Daldalli sababa cimaa da’awaan Islaamaa Itoophiyaafi
biyya biroo keessatti babal’achuu deeggarteedha.
Sababni isaas isiin sababa ittiin hawaasni adda addaa
bu’aa wal jijjiiruuf walitti dhuftuudha. Daldaltoonni
Muslimootaa bara Islaamaa keessa amantii, barumsa,
halaala qofa barbaaduu, duudhaalee dhugaa, amaanaa,
of tiksuu, of gadi qabuu, namaaf laafuu, haala gaariin
nama waliin jiraachuufi toltuu baay’ee qabachuu, sooma,
zikrii, salaataafi qara’uu baay’isuu, gowwoomsaa,
safaraafi madaala hir’isuu irraa fagaachuu irra turan.
Ummanni Afrikaa sanaan dura Araboota anatu caala
sirriin Sirkaadha malee Sharkaa ykn Shirkaa miti kan jedhu natti Oromummaa fi Islaamummaa
174
jechuu, of dhaaduu, boonaafi of guddisuudhaan beeku
turan. Jijjiirama amalaa cimaa kana duuba iccitii cimaatu
jiraa baran. Oggas inni Islaamatu amala daldaltoota
kanaa jijjiire hubatan. Kanaafuu baay’ee isa jaalatanii
suuta suutaan isa fudhachuutti seenan. Namni
dhuunfaaniifi saboonni isaanii gareedhaan amantiitti
seenuu eegalan.1
Yeroo Muslimoonni sulxaaneetii Islaamaa keessatti karaa
daldalaa irratti bobbo’an, gareen daldaltootaa gara
kaabaatti lafaan, gara kibba ishee immoo bishaan irraan
dhaqan. Daldaltoonni kun qarqara baha Afrikaa keessatti
kaabaan Sawaakin, Naasi’iifi Zayla’i irraa eegalanii hanga
kibbaan Mozaambik gahanutti dhaabbata daldalaa
taasisuu danda’aniiru. Kanaafuu orentaalistiin Toomaas
Ornoold jedhamu “daldalliifi gara Islaamaatti waamuun
guutummaan guutuutti walitti hidhamaadha” jedhe.2
Sochii daldalaa kanaa waliin Islaamni haala cimaan
babal’ate. Daldalaan Muslimaa meeshaa isaa waliin
Islaama isaa qulqulleessee baate. Amala gaarii, dhugaafi
amaanaa eeguu mallattoo isaa cimaa taasifate. Kanatu
bakka hundatti namoonni Islaama jaallachuu uume.
Akkuma kana hojiin isaas namootaan walitti dhufuu
isaaf laaffiseera.
1 Islaamni Habashaa keessa baballachuu, Muhammad Haamiddiin
Wolloo Booranaa
2 Almawsuu’at Almuujaza fittaariik Al-Islaamii, 9/4 Shaamilaa
irraayi. Oromummaa fi Islaamummaa
175
Gariin magaalaa biyyattii kan akka buufata doonii
Adoolis dhaabbata daldalaa beekamtuu turte. Sababni
isaas isheen wiirtuu kibba Eeshiyaafi baha ishee
lamaanii, baha lamaan Afrikaa kallattii tokkoon ta’ee
kallattii biraatiin immoo biyyootii galaana Diimaati waan
taateef.
Kana irratti dabalata immoo buufanni Aduulis kun karaa
daldala lafaa isa keessoo biyya Itoophiyaa biyyoota
qarqara Galaanaa jiranuun walitti hidhan irra jira.
Karaan kun maramaadha. Aduulis irraa eegalee Adwaa,
Aksumiifi Asmaraa irra darbee bakka irraa jalqabetti
dhuma.1
Muslimoonni miira daldalaaf qabanuun buufata kana
to’achuu danda’aniiru. Sochiin daldalaa akka dabalu
wanti sababa ta’e khaliifonniifi amiironni Islaamaa irratti
gootomsuufi saamtota dhabamsiisuudhaan karaa nagaa
taasisuudha. Guddinni biyyaa fuulduratti deemee
bulchiinsa Abbaasiyyootaa jalatti qaroomte. Injifannoo
biyyi baay’een banamuutiin gaarummaan wal gahe.
Khaliifonniifi amiironni waan ishee hirrisu hunda
barbaadanii dhabamsiisan. Daldalli Islaamaa jidduu
biyya Arabaa, Hindii, Chaayinaafi baha Afrikaa keessatti
babal’ate. Dambaliin daldala Muslimaa gara baha
Afrikaatti baay’ate. Hundi isaaniituu Itoophiyaa i baha
Afrikaa bakka dachii gabbataafi qananii qabu qubachuu
1 Islaamni baha Afrikaa keessa baballachuu, Annaqiiraa fuula 65. Oromummaa fi Islaamummaa
176
ni fedhu turan. Yeroo jaarraan sadaffaan hijraa dhufu
dhaabbata daldalaa galaana Diimaafi Garba Hindii
qarqara dhiha isaa irratti ijaaran. Kaabaan Iizaab irraa
kaasanii hanga Safaalaafi Madaagaskaaritti kibba
dhaqqabsiisan.
Daldalaan Muslimaafi warri qaroomina Islaamaa qabanii
jiran magaalaa kana keessatti namootii dhuunfaa biyya
keessatti beekamanuun wal makatan. Biyyi kunis Beejjaa,
Oromoo, Sumaaleefi Baantuu warra gabaa isaanii bittaafi
gurgurtaadhaan haguugan ture. Gariin isaanii saba kana
keessa qubatanii wal irraa fuudhan. Soddummaan kun
walitti dhufeenya, wal hubachuufi Islaama hubachuu ni
dabalte. Inumaa Qur’aana haffazchiisuuf bakka hifzii
banan. Barattoota qabxii gaarii fidan gara Haramaynii,
Kaayiroo ykn Dimashqatti ergu turan.1 Irra beekamoon
daldaltoota kanaa Alhadaarimaadha. Gosti isaan irraa
taate gariin hanga guyyaa har’aatti Itoophiyaa keessa ni
jirti. Dhaabbata Hifzii Qur’aanaa ni banu turan. Manneen
barnootaa baballisanii Afaan Arabaafi aadaa Islaamaa
barsiisu turan. Magaalaa qubattoonni Yamanii keessatti
baay’atan hundaawuu madrasaa isaanii ni argita. Yeroo
sirni mootummaa komminizmii dhufnaan bara 1975
Dh.K.B biyya lakkisan madrasaan Islaamaa dadhabde.
Hamileen garii ishee yeroo hanga ta’eef booda deebite.
1 Islaamaafi qaroomina Arabaa habashaa keessaa, fuula 431, Dr.
Hasan Ahmad Mahmuud Yunivarsitii Kaayiroo. Oromummaa fi Islaamummaa
177
Booda erga sirni komminizmii deemee deebitee kaate.
Hanga guyyaa har’aatti Islaama tajaajiluu hin dhiifne.1
Daldaltoonniifi godaantonni Muslimootaa jiraattota
bu’uraatiin wal makatan. Isaan irraa fuudhanii jabaatanii
Islaama babal’isuufi qarooma isaa gadi dhaabuu irratti
hojjatan. Kanaan Islaamni babal’atee qaroomni isaas
dagaagee ummata keessa gadi dhaabate.2
Gamoo matootiifi mootolee Oromoo birattis daldaltoonni
kunniin simannaa addaa qabu turan. Isaanis oomisha
isaanii meeshaa alaa seenuun jijjiirrachuuf itti haajomu.
Daldaltoonni kunniin yeroo gara caalu isaan keessa turu.
Waggaatti ykn waggaa lamatti si’a tokko qofa qarqara
galaanaa dhaqu ture. Carraa kana gara Islaamaatti
waamuuf itti fayyadamu. Toomaas Ornoold Anxooniyoo
Sitshii irraa fuudhee ni jedhe: “bakkuma lukti isaanii
ejjate hundatti yeroo gabaabaa keessatti namoota baay’ee
Islaamatti seensisuudhaan milkaa’u.”3
Daldaltoonni kunniin bakka xiqqoo gadi qubatanitti
daldala sochoosuu irratti dabalata, mana Qur’aanaa
bananii Qur’aana haffazchiisuu (hubachiisuu), ahkaama
Islaamaafi amantii isaa barsiisuu eegalu. Yeroo garii
suuqii isaanii keessatti yeroo halkanii ibidda qabsiisuun
bakka isaan itti ilmaan warra amantii duudhaa
1 Qaroomina Islaamaa Habashaa Keessatti, Dr. Abdallaah Kadir, 115
2 Islaamni Habashaa Keessa Baballachuu, Muhammad Haamiddiin
Booranaa
3 Gara Islaamaatti Waamuu, Toomaas Ornoold, 386 (kan Arabiffaa). Oromummaa fi Islaamummaa
178
dubbisuufi barreessuu barsiisan ta’a. Kanaan jaalalaafi
amanamtummaa jiraattota irraa argatan; ummannis
jaalalaafi gammachuudhaan Islaama fudhatanii mana
barumsaa kanatti baay’inaan yaa’u. Fakkeenyaaf
mootummoolee Shanan Gibee keessa Islaamni kallattii
daldaltoota Kaaba irraa dhufaniin qehee mootolee hunda
seenuu barreessitoonni seenaa kamuu ibsaniiru.
Waan kana caalu immoo daldaltoonni kunniin warra
barumsaan sadarkaa qabaniifi fedhii qaban gara dhaabbata
barnootaa Haramaynii, Qudsi, Kaayiroo, Dimashqaafi kkf
jirutti ergu. Kanaan barumsa Islaamaa madda isaatii
baratanii hubatu. Addunyaan Islaamaas isaan tiksee
kabajee halaqaa ilmii keessatti bakka addaa godhaaf. Fkn
Rawwaaq Aljabartiin (kutaa jabartii Muslima Habashaa)
kan Azhar, Makka, Madiinaafi Dimashqaan jira. Akka
isaan barumsa itti fufanii hubatanii ummata isaanii
keessatti babal’isaniifis qabeenyaan isaan deeggaru.1
Inumaawuu mootoleen, hoggantoonniifi manguddooleen
naannoo daldaltootaa jiran sababa amalli isaanii akkaan
gaarii, siyaasa, bulchiinsaafi qabeenya to’achuutti
muxannoo qabaniif haalaan simatu. Akkasuma meeshaa
waan isaan barbaadan isaaniif dhiheessu. Kanaafuu
namoonni isaanii osoo Islaama hin fudhatin hin turan.2
1 Islaamni Baha Afrikaa Keessa Babal’achuufi Dhiiti Isa Faallessuu,
Dr. Muhammad Annaqiiraa, 144.
2 Islaamni Habashaa keessa baballachuu, Muhammad Haamiddiin
Booranaa Walumaa galatti Araboota Muslimaa baay’eetu Oromoota
keessa seenanii hariiroo soddummaatiin yeroo booda
Oromoota ta’an. Namoonni akkasii kan ani qabatamaan
beeku baay’eedha. Ummanni kun yeroo amala
gaariidhaan Oromootaan wal makatanitti amantii
Islaamaa isaan barsiisan. Ummannis gammachuudhaan
isaan simate. Namoonni akkasii kan hanga ammaatti saba
isaa kan Arabaa lakkoowwatu baay’eetu nu keessa jira.
Warra naannoo Wolloo bulchaa turan baay’een isaanii
maatii kana irraayi. Ummanni akkasii godinaalee
Oromiyaa kanneen biroo keessas hedduudha. Kan
halluun isaanii Araba irraa hin jijjiiraminis ni jiru. Warri
kun Islaama Oromiyaa keessa haalaan baballisuu
danda’aniiru.



