Harbiyyi jechuun kan diina ta’ee
Muslimootaan lolaaru jechuudha. Inni kun amantii
Islaamaa balleessuuf, qabeenya Muslimootaa saamuuf,

1 Sahiiha Ibn Hibbaan 13/320, Al-Aasaar walmasanii kan Ibn Abii Oromummaa fi Islaamummaa
111
kabajaa isaanii xiqqeessuufi kkf irratti kan lola
banuudha. Isa akka kanaatiin loluun dirqama ta’a. Wanti
afaan guuttannee dubbannu tokko diina keetiin loltee
bilisummaa kee goonfachuun Islaama keessatti dirqama
malee fedhii miti. Garuu daangaa itti darbuu Islaamni nu
seerata. Jihaanni kan ajajames isa kana irratti. Warri hiika
jihaada lolaa hin hubatin akka kanatti hubachuutu irraa
eegama. Warra kana ilaalchisee Rabbiin ni jedhe:
} وا
ِل ا َّّللِ ِذي َن َو ي قَاتِل
ِي
فِ َسب
َّ
َو ي قَاتِل َل ونَ ك م ال
ِ تَ َّن عتَد وا
إ
ا َّّلل َل ي ِح ُّب م عتَِدي َن َ

ال { ]البقرة:
]190
Warra karaa Rabbii keessatti isiniin lolaniin lolaa. Daangaa
immoo hin dabrinaa. Rabbiin warra daangaa dabran hin
jaalatu. [Albaqaraa: 190]
Diina ofirraa deebisuun seera biyya kamii keessattuu
barreeffamee jira. Kanaafuu biyyi hunduu raayyaa ittisaa
mataa isaa qaba. Islaamni biyya Muslimaa tiksuudhaaf
raayyaa ittisaa qopheessuuf lammii biyyattii, qabeenya
isiifi amantii isii tiksuutti nu ajaje. Kun nama sammuu
qabu hunda birattuu gaaffii hin ta’u. Namni dhuunfaan
tokkoyyuu yoo itti roorrifame ofirraa faccisuu mirga
qaba.
Waan kanaan ala jiru Islaamni wal qixxummaatti nu
ajaja. Beektoleen Islaamaa warri Islaama seeraan hojiirra
oolchanis kanuma raawwatanii darban. Umar bin
Alkhaxxaab yeroo Amr bin Al-Aas Misra irratti muude
keessa ilmi Amr tokko nama Gibxii rukunnaan Umar Oromummaa fi Islaamummaa
112
Amriifi ilma isaa waamee fuuldura biyyaatti akka
gurbaan Gibxii sun rukutee baafatu godhee jecha isaa
beekamtuu armaan gadii jedhe:
متى استعبدتم الناس وقد ولدتهم أمهاتهم أحرارا
“Yoom namoota gabroomfattan haawwonni isaanii walaba
isaan da’anii osoo jiranii?”1
Manni murtii Muslimootaa khaliifaa Muslimootaa
Muslima hunda bulchu irrattillee murteessaa ture. Yeroo
Alii bin Abii Xaalib biyya bulchu keessa kobbortaan inni
uffatu irraa buunaan Yahuudaan tokko fudhate. Aliin
argee “kobbortaa kooti gaala kiyya irraa kufe” jedhee
qabe. Yahuudichi immoo “kan kooti anarka jiras; kottu
abbaa murtii Muslimaa bira dhaqnaa” jedhe. Erga abbaa
murtii Shurayh jedhamu bira dhaqanii isa biratti wal
falman. Abbaan murtichaa Aliidhaan “akka inni
kobbortaa kee ta’e nan beeka” jechuu wajjin ragaa akka
fidatu gaafate. Achiin nama Qambar jedhamuufi Hasan
ilma isaa waammannaan ragaa bahaniif. Shurayhis kan
Qambar fudhatee kan ilma keetii hin ta’u jedhee dide.
Ragaa biraa waan dhabeef kobborticha Yahuudichaaf
murteesse. Yahuudichis yeroma wal qixxummaa jidduu
Khaliifaafi nama dhuunfaatti geggeeffamu kana argu
Islaama fudhate. Kobbortichi keeti jedhee Aliif kenne.
Aliinis deebisee isaaf kenne.2

1 Kitaaba Asr Alkhilaafat Arraashidaa 1/127 keessa jira.
[الحاكم فى الكنى ، وأبو نعيم فى الحلية ، وابن الجوزى فى الواهيات( ]كنز العمال 17795) 2 Oromummaa fi Islaamummaa
113
Seenaan kana fakkaatu bulchitoota Muslimaa biyya
keenyaa keessaa kan Jamaaluddiin jedhamuun
naannoo Hararitti geggeeffameera: abbaa haqaa ta’uu
isaa waan akeeku kan nama ajaa’ibutu dhufe. Innis
ilma isaa daa’ima irraa tokko daa’ima Habashaa wahii
wajjin taphatee daa’ima isaanii tokko rukutee harka
cabse. Yeroo hanga ta’eef waan kana isa dhoksan.
Dubbiin kun booda isa dhaqqabe. Matootii ummata
isaa walitti qabee waan kana isa dhoksuu isaanii irratti
isaan komate. Ergasii akka mucaan isaa fidamee
gumaan baafamu ajaje. Waan xiqqoo ta’eef gurmuutti
baatamee dhufe. Matootiin hunduu ka’anii
manguddummaa kadhatan. Isaan maatii mucaa sanaa
akka fidan wabii ta’an. Manguddummaa isaanii hin
qeeballe. Abbaa daa’ima sanaafi maatii isaa fidan.
Haqa isaanii kana ni dhiisaniif. Akka inni ilma isaa
kanaaf araaramu hanga danda’an kadhatan. Isaan
didee mucaa isaa harka qabe. Harka isaa dhagaa irra
diriirsee irree isaa sibiilaan rukute.1 Matootiin
dhaabatanii boo’icha daa’imaatiif boo’aa turan. Inni
immoo ‘hanga daa’ima kana laalessite laaladhu’ jedha
ture. Osoo inni madichaan iyyuu akka
dhukkubsachiiftuuf kaadimni gara haadhaa geesse.
Barri isaa sodaatamaa ture. Erga yeroo sanaatii

1 Akka seera Islaamaatti daa’ima irratti gumaa akkasii raawwachuun
waan jiru natti hin fakkaatu; namni hubannoon wal dhabuun ni
mala. Oromummaa fi Islaamummaa
114
mootummaa isaa keessatti namni tokkollee nama biraa
miidhuu irratti hin gootomne. Inni haala akka kanaa
kan of tiksuu, ibaadaa qabaachuu, dhimma isaafi
biyya isaa hunda to’achuu, kabajaan guutuu, warra
badii dhabamsiisuufi badii balleessuu ilaalchisee
baay’eedha.”1
Al-Ilmaam keessatti ni jedhe: “oduu kana nama
amanamaa Jamaaluddiin wajjin taatee sanatti hirmaatee
argetu natti hime. Sana booda namni tokkollee qabeenya
namaa fudhachuutti hin uggine; hin dandeenyes.
Xiqqoollee ta’u nama biraa hin miidhanu. Kabajaa isaa
irraa kan ka’e yeroo inni waa tokko ajaje ykn dhorge
amiironni isaa tokkollee ajaja isaarra hin taran.”2
Silaa wal qixxummaan seera fuulduratti akka kana ture.
Bara ammaa manni murtii dhaabates diraamaa paartii
bulchaaruuf dalaga malee kan haqa hojjatu qubaan
lakkaa’ama. Qabxiin ijoon nuti asitti fudhannee kaane
waa lama. Inni jalqabaa Islaamni dirqamaan amantii
fudhachiisuu nama hin ajaju; warri yaada akkasii
baballisan jibbaa Islaamaaf qaban irraa kan ka’eedha
malee ajaja Islaamaa ta’eetii miti. Lammaffaan immoo
seera Islaamaa keessatti namni hunduu osoo eenyummaa
isaa kamiinuu adda hin bahin murtii haqaa argachuu
qaba kan jedhuudha.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top