Sahaabonni Ergamaa Rabbii (SAW) meeshaa qopheefatanii
Makkaan keessaa bahuu isaanii mushrikoonni yommuu argan,
cinqii guddaan isaanitti dhagahame. Jeequmsi takkuu isaanitti hin
dhagahamne isaan raatesse. Balaan guddaan jireenya amantii fi
diinagdee isaanii sodaachisu isaan fuundura dhaabbatee jira.
Namummaa Nabii Muhammad (SAW) irraa humna guddaa
dhiibbaa geessu, hoggansaa fi qajeelcha guutuu beekanii jiru.
Sahaabota isaa irraayyis ijjannoo, gadi dhaabbannaa fi karaa isaa
keessatti wareegamu arganii jiru. Akkasumas, humnaa fi eeggumsa
Khazraja fi Aws keessa jiru beekanii jiru.
Akkasumas, Madiinaan iddoo istaraateji daldallii keessaan
darbuudha. Warri Makkaa waggaa keessatti meeshaa diinara warqii
ruubii miliyoonaa baasuu gara Shaamitti daldalaa turan. Akkuma
beekkamu daldalli kuni karaa kana keessatti nageenyi jiraachu
irratti hundaa’a. Kanaafu, da’awaan Islaamaa Madiina keessatti
dhaabbachuu fi jiraattonni ishii isaan faallessuun sodaa guddaa
akka isaanirratti fidu Qureeshota irraa hin dhokatu.
Mushrikoonni balaa guddaa jireenya isaanii sodaachu isaanitti
dhagahame. Karaalee balaa kana ittiin deebisan soquu (barbaadu)
jalqaban. Nabiyyummaa irraa bara 14ffaa Safara 26 Kamisa
ganama keessa Parlamaan Qureeshi wal gahuuf murteesse.
Kaayyoon isaaniis akkamitti alaabaa da’awaa kan baadhatu
balleessinaa fi guutumaan guututti ifa kana dhaamsiinaadha. Wal
gahii kanarratti bakka bu’oonni gosoota Qureeshaa hundi ni
argaman.
Akkuma beellamameetti yommuu isaan Daaru An-Nadwaa dhufan,
ibliisni sheeka guddaa fakkaachuun isaanitti mul’ate. Uffata furdaa
uffatee balbala mana keessatti wal gahanii irra dhaabbate. Isaaniis
ni jedhan: “Sheeka kamii?” Innis ni jedhe: Sheeka warra Najd irraa 287
ta’eedha. Wanta waliif beellamtan dhagaye dhufe. Wanta isin jettan
dhageefachuuf isin waliin argame. Tarii ilaalchaa fi gorsa isiniif
dhiyeessa.” Isaaniis ni jedhan: “Hayyee seeni.” Innis isaan waliin
seene.
5.1-Wal falmii parlamaa fi Nabiyyii (saw) ajjeesu
irratti wali galuu
Erga wal gahanii booda ilaalchaa fi shira isaanii dhiyeessu
jalqaban. Wal falmiin yeroo dheeraa ni fudhate. Isaan keessaa
namni Abu Aswad jedhamu akkana jedhe: Muhammadin of
keessaa isa baasnee biyya teenya keessaa ariina. Eessa akka deeme
ykn eessatti akka kufe haajaa (dhimma) itti hin qabnu. Ergasii
dhimma keenya ni tolchina, akkuma duraan turetti bartee
godhanna.”
Sheeykni Najdi (Ibliisni) akkana jedhe: Wallaahi! Lakki. Kuni
ilaalcha isiniif ta’uu miti. Miidhaginnaa fi mi’aa dubbii isaa, qalbii
namoota irratti injifannoo argachuu isaa hin arginee? Wallaahi!
Osoo isin kana hojjattanii, silaa inni jiraattota Arabaa keessaa tokko
qabata, ergasii gara keessanitti isaan waliin dhufuun biyya keessan
too’achuu irraa nagaha hin taatan. Ergasii wanta barbaadu isinitti
hojjata. Ilaalcha kanaan ala ta’e kan biraa baasaa.”
Abu Bakhtarii ni jedhe: Sibiila keessatti isa hidhaa. Balbala isatti
cufaa. Ergasii wanta walaleessitoota isa duraa qunname isarratti
eegaa.
Sheeykhni Najdii ni jedhe: Wallaahi! Lakki. Kuni ilaalcha isiniif
ta’uu miti. wallaahi, akkuma jettan yoo isa hiitan, dhimmi isaa
balbala isatti cuftan duubaan bahee sahaabota isaa bira gaha.
Isaanis isinirratti utaalanii isin harkaa fuudhuu danda’u. Ergasii isin
irratti injifannoo argatu. Kuni ilaalcha isiniif ta’uu miti. Yaada
biraa fidaa.”
Parlamaan yaada kanniin lamaan erga didee booda yaada badaa
hunduu irratti wali galee mujrimni guddaan Makkaa Abu jahal ibn Hishaam ni dhiyeesse. Abu Jahal ni jedhe: Wallaahi! Isa ilaalchisee
ani yaada isin hin yaanne qaba.” Isaaniis: Yaa Abbaa Hakam suni
maalidhaa?” Innis ni jedhe: Nu keessaa gosa hunda irraa
dargaggeessa cimaa tokko tokko ni fuuna. Ergasii dargaggeessa
hundaafu sayfi qaraa itti kennina. Ergasii gara isaatti (Nabiyyiitti)
qajeelanii haleellaa dhiira tokkoo haleelu (altokko waliin ta’anii
haleelu). Ergasii isa ajjeesanii isa irraa boqonna. Yoo isaan kana
hojjatan, dhiigni isaa gosa hundaa irratti faca’a. Kanaafu, Baniin
Abdul Manaaf gosoota kanniin waraanu hin danda’an. Gumaa
isaaniif kafaluun nurraa cal’isu.”
Sheykhni Najdii ni jedhe: Dubbiin wanta namtichi jedheedha. Kuni
ilaalcha (yaada) isaan ala yaanni biraa hin jirreedha.” Parlamaan
Makkaa sagalee caalmaan yaada badaa kanarratti wali galan. Bakka
buutonni gara mana isaanii deebi’an. Murtii kana yoosu hojii irra
oolchuuf ijjannoon ka’an

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top