HIIKA HIJRAA (GODAANSAA) FI MINDAA ISAA
Jireenya keessatti namni bakka tokko irraa bakka biraa qubachuun
ni jiraata. Adeemsa kanaan “godaansa” jennaan. Jecha biraatin
godaansa jechuun bakka tokko irraa deemun bakka biraa
qubachuudha. Warri baadiyaa bonaa fi ganna bakka adda addaatti
horii fi hoolota isaanitiin godaanu. Takkaa gara baddaa takkaa
immoo gara gammoojji godaanun jireenya ofii gaggeessu. Sababni
isaan itti godaananiif beelladoota isaaniitiif marga dheedamu
barbaadudha. Tiiksen rakkoolee godaansa kana keessa jiru hunda
danda’uun beelladota eega. Beelaa fi qorra baddaa obsaan dabarsa.
Kuni waa’ee godaansa ummata keenya keessatti beekkame ibsuufi.
Godaansi horii qofaaf kan godaanan osoo hin ta’in amantii ofiitiifis
ni godaanan. Akkuma warri baadiyaa bakka margaa horiin isaanii
itti dheedutti godaanan warri amantii ofiitiif godaananis bakka
amantii ofii nagahaan itti gaggeessanitti godaanu. Namni Rabbiif
jedhee godaane, dhugumatti mindaa guddaa argata. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa warroota karaa Isaa keessatii
“Erga cunqurfamanii booda warroonni [karaa] Rabbii
keessatti godaanan, dhugumatti addunyaa keessatti bakka
gaarii isaan qubsiifna. Garuu mindaa Aakhiraatu irra
guddaadha, osoo kan beekan ta’anii.” Suuratu An-Nahl 16:41
Erga ummata isaaniitiin cunqurfamanii fi Islaama irraa akka
deebi’an isaan qoranii booda, warroonni biyyaa ofii dhiisanii
jaalala Rabbii barbaaduun gara biraatti godaanaan mindaa lama
qabu: 1ffaa-addunyaa tana keessatti iddoo gaarii qubsiisuu fi rizqii
gaarii isaaniif kennu. 2ffaa-Aakhiratti mindaa guddaa isaaniif 228
kennuudha. Dhugumatti, mindaan Aakhiratti argatan mindaa
addunyaa tana keessatti argatan caala. Namoonni guddinna mindaa
kanaa osoo beekanii silaa yommuu sababa amantii isaanitiif
cunqurfaman, eenyullee godaanu irraa duubatti hin deebi’u.
Eeti, biyya ofii gadi lakkisanii gara biyya biraatti godaanun rakkoo
adda addaatiif nama saaxila.
“[Isaan] warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.”
Suuratu An-Nahl 16:42
Ummata isaanii irraa wanta isaan tuqee irratti ni obsan, biyyaa ofii
gadi dhiisanii godaansaf bahuu irrattis ni obsan. Wanta Rabbiin
subhaanahu jaallatu hojii irra oolchuf Isa irratti hirkatu.
Seenaa keessatti Muslimoonni sababa amantii isaaniitiif godaananii
jiru. Yeroo Nabiyyiin (SAW) ergaman godaansi jalqabaa gara
Habashaa ture. Sahaabonni gara Habashaa si’a lama godaanan. Itti
aanse gara Madiinaa godaanan. Akkuma aayah armaan olii
keessatti warra godaananiif waadaa galamee, addunyaa keessatti
bakka gaarii Rabbiin isaan qubsiise. Muslimoonni gara Habashaa
godaanan nageenya argachuun amanti isaanii haala gaariin
gaggeessan. Warri gara Madiina godaananis bakka gaarii
qubachuun mootummaa guddaa hundeessanii jiru. Biyyoota adda
addaa banuun Islaama babal’isanii jiru. Kuni mindaa jalqabaa
isaaniif kennameedha. Mindaan guddaan kana caalu Guyyaa
Qiyaamaa isaan eeggata. Seerri Rabbii yeroo hundaa hojii irra kan
oolu waan ta’eef, namni yommuu cunqurfamuu amanti ofiitiin
dheessun Rabbiif jedhee yoo godaane, mindaa aayah armaan olii
keessatti waadaa galame ni argata. 229
Namoonni gariin yommuu cunqurfaman, godaanu dhiisanii Islaama
irraa duubatti deebi’uun kafaru. Garuu kuni kasaaraa guddaa
isaanitti fida. Rakkoo yeroo gabaabaf isaan qunnamu irratti obsuu
wayyaa moo adabbii Jahannam yeroo hunda
“Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Dhugumatti dachiin
Tiyya bal’oodha. Kanaafu Ana qofa gabbaraa.” Suuratu Al-
Ankabuut 29:56
Kuni, biyya amanti ofii itti gaggeessu hin dandeenye keessaa gara
biyya amanti ofii itti gaggeessu danda’anitti godaanu akka qaban
ajaja Rabbiin irraa warroota amananiif darbeedha.1
“Dhugumatti
dachiin tiyya bal’oodha.” Gara lafa nagaha itti taatanii fi
hacuuccaa kaafirotaa fi mushrikootaatiif hin saaxilamneetti
godaanaa. Yommuu godaantan, jaalala Kiyya barbaadun godaanaa.
Dachiin iddoo bal’oo ibaadaaf taatudha. “Kanaafu Ana qofa
gabbaraa.”
Adabbii kaafirootaa fi mushrikootaa sodaachu fi godaansa dhiisun,
Islaamaa irraa duubatti deebitanii Ana waliin waan biraa hin
gabbarinaa. Yoo Islaama irraa duubatti deebitan, kasaaraa guddaatu
isin qunnama. Namoonni gariin adabbii kaafirotaa sodaachu fi
godaansa dhiisun Islaama irraa duubatti kan deebi’aniif lubbuu
isaanitiif sodaachuni. Yoo adabbiif saaxilamee ykn godaane nan
du’a jechuun sodaatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sodaa kana
1 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/72 230
“Nafseen hundi du’a ni dhandhamti. Ergasii gara Keenyatti
deebifamtu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:57
Biyyaa keessan keessatti taatanii, biyya biraatti godaantanii duuti
isin irraa hin haftu. Kanaafu, bakka isin itti ajajetti Rabbiif
ajajamaa. Inni kuni isiniif irra gaariidha. Duuti dhufuun waan hin
hafneef jalaa miliquunis hin jiru. Namni yeroon du’aa yoo gahe,
nafseen hunduu akka duutu yoo beeke, godaansa ykn amantii ofii
irraa duubatti hin deebi’u. Biyya ofii keessa ta’e godaanes duuti
isatti ni dhufti. Ammas, yeroo dheeraaf nan jiraadha jedhee yaadun
amantii irraa duubatti yoo deebi’e, duuti isatti dhufuun waan hin
oolle.
Nafseen hundi du’a akka dhandhamtu beekun qofti gahaa miti.
Kaafironnu kana waan beekaniif waraanaa keessatti gootummaa
argatu. Garuu warroota amananiif abdii fi gootummaa guddaa kan
ta’uuf, du’aan booda kaafamuun mindaa guddaa akka argatan
beekuu fi abdachuudha (ilaali suuratu An-Nisaa 4:104). Kanaaf ni
jedha, “Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.” Yeroon barzakha
jireenya addunyaa tanaa fi jireenya biraa Guyyaa Kaafamaa addaan
baasu erga xumuramee booda, qorannoo Gooftaa keessanii, murtii
Isaa argachuu fi jazaan Isaa hojii irra akka ooluuf dirqamaan gara
jireenya lammataatti ni deebitu. 1 Kanaafu, namni du’aan booda
kaafamuun qoratamee mindaa guddaa akka argatu yoo beeke fi
amane, rakkoolee fi ulfaatinni sababa amantii isaatiif isa qunnaman
isaaf salphatu.
Jireenya keessatti namni wanta tokko kan hojjatuuf bu’aa wayii
hojii san irraa abdateeti. Akkasi miti ree? Namni Rabbiif jedhee
godaanus, “Manaa fi biyya kiyya dhiisee yommuu godaanu bu’aan
ani argadhu maaliidhaa?” jedhee of gaafachuun isaa hin oolu.
Deebiin kanaa, Suuratu An-Nahl 16:41 jalqaba irratti kaasne
keessatti kennamee jira. Garuu, “mindaan Aakhirah kuni maal
1 Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi 15/291 231
ta’inna laata?” Jechuun gaafachu danda’aa. Deebiin kanaa rabbiin nii jedha
“Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti
Jannata irraa manneen jireenyaa jala ishii laggeen yaa’an, achi
keessa yeroo hundaa kan jiraatan ta’anii isaan qubsiifna.”
Mindaan hojjattootaa waa tole! [Isaan] warra obsanii fi
Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.” Suuratu Al-Ankabuut
29:58-59
Namni tokko, “Sila mindaan guddaan kuni warra godaanan qofaaf
ta’aa?” jedhee gaafachu danda’a. Lakki, warra ganda kufrii irraa
godaanan qofaaf osoo hin ta’in namoota dhugaan amananii fi hojii
gaggaarii hojjatan hundaafis ni ta’a. Keeyyattonni armaan olii
warra amanan, Rabbiif jedhanii godaananii fi hojii gaggaarii
hojjatan hunda of keessatti hammatu. Garuu Islaama keesatti
godaansi hiika lammataa akka qabu hubatamu qaba. Hiikni kunis:
wanta Rabbiin dhoowwe irraa gara wanta Rabbiin jaallatutti
godaanudha. Jecha biraatin, ma’asiyaa (badii) irraa gara Rabbiif
ajajamutti qajeeludha. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan:
“Muhaajir (godaanaan) nama wanta Rabbiin irraa dhoowwe
dhiisedha.” Sahiih Al-Bukhaari-6484
Sheykh Muhammad bin Saalih Useymiin hadiisa kana ilaalchise ni
jedha: “Akkuma beekkamu muhaajira jechuun amantii ofii
gaggeessuuf nama biyya kufrii keessaa gara biyya Islaamatti
baheedha (godaanedha). Garuu godaansi hiika biraas ni qaba. Innis,
namni wanta Rabbiin dhoowwe dhiisudha. dubbii dhoowwame hin
dubbatu, hojii dhoowwame hin hojjatu, wanta dirqamaa (waajiba)
ta’e hin dhiisu. Kana irra, dirqamoota ni hojjata, wanta 232
dhoowwame immoo ni dhiisa. Kuni muhaajira (godaanaa)dha.
Sababni isaas, wanta Rabbiin dhoowwe irraa ni fagaate.”1
Dubbiin erga akkana ta’ee, keeyyattonni (aayaanni) armaan olii
muhaajira biyya kufrii gadi lakkisuun gara biyya Islaamaa
godaanee fi muhaajira wanta Rabbiin dhoowwe dhiise fi
dirqamoota hojjate of keessatti hammatu jechuudha. Mee mindaa
kana haa ibsinu: “Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan,
dhugumatti Jannata irraa manneen jireenyaa jala ishii laggeen
yaa’an, achi keessa yeroo hundaa kan jiraatan ta’anii isaan
qubsiifna.”
Kana jechuun dhugumatti warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan
Jannata jala ishii laggeen garagaraa yaa’an keessatti manneen
jireenyaa ol fagoo ta’an isaan qubsiifna. Jannata keessa isaan yeroo
hundaa jiraatu, achi keessaa bahuu fi jijjiramuun hin jiru.
“Mindaan hojjattootaa waa tole!” Jannata qananii keessatti
manneen jireenya dhedheeroo ta’an kunniin akka mindaatti Rabbiif
jedhanii warra hojii gaarii hojjataniif ee waa tolan!2
“[Isaan] warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti
hirkataniidha.” Jechoota kana keessa sababa warri amananii fi
hojii gaggaarii hojjatan Guyyaa Murtii mindaa guddaa itti argatan
ibsa. Sababni kuni gara amaloota gurguddoo lamaatti deebi’a:
1ffaa- Wanta Rabbiin itti ajajee hojjachuu irratti obsu, wanta Inni
dhoowwe irraa obsuu fi musiibaa irratti obsuudha. Obsi humna
fedhii cimaa keessaa humna amalaa gaarii yommuu ta’u, namni
ifaajee, rakkinnaa fi ulfaatinna baadhachuuf nafsee ofii akka
too’atu isaa dandeessisa. Ammas, miira dallansuu, hifachuu,
jarjaruu, sodaa, dharra’uu fi fedhii lubbuutiin dhiibamuu irraa akka
nafsee ofii too’atanii fi sirreessan nama taasisa.
1 Sharihu Riyaadu Saalihiin- 6/234
2 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/73 2ffaa-Rabbiin irratti hirkachuu-kuni amala gaarii lammaffaa warra
Jannata seenaniiti. At-Tawakkulu alallah (Rabbiin irratti hirkachuu)
jechuun wanta namarraa eeggamu hojjachuu waliin Rabbiif harka
kennuu, dhimmoota akka namaaf qindeessuu fi galmaan gahuu
Isaaf dhiisudha. 1 Warri Rabbiin irratti hirkatan, hanga danda’an
wanta isaan irraa eeggamu ni hojjatu, hojii san Rabbiin subhaanahu
tartiiba akka qabsiisuu fi guutuuf Isarraa ni abdatu, gargaarsa
Isarraa kadhatu.
Guduunfaa
☞ Islaama keessatti godaansa (hijraa) jechuun biyya kufrii Muslimoonni
keessatti cunqurfaman gadi dhiisun gara biyya amanti ofii nagahaan itti
gaggeessanitti godaanudha. Ammas, hikni lammata godaansaa- “Wanta
Rabbiin subhaanahu dhoowwe dhiisudha.”
☞Godaansi mindaa guddaa qaba. Garuu mindaa guddaa kana argachuuf
niyyaa ofii Rabbiif qulqulleessun barbaachisaadha. Ergamaan Rabbii
(SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani.
Nama hundaafu wanta niyyate qofatu isaaf jira. Namni godaansi isaa
gara Rabbii fi Ergamaa Isaa taate, godaansi isaa gara Rabbii fi
Ergamaa Isaati. Namni godaansi isaa faaydaa duniyaa argachuuf
yookiin dubartii fuudhuf taate, godaansi isaa gara wanta inni itti
godaaneti.” (Sahiih al-Bukhaari fi Sahiih Muslim)
☞Hadiisni kuni waa lama nu hubachiisa: Hojiin namootaa niyyaa irratti
hundaa’a. Namni Rabbiif jedhee qe’ee ofii gadi dhiisee godaane ykn
wanta itti ajajame hojjate fi wanta irraa dhoowwame dhiise, mindaa
guddaa Rabbii olta’aa irraa argata. Namni niyyaan isaa Rabbiif osoo hin
ta’in addunyaaf ykn dubartii fuudhuf yoo ta’e immoo, Guyyaa Murtii
mindaa guddaa kana Rabbiin irraa hin argatu.

