Isa kana gumaacha barreeffamaa isa

lammaffaa irratti dubbanna.

2 Sheykh Abuu Bakr Saphaloo nama yaada bilchaataa, Afaan

Oromoofi Arabaa sirriitti beekuudha. Namni akka isaa kan seenaa

ummata Islaamaafi saboota biyyattii kanaa beeku Itiyoophiyaa

keessa xiqqoo ture. Kitaabolee kudha tokkoo ol qaba. Baay’een isii

seenaa ilaallatti. Waa’ee seenaa ilaalchisee kitaaba beekamaa lama

qaba. Kitaaboleen kunis ‘Janyu zawaat Ashamaariik min Hadaa’iqi

Attawaariikh’ hiikti isaas ‘harbuudhaan oorruu seenaa irraa guuruu’

fi ‘Irsaal Asawaariik ilaa samaa’i Attawaariikh’ hiikti isaas

‘Dhukaasa gara samii seenaatti ergu’ kan jedhuudha. Isa kana Oromummaa fi Islaamummaa

196

Harar qabsaa’aa beekamaadha. Warri wajjin turan

baay’ina qubee isaallee natti himanii turan. Ogga

ummanni barreeffama isaa kana baratee fayyadamuu

eegalu akka ummanni isa hin baranneefi hin fayyadamne

seeraan dhiibbaan irra kaa’ame. Qabsoon sheekhni kun

Oromoofi Muslimoota tiksuuf godhaa ture kophaa isaatti

qoratamuu gaafata. Akkasuma Dr. Abdushakuuris qubee

addaa tolchanii akka turan warri keessa beeku ni

dubbatu. Qubee Laatiinii nuti amma fayyadamaarru

kana namni haala kanaan qindeesse immoo Sheykh

Muhammad Rashaad Abdallaa nama jedhamuudha.

Erga qindeessees hiika Qur’aanaa yeroo jalqabaatiif

qubee kanaan barreesseera. Inni kitaaba guddaa jildii

shanii Afaan Oromootiifi qubee Oromiffaatiin barreessee

biyya keessaafi biyya alaatti maxxanfamee ummataaf

raabsamaa ture. Akkasuma kaasettaanis waraabamee

ummata baay’eef raabsameera. Ummanni naannoo



keessatti seenaa Oromoo bal’aa barreesseera. Namni qubee Afaan

Oromoo jalqaba qindeesses isa ture. Darasaan isaa Sheykh

Muhammad Rashaad Abdullees yaada burqisiisuu keessatti qabsoo

baay’ee qaba. Inni kitaabota bu’a qabeessa baay’ee Afaan Oromootti

hiikeera. Kitaaba akka “Bu’uura Islaamaa” kan Mawduudii, Aqiidaa

Xahaawiyyaafi kan biroos hiikeera. Qur’aana kabajamaas Afaan

Oromootti hiikeera. Barumsa Afaan Oromootiin sagantaa raadiyoo

Moqaadishoo irratti naannoo waggaa digdamaatiif tamsaaseera.

Waraabamee ‘Majma’i Malik Fahd kan Qur’aanaatiin’ kaasettiin isaas

raabsameera. Oromummaa fi Islaamummaa

197

isaaniis waan kana sirriitti isaan irraa baratanii hojiirra

oolchaa turan.

ii. Qubee Arabiffaatiin afaan Oromoo baay’ee barreessan.

Wolaloo kitaaba kumaatamatti lakkaa’amu barreessaniiru.

“Beektoleen kun sagalee Afaan Oromoo kan qubee

Arabiffaa keessatti hin argamneef seera kaa’u turan.

Barreeffama haala kanaatiin ‘Ajam’ jedhu. Ajama kana

keessa hambaa ogbarruu Oromoofi Islaamaa baay’eetu jira.

Yeroo ammaa qorattoota dhihaa warra Habashaa keessatti

hambaa Islaamaa qoratu biratti dirree qorannoo cimaa ta’e.

Yeroo ammaa Yunivarsitiin Finfinnee kallattii seenaa biyya

kanaa irratti ibsa godhuuf dammaqxee walgahii

mootummaa adda addaa geggeessitee qaroomaafi seenaa

qoratteetti. Qorattoonni gariin sadarkaa maastariifi

Doktooreetii irratti barreeffamoota kana gulaalteetti.

Sochiin barbaachisaan Yunivarsitiin Finfinnee geggeessite

tokko walgahii mootummaa idilee kan isiin to’annoo

Awwaliyaa Isponsarii ‘Annadwat Al-Aalamiyyaa lishabaab

Al-Islaamii’tiin bara 2009 Dh.K.B geggeessiteedha. Isii

keessatti barreeffama Islaamaa Itoophiyaatu dhihaataa ture.

Baay’inaafi akaakuu isiitiin qorattoota warra dhihaa

rifachiifte.1



1 Yaada kana kitaaba Muhammad Haamiddiin irraan fuudhe. Kan

Dr. Abdullaah Kadir irras hangi ta’e ni jira. Garuu ofii kiyyaafis

baay’ee isaa qabatamaan argeera; ammas hambaaleen kun gariin na

bira ni jira. Oromummaa fi Islaamummaa

198

Sababni hayyoonni Islaamaa qubee Amaaraa

mootummaan Kiristaanaa barachuu isaa dirqama godhe

kana dheessanii Arabiffa fayyadamaniif qarooma

Amaaraa kan amantii Kiristaanaatiin kallattiidhaan

hariiroo qabu barsiisuufi barachuu irraa ni fagaatan

waan turaniifi. Kaarrikulamiin barumsaa sirna

waaqeffannaa bataskaanaa barachuu isaan dirqisiiftis

waan ta’eef.

Barreeffamni isaanii kun amantii qofarratti kan

gabaabbatee miti. Rakkoo dhimma hawaasaa irratti kan

isaan barreessanis baay’eedha. Sheekh Muhammad

Haamiddiin kan naannoo Wolloo Booranaa bakka

barreeffamni kun baay’atutti dhalatanii guddatan kan

armaan gadii dubbatan: “Sababa mootummaan qarooma

Islaamaa hin qeeballeefi qarooma biyyattiitti hin

lakkoofneef Muslimoonnis kallattii isaaniitiin qarooma

Amaaraa kan amantii Kiristaanaatiin hariiroo qabu

barsiisuu irraa ni fagaatu. Kaarrikulamiin barumsaa sirna

waaqeffannaa mana amantii Kiristaanaa barachuu isaan

dirqisiifti waan ta’eef.

Bakka bu’aa sanaa afaan biyya keessaa qubee Arabaatiin

barreessan. Sagalee Afaan Arabaa keessatti hin

argamneef mallattoo haaraa tolchan. Dhimma amantiifi

hawaasatti rarra’u adda addaa isaan barreessu. Walaloon

Islaamaa kan walaloofi ogbarruu keessaa beekamaa ta’e

baay’een qubee kanaan barreeffame. Maqaa Ajam jedhu Oromummaa fi Islaamummaa

199

isiif baasan. Afaan Amaaraa keessatti barreeffamni

Sayyid bin Ibraahiim Caalii, Sheekh Misbaah Daanniifi

beektolee baay’ee qubeelee kanaan barreeffame.

Oromiffa keessatti immoo galmeen beekaa ogbarruu,

suufiyyaa Sheekh Ahmad Siraaj isaan barreeffame.

Inumaa kitaabonni Nahwiifi Sarfii afaan Oromootiin

barreeffamaniiru. Fkn kitaaba Qaxrul Oromiyyaa, inni

sharhii Qaxrunnadaa Afaan Oromotiin kaa’ameedha.

Dr. Abdullaah Kadir isii gulaalee Yunivarsitii Finfinnee

irraa maasterii ittiin eebbifame. Akkasuma Muhammad

Hakiim hojii Sheekh Ahmad Siraaj qorachuudhaan

sadarkaa Doktooraa ittiin argateera.”1 Godina Jimmaa

keessa qofa kitaaboleen akkasii yoo xiqqaate

dhibbaatamaan jiru. Baay’een isaanii yeroo ammaa ni

badaaru. Fkn namni Sheykh Hasan A/Dikoo A/Saajjee

A/Qiriphee isaan mootii Badii turanii qofti kitaaboleefi

walaloo Oromiffaa qubee Arabiffaatiin barreessan 45

(afurtamii shan) qabu. Wolaloon isaanii baay’een amantii

Islaamaa ibsuu, seenaa Nabiyyichaa [saw], aqiidaa

barsiisuu, Faaruufi kkf of keessaa qaba. Kan nuti abbootii

irraa isaan baranne baay’eetu jiru.

Garuu dokumantiilee kana walitti qabuu ilaalchisee

ammas dhiibbaan ni jira. Akka hambaaleen sun dirree

hin baane ni godhamaara. Harargee, Arsii, Baalee,



1 Kitaaba “Islaamni Habashaa keessa baballachuu” jedhu irraan

fuudhe. Oromummaa fi Islaamummaa

200

Jimma, Iluu Abbaaboor, Raayyaafi naannolee Oromiyaa

Muslima ta’an kanneen biroo keessas barreeffamoota

akka kanaa baay’eetu jiru. Barreeffamoota kumaatamaa

kana lafatti gataniiti kan qeesiin tokkichi Macaafa

Qulqulluu qubee Amaariffaatiin Oromiffatti hiike akka

gumaacha afaanii guddaatti nu barsiisu. Kan qeesichaas

dhuguma gumaacha afaaniiti. Haa ta’u malee maaliif

barreeffamoonni bibilchaataan kumaatamaa kun seenaan

isaa haguugamaa? Maali yoo Muslima ta’e dirree

baasanii dubbachuun hin eeyyamamuu? Kun dhiphina

warri itti gaafatama barnoota idilee yeroo ammaallee

qabaniidha. Kan Qeesiin kun hojjate isa sheekholeen

kumatamni isa dura Oromiffaan qubee Arabiffaatiin

barreessan madaaluu dhiisaatii kan hayyuun Islaamaa

tokkichi waggaa dhibbaatamaan isa dursee barreesse hin

madaalu. Inumaa isa kana dhiisaatii kan warra qubee

Afaan Oromoo jalqaba qindeesseefi barreesse kan Abuu

Bakrii Saphaloofi Muhammad Rashaad Abdulleetuu ni

dhokfama. Mana barumsaatti kan qeesichaa qofa nu

barsiisuuf yaalu. Hambaaleen kun osoo qoratamee dirree

ba’ee seenaafi gumaacha afaanii guddaatu irraa baratama

ture. Yoo mucaan boo’e malee haati lafaa hin fuutu waan

ta’eef ummanni keenya ofii isaatii dammaqee hambaalee

itti karoorfamee dhokfamaaru kana dirree baasuun

dirqama isaati.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top