Mamii tokko malee Oromoonni baay’een gorsaafi

barumsa Islaamaa beektolee Islaamaa irraa argataniin

Islaamatti seenaniiru. Fkn Oromoon shanan Gibee ani

keessa jiraadhe hunduu maqaa nama naannoo isaaniitti

Islaama baballisee sirriitti beeku. Isaan keessaa Sheykh

Abdul Hakiimiifi Abbaan Arabuu Jimma keessatti,

Sayyid Nasrullaan immoo Limmuun keessatti baay’ee

beekamoodha. Aalimoonni dhibbi lamaa ol dhuma

jaarraa kudha saddeettaffaa magaalaa guddittii Limmuu

kan Saqqa jedhamtu keessa turuu maddoonni seenaa

baay’eetu dubbatu. Gommaafi Guumaa keessas Islaama Oromummaa fi Islaamummaa

180

kan baballise beektoleefi daldaltoota ta’uun

beekamaadha. Dhuguma Geeraa keessa Islaamni kallattii

beektolee Gommaafi Limmuutiin akka seene himama.

Silumaawuu seenaan Islaamaa kamuu garee aalimootaafi

daa’iiwwanii kan tajaajila da’awaa Islaamaatiif Rabbiif

jecha osoo nama tokkorraa mindaafi galata hin haajomin

hanga dandeettiitiin qabsaa’an yoomuu hin dhabne.

Toluma Rabbirratti hirkatanii hojjatu. Mataa ofiitii

qabsoo dhuunfaatiin jiraatu. Beektolee kana keessa warri

naannoo tokkorraa bakka birootti socho’anii barsiisan

baay’eetu turan. Yeroo socho’an kana kitaabolee

Islaamaa hanga danda’ame baatanii deemu. Haala

kanaan ummaticha Islaama barsiisan.

Akkuma guutuu biyyattiitti beektoleefi daa’iiwwan

ummata amantii duudhaa hordofan keessattillee kabajaa

addaa argatu. Carraa kabajamuu addaa qabu. Naannoo

Muslimootaa keessatti immoo dhimma baay’ee keessatti

gara isaanii deebi’ama. Isaan matootii, abbaa murtii,

muftii, barsiisotaafi daa’iiwwani. Baay’een isaanii

barumsa sharii’aafi lughaa Arabaa Haramaynii, Bagdaad,

Alqudsi, Qayruzuwaan, Azhariifi Baytu Zabiid

Yamaniitti baratan. Barattoonni sharii’aa Habashaa irraa

gara waldaa barnootaa kana deemanii waggaa dheeraa

fixanii ergasii biyyatti deebi’anii waan baratan moggaa

biyyattii keessatti babal’isuu hin dhiifne. Kanarratti Oromummaa fi Islaamummaa

181

sadarkaan hawaasaa kamuu isaan deeggara; kennaafi

waqfii isaanitti dhangalaasa.1

Walumaa galatti wanti ani ibsuu barbaadu, keessumaa

warra seenaa hanga ta’e quba qabuuf, Islaamni jaarraa

16ffaa booda biyya kana keessatti lola homaatuu hin

geggeessine. Lola sanaan dura mootolii Kiristaanaa of

irraa deebisuuf geggeessaa tureyyuu ni dhaabe.

Oromoonni baay’een immoo jaarraa kana booda

Islaamatti seenan. Egaa “maaltu Oromoota kana

Islaamatti isaan seensisee?” yoo gaafattan, deebiin

gabaabaan fedhii isaaniitiin dhugaafi dhara jiru

madaalanii osoo namni tokko humna kamiinuu isaan hin

dirqisiisin itti seenan kan jedhu ta’a. Inumaa akka

Islaama dhiisanii Kiristaanatti seenan rukutamaa

ajjeefamaati Kiristaana isa humna waraanaa qabu

dhiisanii Islaama isa meeshaan lolaa tokko wajjin hin jirre

fudhataa turan. Inni kun tokkoffaa gootummaa dhala

Oromoo ibsa. Lammaffaa immoo humna sodaatee akka

inni waan sammuun isaa itti hin amanne hin fudhanne

nu akeeka. Isa sammuun isaa dhugaadha jechuu amane

fudhatee wareegama barbaachisu irratti kaffalaa ture.

Kanaaf immoo gocha dirqiin kiristaanessuu naannolee

Oromiyaa kan akka Wolloo, Yajjuu, Arsii, Harar,

Guumaafi kkf haalli Oromoon itti simatee meeshaa

ammayyaa warra dhihaa meeshaa isaa boodatti



1 Islaamni Habashaa Keessa Baballchuu, Muhammad Haamiddiin

Booranaa Oromummaa fi Islaamummaa

182

haftuudhaan of irraa faccisaa ture ragaa guddaadha.

Oromoon waaqeffataa irratti hafes waan itti amane

sanaaf wareegama kaffala malee doorsisa diinaa sodaatee

yeroo baay’ee amantii isaa hin jijjiiru. Booda garuu haalli

itti hammaannaan kan maalummaa isaanii jijjiiran

argamaniiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top