Marsaaleen Da’awaa Nabiyyii (SAW) bakka gurguddoo lamatti
qoodamu: Marsaa Makkaa fi Marsaa Madiinaati. Makka keessatti
da’awaan godhan waggaa 13 itti fudhate. Kan Madiinaa immoo
waggoota hafan kurnan itti fudhate. Ammas, Marsaan Makkaa
bakka sadiitti qoodamuun ni danda’ama:
1- Marsaa da’awaa iccitii: waggaa sadii
2- Marsaa ifaan ifatti da’awaa makka keessatti labsuu:
nabiyummaa irraa bara afraffaa irraa eegalee hanga bara
kurnaffaa
3- Marsaa Makkaan alatti Islaamummaa babal’isuu fi namoota
waamuu: kuni dhuma waggaa kurnaffaa irraa hanga hijraa
(godaansaatti) ture.1
Da’awaa (Waamicha) Dhoksaa
Nabiyyiin (SAW) amma Rabbii rahmata godhaa fi Arjaa ta’eef
nabiyyii ta’uu isaa mirkaneeffatanii jiru. Suuratu Al-Alaqaan
nabiyyii ta’an. Yommuu Malaykaan Jibriil (aleyh salaam) si’a
lammataatiif dhufu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayaata tannin
irratti buuse:
“Yaa Kan [uffataan] of haguuge! Ka’ii akeekkachiisi. Gooftaa
keetis ol-guddisi. Uffata keetiis qulqulleessi. Sanama irraas
fagaadhu ” Suuratu Al-Muddassir 74:1-5
Aayaanni tunniin hirribnii fi boqonnaan yeroo darbee akka
dhumatee fi fuundura isaatti hojiin guddaan dammaqiinsa, qophii,
obsaa fi cimina gaafatu akka isa eeggatu nabiyyitti beeksifti.
Kanaafuu, ergaa haa baadhatuu, gara namootaa ittiin haa qajeeluu. 112
Aayaanni tunniin aayata jalqaba Nabiyyiin waamicha Islaamaa
namootatti akka geessuu fi itti gaafatamumma baadhatu tan
ajajjuudha. Akkasumas, gufuuwwan isa qunnamaniif dantaa osoo
hin kenniin itti gaafatamummaa itti kenname bahuun gara
fuunduraatti akka deemuuf ejjannoo Nabiyyii (SAW) kan
jabeessituudha. Dhugumatti, keeyyanni (aayan) jalqabaa
xiyyefannoo isaa tan kakaastuudha: “Yaa Kan [uffataan] of
haguuge!” Kuni yeroo guyyoota boqonnaa fi toltuutiif nagaha itti
dhaamaniidha.
“Wanta bu’insa aayaa tana duuba jiru qo’achuun nabiyyiidhaan
“Yaa ayyuha-rRasuulu (Yaa Ergamticha) ykn Yaa ayyuhan-
Nabiyyu (Yaa nabiyyicha)” jechuu irra maaliif ” Yaa Kan
[uffataan] of haguuge ” akka jedhamee dubbifamee sirnaan akka
hubatan nama taasisa. Yommuu Nabiyyiin (SAW) Malaykaa Jibriil
samii fi dachii jiddutti argu rifatee gara manaa deebi’uun “Uffata
natti maraa, uffata nati haguugaa.” namootaan jedhe. Kanaafuu,
Rabbiinis yaa ayyuhal-muddassir (Yaa Kan [uffataan] of
haguuge) jechuun isa waame. Dubbii kanarraa hiikni hatattamaan
dhufu kana ta’a: Yaa gabricha kabajamaa kiyya, akkanatti of martee
maaliif ciista? Ba’aan ergama guddaa sirra kaa’amee jira. Ergama
kana bakkaan gahuuf ejjannoo fi murannoon olka’uu qabda.”*
Kanaafuu, namoota naannawa kee gaflaa fi daguu keessa jiran
“Ka’ii akeekkachiisi” jechuun ijjannoo isaa jabeesse. Nabiyyiin
(SAW) aayah Qur’aana biraa keessatti gammachiisaa fi
akeekachiisaa akka ta’e Rabbiin (subhaanahu) isa ibsa. Garuu asitti
akka akeekachiisu ajajame. Kuni kan agarsiisu, ergaa isaa mormiin
cimaan akka qunnamu kanaafuu, obsii fi qabsoon isarraa akka
barbaadamu Nabiyyitti beeksisa.
Ammas, ijjannoo fi humna nabiyyii (SAW) jabeessuuf itti aansee
akkana jedheen, “Gooftaa keetis ol-guddisi.” Kana jechuun
dhimma uumamtootaa irraa homaayyuu ol hin guddisin, isaan irraa 113
homtuu sirratti guddaa hin ta’in. Hojii isaanii irraa homaa hin
sodaatin. Isaan keessaa eenyullee hin sodaatin. Gooftaa kee malee
eenyullee ol hin guddisin. Gooftaan kee osoo ati dugda abbeetii fi
garaa haadha keetii keessa jirtuu kan si eegee fi fadlii Isaatiin kan si
guddiseedha. Amaanaa hundarra guddaa kan ta’e ergaa Isaa akka
baadhattuuf uumamaa fi amala kee tolchee hanga namootaaf
nabiyyii fi ergamaa godhee si baasutti tolaa fi arjummaa Isaatiin
kan si tiikseedha. Kanaafuu, Gooftaa kee ol-guddisi. Guddinnii fi
kabajni hundi haqa Rabbii olta’aati. Eenyullee haqa kana keessatti
Isa waliin hin hirmaatu. Garmalee ol-guddifamuu fi garmalee
kabajamuu kan qabu Rabbii tokkicha. Sababni isaas, Rabbiin
Gooftaa guddaa waan hunda caaluudha, sifaata (amaloota)
gugguutuun kan ibsamuudha.
“Qabxiin ijoon asirraa hubatamuu qabu kan biraa ni jira. Akkuma
duuba (background) bu’iinsa aayah tanaa ilaalle, Nabiyyiin (SAW)
yeroo jalqabaatiif olka’uun akka akeekachiisu ajajame. Akkuma
beekkamu magaalaan ergama kana akka galmaan gahuu itti
ajajamee handhuura sanamni itti gabbaramuudha. Namoonni achi
keessa jiraatan akkuma Araboota biroo sanama kan gabbaran qofa
osoo hin ta’in magaalaan Makkaa akka iddoo qulqullutti waan
ilaallamtuuf Araboonni sanamaa gabbaran gara hundaan itti deemu.
Namni tokkichi bakka akkanaatii ka’uun fuula sanama gabbartootaa
fuundura dhaabbachuun Tokkichummaa Rabbii lallabuun balaa
(riski) guddaa kan qabuudha. Kanaafi, olka’uu fi akeekachiisuu
booda guddina Gooftaa keetii labsuun hiika kanas qaba: Humnoota
rifachiisaa fi sodaachiisaa isaanii hojii kee kan gufachiisan
gootee hin ilaalin. Ergaa kee dabarsuu irraa warroota si
ittisanii fi duubatti si harkisan hundarra Gooftaan kee guddaa
akka ta’e ifaan ifatti labsi. Humni, dandeettii fi jabeenyi Isaa
humna, dandeettii fi jabeenya isaanii caala. Dhugumatti, kuni nama
ergaa Rabbi irraa dhufe galmaan gahuuf carraaquuf jabeenya
guddaadha. Namni Guddinaa fi Jabeenya Rabbii olta’aa qalbii isaa keessaa qabu Rabbiif jedhee addunyaa guutuun wal-qunnamuu fi
loluu hin sodaatu.”1
“Uffata keetiis qulqulleessi.” Akka waan nabiyyiin (SAW)
akkana jedhameeti: ati qulqullina keetirra jirta. Guutummaa
namummaa keetii keessatti amaloota gaarii Rabbiin irratti si uumee
fi nabiyummaa Inni sii kenneen uumama keetiin kan
qulqullofteedha. Garuu ammaan booda daran caalatti nafsee tee
qulqulleessuu fi amala kee tolchuu dabali. Ati har’a irraa eegalee
namootaa fi jinniif ergamaa Rabbii ta’uun ergamte. Ergaa
Islaamummaa haala guutuu ta’een geessuuf amaloonni guutuu
ta’an kanneen akka obsa, dhiifama gochuu, tola ooluu fi ciminaan
hojjachuu jiraachuu qabu. Rakkinni sirra gahu kaayyoo keetirraa
duubatti si hin butin.
“Sanama irraas fagaadhu.” Akka waan Nabiyyiin (SAW) akkana
jedhameeti: duraan uumamaa fi qulqullina Rabbiin irratti si uumeen
sanama gabbaruu irraa fagaattee jirta. Ammas akkasuma irraa
fagaachuu itti fufi, garuu yommuu akkas gootu niyyaa kee Rabbiif
godhi.
1 Tafhiimul Qur’aan, Abu Alaa Ma’duudi-
https://www.englishtafsir.com/Quran/74/index.html#sdfootnote1sym

