Suuratu Muddassir erga buute booda nabiyyiin (SAW) gara Rabbii
fi Islaamummaatti namoota dhoksaan waamuuf ni ka’e. Maatii isaa,
hiriyyootaa fi namoota isatti dhiyoo ta’an irraa jalqabe.
1-Khadiijaan (radiyallahu anhaa) Islaamawuu
Dubartoota irraa namni jalqaba amane, inumaa namoota hundaa
dursee jalqaba nabiyyitti kan amane Khadiijaadha. Afaan Nabiyyii
kabajamaatii wahyii dhagahuun nama jalqabaa turte. Akkasumas,
Qur’aana qara’uu fi salaata Rasuula (SAW) irraa barachuun namni
jalqabaa ishiidha.
Tawhiida erga mirkaneessanii booda wanti jalqabaa Rabbiin
olta’aan dirqama godhee salaata sirnaan salaatuudha. Yommuu
salaanni dirqama godhamu Nabiyyiin (SAW) Khadiijaa waa’ee
wudu’aa fi salaataa barsiisuu ilaalchisee gabaasni dhufanii jiru.
Osoo Nabiyyiin (SAW) Makka keessa jiruu Jibriil (aleyh salaam)
akkaataa wudu’aa fi salaataa barsiisuuf itti dhufe. Osoo
Nabiyyiin(SAW) ilaalan Jibriil ni wudu’ate. Ergasii akkuma Jibriil
wudu’atetti Nabiyyiinis ni wudu’atan. San booda Jibriil dhaabbatee
salaate, Nabiyyinis isa waliin salaatan. Ergasii Jibril ni deeme.
Nabiyyiinis (SAW) akkaata salaataaf itti of qulqulleessan
argisiisuuf gara Khadiijaa dhufuun akkuma Jibril wudu’atetti ni
wudu’atan. Isiinis akkuma Nabiyyiin(SAW) wudu’atanitti
wudu’atte. Ergasii Nabiyyiin (SAW) ishiif imaamu ta’uun ni
salaate.
2-Aliyyi ibn Abi Xaalib Islaamawuu
Aliyyi ilma abbeeraa(adeera) Nabiyyiiti. Khadiijaan erga amantee
booda Aliyyi Islaamatti ni seene. Ijoollee keessaa nama jalqaba
amaneedha. Yeroo sanitti umriin isaa waggaa kudhan ture. Rakkoo
maallaqaa Abu Xaalib qunnameen Nabiyyiin (SAW) ilmaan isaa
keessaa tokko fudhachuun guddisuu barbaadan. Ijoollee Abu
Xaalib kanniin keessaa Aliyyi fudhachuun mana ofii keessatti 116
guddisan. Aliyyiis yommuu nabiyyiin ergaman amanuun nama
lammataa ta’e. Nabiyyii fi Khadiijaa booda namni sadaffaan salaata
salaate isa ture.
Akka warri beekumsaa gariin jedhaniitti: Yommuu waqtiin salaataa
gahuu Nabiyyiin (SAW) gara sulula Makkaatti baha. Aliyyiis
abbaa, adeerotaa fi namoota biroo irraa dhokachuun nabiyyii waliin
bahuun salaata achitti salaataa turan. Yommuu galgalaa’u ni
deebi’u.
3-Zayd ibn Haarisaa Islaamawuu
Zaydi ibn Haarisaa hibbun Nabiyyii (jaallatamaa Nabiyyii)
jedhamuun yommuu beekkamu gabroota bilisa bahan keessaa nama
jalqaba amaneedha. Zaydi (radiyallahu anhu) jalqaba irratti nama
bilisaa maatii bilisaa irraa tureedha. Garuu yeroo lolaa
ijoollummaan booji’amuun akka gabraatti Makka keessatti
gurgurame. Dhumarratti mana Nabiyyii (SAW) keessa gabra ta’uun
qubate. Warri isaa Nabiyyii (SAW) irraa isa bituuf yommuu Makka
dhufan, inni abbaa isaa dhiisee Nabiyyii filate. Nabiyyiiniis
dhimmicha Zaydiif ni dhiisan. Zaaydis Nabiyyiin ni jedhe: Ani
gonkumaa si dhiisee nama biraa hin filadhu. Ati anaaf akka abbaa
fi adeeraati (abbeeraati).” Abbaa fi abbeeraan isaas isaan ni jedhan:
Ee badii kee! Bilisummaa caalaa gabrummaa filattaa? Abbaa,
abbeeraa fi maatii kee caalaa nama biraa filattaa?” Innis ni jedhe,
“Eeyyen. Nama kanarraa waa argee jira. Isa caalaa gonkumaa
eenyullee hin filadhu.” Ergasii Nabiiyyiin (SAW) Zaaydi bilisa
baasuun akka guddifachaa godhatan. Eeyyen, kuni Islaamummaan
dura wanta ta’eedha. Nabiyyummaan dura Zaydi ibn Muhammad
jechuun waamamaa ture. Garuu Islaamummaan dhufuun maqaa
abbaa mucaa jijjiiruun nama isa guddiseetiin waamu ni dhoowwe.
Kanaafuu, Zaydi ibn Muhammad hafuun akkuma duraanii Zayd
ibn Haarisaa jedhame.
4-Ijoolleen dubaraa Nabiyyii (SAW) Islaamawuu 117
Haaluma kanaan, ijoolleen dubaraa Nabiyyii hundi isaaniituu-
Zaynab, Umm Kulsuum, Faaximaa fi Ruqiyyah – gara
Islaamummaaatti fiiganii jiru. Nabiyyiin ergamuun dura amala
kabajamaa abbaa isaanii irraa fayyadamanii jiru. Akkuma abbaa
isaanii namoota qajeeloo fi gaarii hojii fokkuu hawaasni Qureeshii
hojjatan irraa kanneen fagaataniidha. Haala kanaan, manni
Nabiyyii (SAW) maatii jalqabaa Rabbitti amanee fi barsiisa
Islaamatiif masakamu ta’ee jira. Manni kuni seenaa waamicha
Islaamummaa keessatti bakka guddaa kan qabuudha. Kanaafi,
Khadiijaan sahaabota Nabiyyii keessatti sadarkaa ol’aanaa qabdi.
Mana barakaa sanitti:
-Goda Hiraa booda Qur’aanni yeroo jalqabatiif ni qara’ame
-Mu’umintoota (Warroota amanan) gara Islaamummaatti dursan
kan of keessatti hammateedha.
- Mana jalqabaa salaanni keessatti salaatameedha.
-Mana jalqabaa Nabiyyii gargaaruuf waadaa itt galanii fi isaan
keessaa eenyulleen waadaa kan hin diiginiidha.
Manni kuni mana Muslimootaatiif, dubartoota isaaniitii fi dhiirota
hundaaf fakkeenya gaarii kan ta’uudha. Haati manaa achi keessa
jirtu qulqulluu, mu’umina, amanamtuu fi dhugaa tan dubbattuudha.
Ilmi abbeeraa guddifamuus ajajaaf kan awwaatuu fi deeggaruudha.
Mucaan guddifachaas nama amanee fi gargaaraadha. Ijoolleen
dubaras dhuga dubbattoota, mu’umintootaa fi ajajaaf kan
bulaniidha.
Akka kanatti manni Nabiyyii (SAW) bakka jalqabaa qabate.
Fakkeenya akka nuuf ta’uu fi qajeelfama isaatirra akka deemnu
dirqamni itti nu waama. Islaamni hawaasaa fi dhuunfaa irratti
xiyyeeffannoo guddaa itti kenna. Namoonni dhuunfaa karaa
maatiitiin gara hawaasaa seenu. Akkaataa maatii irratti hundaa’ee
namni dhuunfaa amalaa fi naamusa isaa gabbifata. Kanaafuu,
maatiin hawaasaa fi dhuunfaa jidduu akka jiddu-galaatti gargaara.
Yoo jiddu-galaan gaarii fi sirrii ta’e, hawaasnii fi dhuunfaanis ni jabaata. Maatiin hundi hundeeffama hawaasa Islaamummaa
keessatti hariiroo cimaa qabaachuu qaba. Marsaa jalqabaa ergama
Nabiyyii irratti gatii maatiif kenname arguu dandeenya. Hunda
dursee namni jalqaba Islaamummaa keessa seene haadha manaa
isaa Khadiijaadha. Kunis shoora dubartoonni Islaamummaa
keessatti qaban agarsiisa. Ergasii Aliyyi umrii ijoollummaatti
Islaamummaa fudhate, kunis gatii da’awaa ijoolleef gochuu kan
agarsiisuudha.
Yeroo jalqabaatiif gosoota namoota nabiyyiin (SAW) gara
Islaamummaatti waame irratti xinxaluun baay’ee barbaachiisaadha.
Khadiijaan dubartii dha, Zaydi ibn Haaris gabra bilisoome, Aliyyi-
ijoollee ture. Kuni ergaan Islaamummaa namoota hundatti kan
fuulleeffatu ta’uu ifaan ifatti agarsiisa. Ijoollee fi jaarsaaf, dhiiraa fi
dubartootaaf, bulchaa fi gabrichaaf kan ta’uudha. Hawaasa
Muslimaa fi biyya ijaaruu keessaatti namoonni dhuunfaa miseensa
hawaasaa ta’an hundi gahee taphatu qabu.

