Yommuu yakkamtoonni Nabiyyii (SAW) ajjeesuf murtii badaa
murteessan, Jibriil beeksisa Gooftaa isaatiin bu’uun shira
Qureeshotaa isatti beeksise. Rabbiin godaansa akka isaaf
hayyamees isatti hime. Waqtii hijraa (godaansaa) akkana jechuun
murteesse: “Firaasha duraan irra bultu irra halkan kana hin bulin.”
Adeemsa hijraa hojii irra oolchuuf walakkaa guyyaa keessa
Nabiyyiin (SAW) gara Abu Bakr deeman. Aa’ishaan (radiyallahu
anhaa) akkana jetti: Osoo nuti walakkaa guyyaa keessa mana Abu
Bakr keessa teenyu, namni tokko Abu Bakriin akkana jedhe: Kuni
Ergamaa Rabbiiti (SAW) sa’aati nutti hin dhufne keessatti mataa
ofii maratanii dhufanii jiru.” Abu Bakris ni jedhe: Haadha fi abbaan
kiyya fidaa isaaf haa ta’an! Wallaahi dhimma baay’ee barbaachisaa
ta’ee malee sa’aa kanatti homtu isa hin finne.”
Ishiinis itti fufuun ni jette: Ergamaan Rabbiis (SAW) dhufanii
hayyama gaafatan. Abu Bakris hayyameefi ol seene. Nabiyyiin
(SAW) Abu Bakrin akkana jedhe: “Namoota si bira jiran baasi.”
Abu Bakris ni jedhe: Isaan maatii kee qofa.” Nabiyyinis ni jedhan:
“Godaanuun anaaf hayyamame.” Abu Bakris ni jedhe: Yaa
Ergamaa Rabbii! Abbaan kiyyaa fidaa siif haa ta’u, si waliin
deemuu?” Ergamaan Rabbiis ni jedhan: “Eeyyen.”
Karoora godaansaa erga xumuranii booda dhufaati halkanii eeguuf
gara manaatti deebi’an.
6.1-Mana Ergamaa Rabbii (SAW) Marsuu
Mujrimoonni Qureeshotaa gurguddoon karoora parlamaan Makkaa
murteessee dabarse hojii irra oolchuuf guyyaa isaanii fixan.
Kanaaf, mujrimoota gurguddoo kanniin keessaa namoonni kudha
tokko ni filataman. Isaanis: Abu Jahal ibn Hishaam, Al-Hakam ibn
Abi Aas, Uqbah ibn Abi Mu’iix, Nadr ibn Haaris, Umayyah ibn 290
Khalaf, Zama’ah ibn Aswad, Xu’aymah ibn Adiyy, Abu Lahab,
Ubayy ibn Khalaf, Nabiih ibn Hajjaaj, Obboleessa isaa Munbih ibn
Hajjaaj.
Ibn Is’haaq ni jedha: yommuu halkan dhufu, balbala Nabiyyii
(SAW) fuunduratti wal gahan. Yoom akka gadi bahuu riphanii
eegu. Aadaan Nabiyyi (SAW) jalqaba halkanii rafuun walakkaa
ykn tokko sadaffaa halkanii booda gara Masjiida Haramaa bahuun
achi keessatti salaatuudha.
Dhara badaa kana hojii irra oolchuun akka milkaa’an ni amanu
turan. Abu Jahal dhaabbata of tuuliinsaa dhaabbachuun namoota
naannawa isaa jiranitti akkana jechuun dubbii baacoo (qishnaa)
agarsiisu dubbate: “Muhammad dhimma isaa keessatti yoo isa
hordoftan, moottota Arabaa fi Araba hin taanee taatu. Erga duutanii
booda ni kaafamtu, mindaan keessan Ashaakilti akka Ashaakiltii
Jordaani. Yoo kana hin hojjatin, ni ajjeefamtu. Ergasii du’a
keessaniin booda kaafamtanii ibiddi keessatti gubbattan isiniif
godhama.” jechuun odeessa.
Yeroon shira kana hojii irra oolchan walakkaa halkanii booda
yommuu Nabiyyiin (SAW) manaa bahuudha. Sa’aati adeemsaa
eegun dammaqanii bulan. Garuu Rabbiin dhimma Isaa irratti
Injifataadha, mootummaan samii fi dachii harka Isaa jira. Wanta
fedhe hojjata. Taatee kana booda wanta Rasuulatti dubbate hojjii irrattii rabbiin nii jedha
“Yeroo warri kafaran si hidhuuf yookiin si ajjeesuuf yookiin
[biyyaa] si baasuuf shira (tooftaa) baasan [yaadadhu]. Isaan
tooftaa ni baasu, Rabbiinis tooftaa ni baasa. Rabbiin irra
caalaa warra tooftaa baasaniiti.” Suuratu Al-Anfaal 8:30 291
6.2-Ergamaan Rabbii (SAW) mana isaa gadi dhiisuu
Qureeshonni karoora isaanii hojii irra oolchuuf garmalee haa
qophaa’anii malee, fashalaa’aa badaa fashalaa’anii jiru. Halkan
kana Ergamaan Rabbii (SAW) Aliyy ibn Abi Xaalibin akkana
jedhan: “Firaasha kiyyarra rafi. Hansoolaa magariisa kiyya kanaan
of mari (haguugi). Wanti isaan irraa jibbitu si hin tuqu.” Ergamaan
Rabbii (SAW) yommuu rafu hansoolaa kanaan rafaa ture. Aliyy ibn
Abi Xaalib akkuma ajajame firaasha Nabiyyii (SAW) irra rafe.
Ergamaan Rabbii (SAW) namoota isa ajjeesuuf mana isaa marsanii
eegan jidduun bahe. Biyyee harkatti fuudhun mataa isaanii irratti
facaase. Rabbiin ija isaanii isa irraa qabe. Kanaafu, isa arguu hin
dandeenye. Rasuulli osoo aayah tana qara’uu jidduu isaaniitiin
bahe:
“Dura isaaniitti girdoo, duuba isaaniitti girdoo (cufaa) goonee
isaan haguugne. Kanaafu, isaan hin argan.” Suuratu Yaasiin
36:9
Isaan keessaa namni tokkollee hin hafne mataa isaa irra biyyeen
kan godhame yoo ta’e malee.
Ergasii Rasuulli (SAW) gara mana Abu Bakr qajeeluun fajrii dura
isa waliin gara gaara Sawr deeman.
Namoonni nabiyyii ajjeesuuf mana isaa marsan sa’aati Nabiyyiin
itti bahu eegu. Yommuu sa’aatin suni geettu, kufaatii fi fashala’uun
isaaniif ifa ta’e. Namtichi isaan waliin hin turre tokko isaaniitti
dhufee akkana isaaniin jedhe: “Maal eegduu?” Isaaniis:
“Muhammad” jedhan. Innis: “Kasaartanii jirtu. Rabbiin kakadhe!
Inni isin biraan darbee jira. Mataa keessan irratti biyyee facaase.
Haajaa isaatiif kute.” jedhe. Isaaniis: “Rabbiin kakanne! Nuti isa
hin argine.” Mataa isaanii irraa biyyee dhadha’uun ka’an.
Garuu isaan hulaa balbala keessaan gara manaa ilaaluun Aliyyin
argan. Isaaniis: “Rabbiin kakanne, kuni Muhammadi, ni rafa. Isarra 292
hansoolaa isaatu jira.” jedhan. Aliyy firaasha irraa olka’e. Harka
isaaniitti ni kufe. Ergamaa Rabbii (SAW) ilaalchise isa gaafatan.
Innis, “Ani hin beeku” jedhe.
6.3-Manarraa Gara Godaa
Ergamaan Rabbii (SAW) Nabiyyummaa irraa bara 14ffaa, ji’a
Safara irraa halkan 27 keessa mana isaa gadi lakkisuun gara mana
hiriyyaa isaa Abu Bakr siddiiq dhufe. Ergasii isaan lamaan fajriin
mul’achuun dura mana Abu Bakrii gadi lakkisuun muddamsuun
bahan.
Nabiyyiin (SAW) Qureeshonni isa barbaacha keessatti garmalee
akka jabaattu fi karaan takkamaan ijji isaanii itti qajeeltu karaa
guddaa Madiinaatti nama geessu kallatti kaabaatti argamu ta’uu
yommuu beeku, karaa guutumatti daandii kana faallessu deeme.
Karaan kunis karaa kibba Makkaatti argamuu fi gara Yamanitti
qajeeluudha. Hanga gaaraa Sawr jedhamuun beekkamu gahuutti
gara maayili shanii karaa kana ni deeme. Gaarri kuni gaaraa
dheeraa, karaan isaa jajjalataa, irra bahuuf ulfaataa ta’ee fi dhagaa
baay’ee qabuudha. Kopheen Ergamaa Rabbii (SAW) ni tarsaate.
Akkanas jedhamee jira: akka faanni isaa dhokatuuf fiixee qubbiin
miilatiin deemaa ture. Abu Bakr (radiyallahu anhu) hanga goda
biraan gahuu isa ni baadhate. Seenaa keessatti godni kuni goda
Sawr jedhamuun beekkame.
6.4-Yommuu Isaan Lamaan Goda Keessa Ta’an:
Yommuu isaan lamaan goda bira gahan, Abu Bakr ni jedhe:
“Rabbiin kakadhe! Hanga ani si dura seenutti ati hin seenin. Yoo
waa achi keessa jiraate, si dursee ana tuqa.” Innis keessa seenee
qulqulleesse. Cinaa isaatti hulaawwan arge. Uffata isaa tarsaasun
hulaa kana ittiin cufe. Hulaan lama ni hafan. Innis luqa isaatiin
cufee Ergamaa Rabbiitiin (SAW) “ol seeni” jedheen. Ergamaan
Rabbiis (SAW) ni seenan, mataa isaanii sarbaa Abu Bakr irra
gochuun rafan. Abu Bakr miila isaatiin ni iddame. Ergamaan
Rabbii (SAW) ni dammaqan jedhee sodaachuun hin sochoone. 293
Imimmaan isaa fuula Ergamaa Rabbii (SAW) irratti coccobe.
Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan: Yaa Abu Bakr maal taatee?”
Innis, “Ani ni iddame. Abbaa fi haati kiyya fidaa kee haa ta’an.”
jedhe. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) isatti tufuun dhukkubbiin
isatti dhagahamu isarraa deeme.
Halkan sadii goda keessatti dhokatan. Halkan Jimaataa, halkan
Sanbata xiqqaa fi halkan Sanbata guddaa. Abdullah ibn Abu Bakr
isaan bira bulaa ture. Obboroo isaan biraa ka’uun akka nama
Makkaan keessa buleetti Qureeshota waliin bariisifata. Oduu
Qureeshota irraa guuruun (sassabuun) yommuu halkanaa’u
Rasuulaa fi Abu Bakritti geessa. Gabrichi Abu Bakr, Aamir ibn
Fuhayrah hoolotaa fi re’oota naannawa isaaniitti tiiksaa ture. Osoo
hin mul’atin galgala hundaa re’oota garii gara godaatti qabuun
aannan isaaniif elma.
Qureeshonni immoo yommuu Rasuulli (SAW) miliquu isaa
mirkaneefattu ni dhamaate. Karaa kanaan wanti jalqabaa isaan
hojjatan, akka oduu jara lamaanii isaanitti himuuf Aliyyiin ni
rukutan, gara Ka’abatti harkisanii sa’aati tokkoof hidhan. Garuu
homaa isarraa hin arganne.
Yommuu Aliyy irraa oduu dhaban, gara mana Abu Bakr dhufanii
balbala isaa rukutan. Asmaa’a bint Abi Bakr gara isaaniitti baate.
Isaaniis akkana ishiin jedhan: “Abbaan kee eessaa?” Ishiinis:
Rabbiin kakadhe! Ani hin beeku. Abbaan kiyya eessaa?” Ergasii
Abu Jahal-namni badaan kabiisa ta’e-kaballaa faaya gurraa irraa
cabse kabale.
Qureeshonni wal gahii muddamaa waamuun karaalee namoota
lamaan kanniin ittiin qaban hunda akka fayyadaman murteessan.
Karaalee Makkaan keessaa gara alaatti nama baasan hunda ni cufte,
waardiyoota hidhannoo cimaa qaban irratti ramadde. Akkasumas,
nama isaan lamaan gara Makkaatti deebise gaalaa 100 akka kennituuf ni murteessite. Warri fardaa, lafoo deemanii fi faana
hordofan biyyatti keessa deemuun soqa (barbaacha) isaanii cimsan.
Gaarreen, sulala fi tulluu keessa faffaca’an. Garuu homaa hin
argine.
Inumaa afaan goda Nabiyyii fi Abu Bakr keessatti dhokatan irra
gahanii turan. Garuu Rabbiin isaan argu irraa ni dhoowwe.
Bukhaarin Anas ibn Maalik irraa akka gabaasetti, Abu Bakr ni
jedha: Ani goda keessatti Nabiyyii (SAW) waliin ture. Yommuu
mataa kiyya olkaasu miila namootaa jala jira. Anis ni jedhe: Yaa
Nabiyyii Rabbii! Osoo isaan keessaa namni tokko ija isaa gadi
qabe, silaa nu argaa ture.” Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: Cal’isi yaa
Aba Bakri. Waa’ee namoota lamaan waliin sadaffaan Rabbiin ta’ee
ilaalchisee maal yaaddaa?”
1
Kuni Mu’jizaa Rabbiin Nabiyyii Isaa (SAW) ittiin kabajeedha.
Mushrikoonni tarkaanfi muraasa malee yommuu homtu isaan hin
hafne duubatti deebi’an.

