Mamii tokko malee Oromoonni baay’een gorsaafi
barumsa Islaamaa beektolee Islaamaa irraa argataniin
Islaamatti seenaniiru. Fkn Oromoon shanan Gibee ani
keessa jiraadhe hunduu maqaa nama naannoo isaaniitti
Islaama baballisee sirriitti beeku. Isaan keessaa Sheykh
Abdul Hakiimiifi Abbaan Arabuu Jimma keessatti,
Sayyid Nasrullaan immoo Limmuun keessatti baay’ee
beekamoodha. Aalimoonni dhibbi lamaa ol dhuma
jaarraa kudha saddeettaffaa magaalaa guddittii Limmuu
kan Saqqa jedhamtu keessa turuu maddoonni seenaa
baay’eetu dubbatu. Gommaafi Guumaa keessas Islaama Oromummaa fi Islaamummaa
180
kan baballise beektoleefi daldaltoota ta’uun
beekamaadha. Dhuguma Geeraa keessa Islaamni kallattii
beektolee Gommaafi Limmuutiin akka seene himama.
Silumaawuu seenaan Islaamaa kamuu garee aalimootaafi
daa’iiwwanii kan tajaajila da’awaa Islaamaatiif Rabbiif
jecha osoo nama tokkorraa mindaafi galata hin haajomin
hanga dandeettiitiin qabsaa’an yoomuu hin dhabne.
Toluma Rabbirratti hirkatanii hojjatu. Mataa ofiitii
qabsoo dhuunfaatiin jiraatu. Beektolee kana keessa warri
naannoo tokkorraa bakka birootti socho’anii barsiisan
baay’eetu turan. Yeroo socho’an kana kitaabolee
Islaamaa hanga danda’ame baatanii deemu. Haala
kanaan ummaticha Islaama barsiisan.
Akkuma guutuu biyyattiitti beektoleefi daa’iiwwan
ummata amantii duudhaa hordofan keessattillee kabajaa
addaa argatu. Carraa kabajamuu addaa qabu. Naannoo
Muslimootaa keessatti immoo dhimma baay’ee keessatti
gara isaanii deebi’ama. Isaan matootii, abbaa murtii,
muftii, barsiisotaafi daa’iiwwani. Baay’een isaanii
barumsa sharii’aafi lughaa Arabaa Haramaynii, Bagdaad,
Alqudsi, Qayruzuwaan, Azhariifi Baytu Zabiid
Yamaniitti baratan. Barattoonni sharii’aa Habashaa irraa
gara waldaa barnootaa kana deemanii waggaa dheeraa
fixanii ergasii biyyatti deebi’anii waan baratan moggaa
biyyattii keessatti babal’isuu hin dhiifne. Kanarratti Oromummaa fi Islaamummaa
181
sadarkaan hawaasaa kamuu isaan deeggara; kennaafi
waqfii isaanitti dhangalaasa.1
Walumaa galatti wanti ani ibsuu barbaadu, keessumaa
warra seenaa hanga ta’e quba qabuuf, Islaamni jaarraa
16ffaa booda biyya kana keessatti lola homaatuu hin
geggeessine. Lola sanaan dura mootolii Kiristaanaa of
irraa deebisuuf geggeessaa tureyyuu ni dhaabe.
Oromoonni baay’een immoo jaarraa kana booda
Islaamatti seenan. Egaa “maaltu Oromoota kana
Islaamatti isaan seensisee?” yoo gaafattan, deebiin
gabaabaan fedhii isaaniitiin dhugaafi dhara jiru
madaalanii osoo namni tokko humna kamiinuu isaan hin
dirqisiisin itti seenan kan jedhu ta’a. Inumaa akka
Islaama dhiisanii Kiristaanatti seenan rukutamaa
ajjeefamaati Kiristaana isa humna waraanaa qabu
dhiisanii Islaama isa meeshaan lolaa tokko wajjin hin jirre
fudhataa turan. Inni kun tokkoffaa gootummaa dhala
Oromoo ibsa. Lammaffaa immoo humna sodaatee akka
inni waan sammuun isaa itti hin amanne hin fudhanne
nu akeeka. Isa sammuun isaa dhugaadha jechuu amane
fudhatee wareegama barbaachisu irratti kaffalaa ture.
Kanaaf immoo gocha dirqiin kiristaanessuu naannolee
Oromiyaa kan akka Wolloo, Yajjuu, Arsii, Harar,
Guumaafi kkf haalli Oromoon itti simatee meeshaa
ammayyaa warra dhihaa meeshaa isaa boodatti
1 Islaamni Habashaa Keessa Baballchuu, Muhammad Haamiddiin
Booranaa Oromummaa fi Islaamummaa
182
haftuudhaan of irraa faccisaa ture ragaa guddaadha.
Oromoon waaqeffataa irratti hafes waan itti amane
sanaaf wareegama kaffala malee doorsisa diinaa sodaatee
yeroo baay’ee amantii isaa hin jijjiiru. Booda garuu haalli
itti hammaannaan kan maalummaa isaanii jijjiiran
argamaniiru.


