Seenaa gabaabaa hortee Kuush dubbannee dabarsine
irraa akka ummanni Oromoo ummata Kuush kan biroo
waliin kaaba Baha Afrikaa keessa waggaa 8,000 dura
kaasee turan hubanneerra. Akkasumas ummanni kun
naannoo Kaabaa irraa gara Kibbaafi kibba bahaatti
Dh.K.D bara 5,000 irraa eegalee akka tamsa’es barreerra.
Kiristoofar Ehereet akka ummanni Afaan Kuush
dubbatan Dh.K.D bara 4,000 jalqaba irraa kaasanii
naannoo qarqara galaana Diimaa gara Kaabaatii
jalqabanii hanga Kibbaatti tamsa’anii turan ibseera.
Akkasuma ummanni Oromoo bara 1500 ykn 2,000 dura
ummata Seem Amaariffa, Argobbaafi Gaafaat
dubbataniin duratti jiddu gala Itoophiyaa ammaa
naannoo Shawaa baballatanii turuu dubbanneera. Booda
erga ummata Seem kanaan achii buqqifamanii sochii
babal’ifannaa Oromoo jaarraa 16ffaatiin deebi’anii bakka
isaanii qabachuu danda’uus hubanneerra.
1 Qabxiin kun
murteessituu waan taateef naa qabadhu.
Kitaaba “Kuudhama Seenaa, Leellisaa Aadaa Bantii, F.F”
jedhamu keessa kan armaan gadiitu jira: “Oromoon akka
Kuushummaa isaatti, Itoophiyaa dabalatee naannoo
Kaaba baha Afrikaa kana waggaa 8,000 ol dura irraa
kaasee jiraataa ture. Sabni Kuush jiddu-gala Itoophiyaa,
Dh.K.D bara 3,500 hanga 1000 qubatanii jiraatan.
Habashoonni gara baha Afrikaa kan dhufan bara 500
Dh.K.D hanga bara 100 Dh.K.B ta’uun ni beekama.”
Ummanni Oromoo yeroo ammaa ummata guddoo
naannoo bal’aa biyya Itoophiyaa, kaaba Keeniyaa,
Sumaaleefi Taanzaaniyaa keessa bal’inaan jiruudha.
Biyya baha Afrikaa (gaafa Afrikaa) keessatti ummata
hundarra bal’oodha. Itoophiyaa keessatti lakkoofsa bara
2015 geggeeffame irratti hundaa’ee dhibbentaa 34.49%
madaalu. Baay’inni isaaniis 25,489,024 jedha. Garuu
lakkoofsi kun kijiba ta’uun isaa shakkii homaa hin qabu.
Akka barreeffama G.W.B Huntigford bara 1959 keessa
jirutti baay’inni ummata Oromoo dhibbentaa 42 (42%)
akka ta’e dubbata.1 Akka yaada Muhammad Hasanitti
immoo ummanni Oromoo saboota Itoophiyaa keessaa
baay’inaan walakkaatti tilmaamamu.2 Yaanni sirriin isa
kan Muhammad Hasan kana ta’uu hin oolu. Sababni
isaas lakkoofsi biyya keenya keessatti geggeeffamu
kaayyoo siyaasaafi kan biroo irratti hundaa’a malee
dhugaa ibsuun dhimma isaa waan hin taaneef
amanuurra soba jechuutu namatti dhihaata. Afaan
ummata Oromoo Afaan Oromoo ykn Oromiffa jedhama.
Afaan Oromoo afaan Afrikaa keessaa Arabiffaafi
Hawusaatti aanee bal’inaan sadaffaadha. Dachiin
ummata kanaa kan Itoophiyaa keessatti argamu
Oromiyaa jedhamee beekama.
Ummanni Oromoo ummata jalqaba gaanfa Afrikaa
keessa qubateedha. Garuu amma yoonaatti tilmaamni
sirriin kan yoom akka isaan naannoo kana qubatan ibsu
hin jiru. Garuu waan baay’eetu akka isaan waggaa 7,000
ol bakka kana jiraatan akeeka.1 Akka yaada qorattoota
Oromoo ammayyaa baay’eetti ummanni Kuush bu’urri
isaa Afrikaadha; biyya kamiiyyuu hin dhufne.
Seenessaan Misraa Dr. Muhammad Sabrii jedhamu haala
kanaan ummaticha ibse: “gootummaa, onnee
qabaachuufi lola keessatti dura bu’uun beekamu.
Kanaafuu humni waraanaa filatamoon isaan irraa
uumama. Isaan ummata baha Afrikaa jiran keessaa lolaaf
miira cimaa qabu. Hortee Afrikaa keessaa fuula ifuufi
bareedumaan beekamu.”2 Arjummaafi tola namaaf
yaaduutti sabni ummata kanaan madaalamu hin jiru



