images 19

Ummanni hunduu biyya isaa jaalachuun dirqama ta’uu namni sammuu qabu kamuu ni amana. Sababni isaas kan inni itti dhalate, irratti guddate, irratti leenji’e, waan jireenya isaatiif barbaachisu hundaa argateefi tika isii jala jiraate biyyattiidha waan ta’eef. Akka jecha kanaatti garuu naannoo ofii qofa adda baasanii jaalachuu osoo hin taane biyyicha akka walii galaatti sabaafi sablammii, aadaa, amantiifi seenaa isiin qabduu waliin jaalachuudha. Bakka kanatti qabxiin guddaan maalummaa jaalala biyyaa hubachuudha. Jaalala biyyaa kan jedhamu qabeenya biyyattii qofa jaalachuu miti. Ummata biyyattii keessa jiraatan aadaafi amantii isaan qabanii wajjin jaalachuun dirqama ta’a. Biyya keenya keessatti ummanni jaalala biyyaa yeroo hunda labsan garuu ilaalcha bal’aa kana ni qabuu jennee yoo ilaalle yaanni isaanii guutumatti faallaa kanaa ta’uu 1 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis Oromummaa fi Islaamummaa71argina. Ummanni kun sabaafi hordoftoota amantii isaaniitiin alaa akka lammiittuu hin ilaalan. Fakkeenyaaf kitaabni “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20ffaa” yaada armaan gadii dubbateera: “Seenaan sochii Oromoo Bareentuufi Booranaa jaarraa 16ffaa akka godaansaatti yoo ilaalamu, walitti bu’iinsi mootummaa Abiisiiniyaafi Islaamaa jaarraa 16ffaa sababa ka’umsa waraanichaa mootummaa Islaamaa taasisuun waraanichi weerara Ahmad Giraanyiin moggaafame. Weerarriifi aggaammiin mootummaa sanyii Salamoonawaa jaarraa 13ffaa irraa eegalee hanga xumura jaarraa 19ffaatti taasise ummattoota Gaanfa Afrikaa nagaa dhorke garuu akka hojii qulqulluu biyya ijaaruuf taasifameetti fudhatame. Kanaaf barreeffama seenaa Itoophiyaa keessatti kaan abbaa biyyaa kaan immoo keessummaa taasisuun barreessuun waanuma baratameedha. Oromoonis ummattoota abbaan biyyummaa isaanii barreeffama seenaatiin haalamuu yaalame keessaa tokkoodha.”1Warri ummata keenya gabroomfatan yeroo hunda maal akka isaan labsaa turan kitaabni “Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse” jedhamu ibseera: qomoowwan weeraraan biyyaafi qe’ee irraa fudhachuudhaan gabroomfatan kanneen biyya hin qabne, bilisummaa hin qabne, kabaja sabummaa hin qabne hundumaa waa’ee jaalala biyyaa, jaalala mootummaa isaanii barsiisuu yaalu. Saba mirgi ofiin of bulchuu duraa sarbamee garboome barnoota “jaalala biyyaa” 1 Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20ffaa, 7-8 Oromummaa fi Islaamummaa72jedhu barsiisuu yaalu. Har’ayyuu gochaa wallaalchisaa kana kan isaan raawwatan ni argina. Abbaa biyyummaa lammiilee sanaa garuu jabinaan mormu.1Ibsa kanarraa biyya kana keessatti ummanni Muslimaafi Oromoo abbaa biyyaa akka hin taaneefi waan godaansaan biyya alaatii dhufan fakkeessuuf barreessitoonni seenaa Itoophiyaa barreesan socho’uun isaanii sirriitti hubatama. Garuu tisiisa irraa damma eeguu keenyaan badiin keenyuma ta’a. Nuti ummannibal’aan seenaafi aadaa keenya barreessuu dhabnee hiree maalummaa keenya nuuf murteessu ummata kaaniif dhiisuudhaan sadarkaa kana tuffatamne. Amma garuu ummanni keenya dammaqee seenaafi aadaa isaallee qorachuus eegalee abbaa biyyaa ta’uu isaa labsuu eegaleera.Ahmaddiin Jabalis dhimma Muslimootaa yeroo dubbatu yaada bal’aa armaan gadii ibseera: “biyya kana keessatti ‘seenaa’ jedhamee kan dhihaate guutuu Maalummaa biyyattii calanqisiisee mul’isuu hin dandeenye. Seenaa Kiristaanaatiifi Naannoo kaabaa qofa barreessanii guutuu Itoophiyaa bakka hin bu’uu osoma beekanii “seenaa Itoophiyaa” jechuudhaan ibsu. Seenaa 1 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis Warqinaafi Gammachuu Malkaa, fuula 17 Oromummaa fi Islaamummaa73Itoophiyaa naannoo kaabaa qofaaf kennan.1 Waa’een biyyattii yeroo dubbatamus ta’ee yeroo barreeffamu seenaan dhihaatu naannoolee Kiristaanaa (kaabaa) qofa ture. Naannoon Kibbaatiifi Muslimootaa qabeenya jaraatiin, madda dinagdeefi kkf tahuudhaan dubbatamuu malee seenaa qabaachuudhaan gonkumaa hin yaadataman. Ulaagaan Itoophiyummaa Kiristaana ta’uu kan gaafatu ta’e. Hiikti Itoophiyummaadhaaf kenname hawaasa biyyattii keessaa saba tokko qofatti xiyyeeffata. Waa’ee biyyattiis tahee kan Mootummaa isii yeroo dubbatamu itti yaadameetuma Kiristaanummaafi manneen Bataskaanaa qofaan walitti hidhama. Seera mootummaa irraa eegalee caasaan maybaasii mootummaa hunduu kan ummata bal’aa Itoophiyaa osoo hin taane fedhiifi aangoo Bataskaanaatiin qabamee hogganama ture.Ummata Muslimaa yero ibsan “Muslilmoota Itoophiyaa” osoo hin taane “Muslimoota Itoophiyaa keessa jiraatan” jechuudhaan waamu. Sababni isaan kana godhaniif Muslimoonni Itoophiyaa kan keessummummaa biyya biraarraa dhufanii biyya jaraa keessa jiraatan fakkeessanii alagoomsuufi abbaa biyyummaan akka itti hin dhaga’amne keessaa cuunfamee akka dhabamu gochuuf kaayyoo karoorfameedha. Kanaafuu Muslimni “ani 1 Sababa kana seenaan barreeffame ummata Oromoofi Muslimoota baay’ee hin hammanne ture. Oromummaa fi Islaamummaa74lammii Itoophiyaatii?”1 gaaffiin jedhu keessatti uumamee yeroo dheeraadhaaf qormaata itti ta’aa ture. Dhiibbaan yaanni kun Muslimootarraan gahe waan akka laayyoottiilaalamuu miti. Gochi kun Muslimoota alagoomsee dhimma biyyattii keessatti taajjabdoota moggaa dhaabbatee daawwatu taasise. Walumaa galatti gochi jaraa kun jaalala Muslimoonni biyya isaaniitiif qabaachuu qaban irratti qormaata itti ta’aa ture. Namni hunduu biyya ofii jaallachuun, gumii biyyummaa bahachuufi isiidhaaf jecha wareegama kaffaluutu irraa eegama. Biyya ofii jaallachuun dirqama malee filannoo keenyaa miti. Hacuuccaaniifi cunqursaan baay’achuun jaalala namni biyyaaf qabaachuu qaburratti hanga fedhe dhiibbaa uumullee bakka dabeen sirreessaa, bakka jallateen qajeelchaa of dura deemuudha malee biyya ofii jibbuun gonkumaa sirrii miti. Waan nama ajaa’ibu irraa warri jaallattoota biyyaa ta’uu isaaniihalkaniifi guyyaa nutti himan (dingil mareeet jedhan) waa’ee dachii biyyattii, laggeen, bosona, gaarreeniifisulula isii weeddisaati eenyummaa ummata isii amananii 1 Yaanni kun Oromoota birattis akkuma kana ture. Oromoon baay’een shakkiiwuu dhiisee gochi isaanii kun akka inni maqaa biyyattii jibbu taasisuun “biyyi koo Oromiyaadha” jedha malee maqaa Itiyoophiyaa jedhu dhaga’uu hin fedhu. Sababni kanaa immoo hacuuccaa isaan ummata irraan ga’aa turaniidha. Silaa Itiyoophiyaanis kanuma Oromoo ture. Oromummaa fi Islaamummaa75fudhachuu jibbuun gonkumaa waan wal hin fakkaanneedha.Sababni gochi isaanii kun sirrii miti jennuuf biyya jechuun biyyee isiitiifi qabeenya uumamaa isiin qabdu qofaa miti. Inni guddaan seenaa ummattoota biyyattii,aadaafi maalummaa amantii ummatichaa jaallatanii amananii fudhachuudha. Aalimni Itoophiyaa beekamaan Sheekh Sa’id Muhammad Saadiq1 dhugaa jiru akkas jechuudhaan ibsu.Biyya ofii tajaajiluun dirqama ilmaan namaa waan ta’eef faayidaan itti hin barbaadamu ture. Garuu namoonni “biyyuma keessatti jireenyi nuuf mijaa’etu biyya keenya; ummata nu kabajetu maatii keenya” jedhan waan hin dhibamneef warra biyya tajaajilaniif mindaan kennamuun gocha sirrii ta’e. Biyya jaallachuu jechuun dachii isii, ummatichaafi aadaa ummatichaa dabalatee yoo ta’e malee dhoqqee (lafa) isii qofa jaallachuu yoo ta’e diinninuu akka jaallatu beekuun barbaachisaadha.”2Walumaa galatti ummanni Oromoofi Muslimoonni akka biyya ofii shakkan godhamaa turan. Yeroo baay’ee akka 1 Sheekni kun isaan Sheekh Muhammad Saanii Habiibii waliin Qiddus Qur’aan kan Amaariffaa hiikaniidha.2 Endris Mohammed, Sheik Seid Muhammed Sadiq (1897-1977) Philological, Historical And Patriotic Legacy, 2007, Africa Printing P.L.C .P 150. Hunda isaatuu kitaaba seenaa Muslimoota Itiyoophiyaa kan Ahmaddiin Jabal fuula 25 – 27 irraan fuudhe. Oromummaa fi Islaamummaa76baqattoota alaa dhufanii asitti hafaniitti ilaalaman. Muslimoonni Oromoo ta’an immoo yakka Oromummaafi Islaamummaa waan qabaniif gidiraan daran itti hammaatte. Kanaafuu maqaa biyyattii kan Itoophiyaa jedhuyyuu dhaga’uu jibban. Lammiin keenya biyya ofii keessa jiraachuurra baqatanii biyya alaa jiraachuu filatan. Kanaafuu namoonni baay’een biyyaa baqatanii godaanan. Godaansa kana keessatti namoota baay’eetu rakkoo gurguddaaf saaxilaman. Kan galaana keessatti qurxummiin nyaatame lakkoofsa hin qabu. Kan harka namaatti lubbuun isaanii ba’eefi dubartoonni dhiira baay’een gudeedamanis hedduudha. Biyyootiin addunyaa kan lammiin keenya itti hin baqatin hin jiru. Akka lammii biraa bakka dhaqanittillee kabaja hin qaban. Yeroo dhiheenyaa biyya Afrikaa Kibbaa keessattikan gommaan konkolaataa itti hidhamuudhaan gubaman daawwanneerra. Warri Liibiyaa keessatti dhumes namoota nuti beeknu fa’i. Kana hundaafuu sababa kan ta’e hacuuccaa mootiin maqaa Salamoonawaa jedhuun of waamu booda kana gargaarsa Awrooppaatiin nurratti raawwateedha. Warri hanga kaleessaa tures dhaaltota isaaniitu maqaa jijjiirrate malee haaraa miti. Gariin isaanii dhaaltota Yohaannis ta’anii ergaa Yohaannis geggeessuuf yoo socho’an kaan immoo dhaaltota Minilik ta’uudhaan kaayyoo isaa galmaan ga’uuf qabsaa’u. Qabxii kana ilaalchisee kan hanga ta’e galata qabu mootummaa Dargiiti. Maqaan mootummaa Salamoonawaa inni awwaale hanga Guyyaa Qiyaamaatti deebi’ee hin ka’u. Warri booda isaa maqaa dhiifte maleegocha isaanii deebiftee kaaftee turte. Amma isiinis sababa sochii qeerroo Oromiyaa nurraa dhabamteetti.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top