Kallattii barreeffamaatiin Muslimoonni haala lamaan
Afaan Oromoo dagaagsan.
Qubee amma nuti itti fayyadamaa jirru kana haala
ammayyaatiin qindeessuudha. Kan kana qindeesse
hayyuu Muslimaa ture. Kitaabni jalqaba ittiin
barreeffames hiika Qur’aanaati.1 Namni jalqaba qubee
Afaan Oromoo haala addaatti bocee barsiisuu eegale
Abuu Bakrii Saphaloo2 nama jedhamu dhalataa biyya
1 Kan nuti mana barumsaatti barsiifamaa turre garuu faallaa kanaati.
Silaa barnoonni keenya yeroo baay’ee woga’amuudha malee
jaalannee nuuf hin dhugamu ture. Yaada woga’amne kana keessaa
tokko jalqaba nama qees Oones Mooses (Abbaa Gammachuu)
jedhamutu Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiike kan
jedhuudha. Kun kijiba ifaadha. Dhuguma namni kun Macaafa
Qulqulluu hiikeera; guddina afaaniitiifis gumaacheera. Haa ta’u
malee hiikti isaa hayyuu Muslimootaatii afaan Oromootiin isa dura
kitaaba dhibbaatamaan lakkaa’amu barreessanii booda ture. Inni
qubee Amaariffaa fayyadamee barreesse hayyuun Muslimootaas
baay’een isaanii qubee Arabiffaa fayyadamanii barreessan. Aanaa
ani keessatti dhaladhe qofa keessatti beektoleen jaarraa tokko dura
kitaaba Afaan Oromootiin barreessan baay’eedha. Kan ani ofii
kiyyaa dubbises hedduutu jira. Isaan keessaa Sheek Hasan Abbaa
Dikoo nama beekamaadha. Isa kana gumaacha barreeffamaa isa
lammaffaa irratti dubbanna.
2 Sheykh Abuu Bakr Saphaloo nama yaada bilchaataa, Afaan
Oromoofi Arabaa sirriitti beekuudha. Namni akka isaa kan seenaa
ummata Islaamaafi saboota biyyattii kanaa beeku Itiyoophiyaa
keessa xiqqoo ture. Kitaabolee kudha tokkoo ol qaba. Baay’een isii
seenaa ilaallatti. Waa’ee seenaa ilaalchisee kitaaba beekamaa lama
qaba. Kitaaboleen kunis ‘Janyu zawaat Ashamaariik min Hadaa’iqi
Attawaariikh’ hiikti isaas ‘harbuudhaan oorruu seenaa irraa guuruu’
fi ‘Irsaal Asawaariik ilaa samaa’i Attawaariikh’ hiikti isaas
‘Dhukaasa gara samii seenaatti ergu’ kan jedhuudha. Isa kana Oromummaa fi Islaamummaa
196
Harar qabsaa’aa beekamaadha. Warri wajjin turan
baay’ina qubee isaallee natti himanii turan. Ogga
ummanni barreeffama isaa kana baratee fayyadamuu
eegalu akka ummanni isa hin baranneefi hin fayyadamne
seeraan dhiibbaan irra kaa’ame. Qabsoon sheekhni kun
Oromoofi Muslimoota tiksuuf godhaa ture kophaa isaatti
qoratamuu gaafata. Akkasuma Dr. Abdushakuuris qubee
addaa tolchanii akka turan warri keessa beeku ni
dubbatu. Qubee Laatiinii nuti amma fayyadamaarru
kana namni haala kanaan qindeesse immoo Sheykh
Muhammad Rashaad Abdallaa nama jedhamuudha.
Erga qindeessees hiika Qur’aanaa yeroo jalqabaatiif
qubee kanaan barreesseera. Inni kitaaba guddaa jildii
shanii Afaan Oromootiifi qubee Oromiffaatiin barreessee
biyya keessaafi biyya alaatti maxxanfamee ummataaf
raabsamaa ture. Akkasuma kaasettaanis waraabamee
ummata baay’eef raabsameera. Ummanni naannoo
keessatti seenaa Oromoo bal’aa barreesseera. Namni qubee Afaan
Oromoo jalqaba qindeesses isa ture. Darasaan isaa Sheykh
Muhammad Rashaad Abdullees yaada burqisiisuu keessatti qabsoo
baay’ee qaba. Inni kitaabota bu’a qabeessa baay’ee Afaan Oromootti
hiikeera. Kitaaba akka “Bu’uura Islaamaa” kan Mawduudii, Aqiidaa
Xahaawiyyaafi kan biroos hiikeera. Qur’aana kabajamaas Afaan
Oromootti hiikeera. Barumsa Afaan Oromootiin sagantaa raadiyoo
Moqaadishoo irratti naannoo waggaa digdamaatiif tamsaaseera.
Waraabamee ‘Majma’i Malik Fahd kan Qur’aanaatiin’ kaasettiin isaas
raabsameera. Oromummaa fi Islaamummaa
197
isaaniis waan kana sirriitti isaan irraa baratanii hojiirra
oolchaa turan.
ii. Qubee Arabiffaatiin afaan Oromoo baay’ee barreessan.
Wolaloo kitaaba kumaatamatti lakkaa’amu barreessaniiru.
“Beektoleen kun sagalee Afaan Oromoo kan qubee
Arabiffaa keessatti hin argamneef seera kaa’u turan.
Barreeffama haala kanaatiin ‘Ajam’ jedhu. Ajama kana
keessa hambaa ogbarruu Oromoofi Islaamaa baay’eetu jira.
Yeroo ammaa qorattoota dhihaa warra Habashaa keessatti
hambaa Islaamaa qoratu biratti dirree qorannoo cimaa ta’e.
Yeroo ammaa Yunivarsitiin Finfinnee kallattii seenaa biyya
kanaa irratti ibsa godhuuf dammaqxee walgahii
mootummaa adda addaa geggeessitee qaroomaafi seenaa
qoratteetti. Qorattoonni gariin sadarkaa maastariifi
Doktooreetii irratti barreeffamoota kana gulaalteetti.
Sochiin barbaachisaan Yunivarsitiin Finfinnee geggeessite
tokko walgahii mootummaa idilee kan isiin to’annoo
Awwaliyaa Isponsarii ‘Annadwat Al-Aalamiyyaa lishabaab
Al-Islaamii’tiin bara 2009 Dh.K.B geggeessiteedha. Isii
keessatti barreeffama Islaamaa Itoophiyaatu dhihaataa ture.
Baay’inaafi akaakuu isiitiin qorattoota warra dhihaa
rifachiifte.1
1 Yaada kana kitaaba Muhammad Haamiddiin irraan fuudhe. Kan
Dr. Abdullaah Kadir irras hangi ta’e ni jira. Garuu ofii kiyyaafis
baay’ee isaa qabatamaan argeera; ammas hambaaleen kun gariin na
bira ni jira. Oromummaa fi Islaamummaa
198
Sababni hayyoonni Islaamaa qubee Amaaraa
mootummaan Kiristaanaa barachuu isaa dirqama godhe
kana dheessanii Arabiffa fayyadamaniif qarooma
Amaaraa kan amantii Kiristaanaatiin kallattiidhaan
hariiroo qabu barsiisuufi barachuu irraa ni fagaatan
waan turaniifi. Kaarrikulamiin barumsaa sirna
waaqeffannaa bataskaanaa barachuu isaan dirqisiiftis
waan ta’eef.
Barreeffamni isaanii kun amantii qofarratti kan
gabaabbatee miti. Rakkoo dhimma hawaasaa irratti kan
isaan barreessanis baay’eedha. Sheekh Muhammad
Haamiddiin kan naannoo Wolloo Booranaa bakka
barreeffamni kun baay’atutti dhalatanii guddatan kan
armaan gadii dubbatan: “Sababa mootummaan qarooma
Islaamaa hin qeeballeefi qarooma biyyattiitti hin
lakkoofneef Muslimoonnis kallattii isaaniitiin qarooma
Amaaraa kan amantii Kiristaanaatiin hariiroo qabu
barsiisuu irraa ni fagaatu. Kaarrikulamiin barumsaa sirna
waaqeffannaa mana amantii Kiristaanaa barachuu isaan
dirqisiifti waan ta’eef.
Bakka bu’aa sanaa afaan biyya keessaa qubee Arabaatiin
barreessan. Sagalee Afaan Arabaa keessatti hin
argamneef mallattoo haaraa tolchan. Dhimma amantiifi
hawaasatti rarra’u adda addaa isaan barreessu. Walaloon
Islaamaa kan walaloofi ogbarruu keessaa beekamaa ta’e
baay’een qubee kanaan barreeffame. Maqaa Ajam jedhu Oromummaa fi Islaamummaa
199
isiif baasan. Afaan Amaaraa keessatti barreeffamni
Sayyid bin Ibraahiim Caalii, Sheekh Misbaah Daanniifi
beektolee baay’ee qubeelee kanaan barreeffame.
Oromiffa keessatti immoo galmeen beekaa ogbarruu,
suufiyyaa Sheekh Ahmad Siraaj isaan barreeffame.
Inumaa kitaabonni Nahwiifi Sarfii afaan Oromootiin
barreeffamaniiru. Fkn kitaaba Qaxrul Oromiyyaa, inni
sharhii Qaxrunnadaa Afaan Oromotiin kaa’ameedha.
Dr. Abdullaah Kadir isii gulaalee Yunivarsitii Finfinnee
irraa maasterii ittiin eebbifame. Akkasuma Muhammad
Hakiim hojii Sheekh Ahmad Siraaj qorachuudhaan
sadarkaa Doktooraa ittiin argateera.”1 Godina Jimmaa
keessa qofa kitaaboleen akkasii yoo xiqqaate
dhibbaatamaan jiru. Baay’een isaanii yeroo ammaa ni
badaaru. Fkn namni Sheykh Hasan A/Dikoo A/Saajjee
A/Qiriphee isaan mootii Badii turanii qofti kitaaboleefi
walaloo Oromiffaa qubee Arabiffaatiin barreessan 45
(afurtamii shan) qabu. Wolaloon isaanii baay’een amantii
Islaamaa ibsuu, seenaa Nabiyyichaa [saw], aqiidaa
barsiisuu, Faaruufi kkf of keessaa qaba. Kan nuti abbootii
irraa isaan baranne baay’eetu jiru.
Garuu dokumantiilee kana walitti qabuu ilaalchisee
ammas dhiibbaan ni jira. Akka hambaaleen sun dirree
hin baane ni godhamaara. Harargee, Arsii, Baalee,
1 Kitaaba “Islaamni Habashaa keessa baballachuu” jedhu irraan
fuudhe. Oromummaa fi Islaamummaa
200
Jimma, Iluu Abbaaboor, Raayyaafi naannolee Oromiyaa
Muslima ta’an kanneen biroo keessas barreeffamoota
akka kanaa baay’eetu jiru. Barreeffamoota kumaatamaa
kana lafatti gataniiti kan qeesiin tokkichi Macaafa
Qulqulluu qubee Amaariffaatiin Oromiffatti hiike akka
gumaacha afaanii guddaatti nu barsiisu. Kan qeesichaas
dhuguma gumaacha afaaniiti. Haa ta’u malee maaliif
barreeffamoonni bibilchaataan kumaatamaa kun seenaan
isaa haguugamaa? Maali yoo Muslima ta’e dirree
baasanii dubbachuun hin eeyyamamuu? Kun dhiphina
warri itti gaafatama barnoota idilee yeroo ammaallee
qabaniidha. Kan Qeesiin kun hojjate isa sheekholeen
kumatamni isa dura Oromiffaan qubee Arabiffaatiin
barreessan madaaluu dhiisaatii kan hayyuun Islaamaa
tokkichi waggaa dhibbaatamaan isa dursee barreesse hin
madaalu. Inumaa isa kana dhiisaatii kan warra qubee
Afaan Oromoo jalqaba qindeesseefi barreesse kan Abuu
Bakrii Saphaloofi Muhammad Rashaad Abdulleetuu ni
dhokfama. Mana barumsaatti kan qeesichaa qofa nu
barsiisuuf yaalu. Hambaaleen kun osoo qoratamee dirree
ba’ee seenaafi gumaacha afaanii guddaatu irraa baratama
ture. Yoo mucaan boo’e malee haati lafaa hin fuutu waan
ta’eef ummanni keenya ofii isaatii dammaqee hambaalee
itti karoorfamee dhokfamaaru kana dirree baasuun
dirqama isaati.



