Sababoota gara Habashaa akka godaanan isaan taasise
Sahaabota Nabiyyii (SAW) irratti balaan guyyaa guyyaan dabaluu
fi cimuu itti fufe. Kaafironni Makkaa Islaama irraa duubatti
deebisuuf sahaabota hidhaan, rukuttaan, beelaan, dheebun, hoo’a
Makkaatii fi ibiddaan isaan rakkisuu turan. Garuu yeroo kanatti
wanti nama ajaa’ibu sababa ciminna balaatii fi du’a sodaachuun
sahaabota keessaa namni Islaama irraa duubatti deebi’e hin jiru.
Kuni dhugummaa isaanii agarsiisa. Eeti, isaan keessaa gariin
qalbiin isaa iimaanan tasgabbooftee fi guutamte osoo jirtuu arraba
qofaan dubbii kufri kan dubbate ni jira. Qalbiin iimaanan waan
guutamteef kuni kufritti isa hin geessu (ilaali suuratu An-Nahl
16:106)
Ammas isaan keessaa nama amantii isaa irratti goguun wanta isaan
jedhi jedhaniin didetu jira. kan akka Bilaal ibn Rabah. “Ahad, Ahad
(Tokkicha, Tokkicha)” jechuu malee jecha kufrii isaan itti
dirqisiisan ni dide.
Ergamaan Rabbii (SAW) sadarkaa fi eeggumsa Rabbiin biraa waan
qabanif, itti aanse abbeeraa isaanii irraa eeggumsa waan argataniif
hamma ta’ee nagaha turan. Garuu yommuu Nabiyyiin (SAW) balaa
sahaabota irra gahuu fi isaan irraa deebisuuf humna kan qabne
ta’uu arguu, akkana isaaniin jedhe: Osoo gara biyya Habashaa
godaantanii. Sababni isaas, Biyya san keessa mootii eenyullee isa
biratti hin cunqurfamnetu jira. Ishiin biyya haqaati. Wanta keessa
jirtan keessaa hanga Rabbiin karaa bahiinsa isiniif godhutti, [achi
turaa]” Ergasii Sahaabota Nabiyyii (SAW) irraa Muslimoonni
gariin sababa fitnaatiin amanti irraa duubatti deebi’u sodaachuun
gara biyya Habashaa godaanan. Islaama keessatti kuni godaansa
(Hijraa) jalqabaa turte. Sababoota gara Habashaatti akka godaanan
isaan taasisan keessaa muraasni, sababa adabbii fi rakkoo
Qureeshonni isaan irraan gahaniin Islaamaa irraa duubatti deebi’u
sodaachu, gara Islaamaa namoota waamu, yaaddo Rasuulaa (SAW) 235
hir’isuu fi kan biroo turan. Namni sababa fitnaatiin (qormaata
cimaatiin) Islaama irraa duubatti nan deebi’e jedhee yoo sodaate,
bakka fitnaan hin jirreetti dheessutu isaaf caala.
1.1-Nabiyyiin (SAW) Maaliif Habashaa Filatanii?
Gaafi kanaaf deebii deebisuuf sababoota baay’etu jira. Isaan
keessaa:
1-Najaashin mootii haqaa ta’uu
2-Najaashin nama gaarii (saalih) ta’uu
Nabiyyiin (SAW) mootii Habashaa maqaa gaariin akka kaasan
gabaafamee jira: “Biyya Habashaa mootii gaarii Najaashi
jedhamutu jira. lafa isaa keessatti eenyullee hin miidhu.” Kuni
dhugaa ta’uun isaa ni mirkanaa’e. Najaashin Muslimoota akka
keessummaatti gara isaatti dhufan ni eege, Qureeshotaaf dabarsee
kennuu ni dide. Akkasumas, yommuu Qur’aana Ja’afar irraa
dhagayuu keessi isaa ni tuqame. Waa’ee Iisaa ilaalchisee amantiin
inni qabu sirrii ture. (Iisaan Gooftaa ykn ilma gooftaa osoo hin
ta’in, Nabiyyii kabajamaa akka ta’etti amana).
3-Habashaan iddoo Qureeshonni daldala itti adeemsisaniidha-
Yeroo sanitti Habashaan handhuurota daldalaa keessaa tokko akka
taatetti ilaallamti. Tarii sababa daldalaatiif gara achi waan
deemaniif ykn namni san dura garas deeme waan isaanitti himeef
Muslimoonni waa’ee biyya tanaa beekan. Xabariin yommuu sababa
godaansa gara Habashaa ibsuu akkana jechuun dubbata: Lafti
Habashaa Qureeshotaaf iddoo daldala itti daldaalatan turte. Galii
baay’ee fi nageenya achitti ni argatu.”
4-Habashaan biyya nageenyaa fi of dandeettedha- tarii kuni sababa
guddaa ta’uu danda’a. Qureeshonni Habashaa keessatti aangoo hin
qaban. Sahaabonni Habashaan ala osoo Araboota naannawa
Makkaa jiranitti godaananii silaa nagaha hangas mara hin argatan.
Sababni isaas, Araboonni baay’een gara Makkaa hajjiif waan 236
deemaniif Qureeshotaaf ajajamu. Yeroo hajjii gargaarsa isaanii
waan barbaadanii fi daldalaaf waan isaan irratti hirkataniif
Qureeshotaaf of gadi qabu. Akkasumas, Araboonni naannawa san
jiran da’waa Nabiyyii faallessaa turan. Haala kanaan, Qureeshotaan
walitti galuun harka walitti naqatu. Gara biraatin Habashaan
amantiin isaanii kan Qureeshotaa irraa garagara waan ta’eef Hajjiif
gara Makkaa hin deeman. Kanaafu, Qureeshota hin sodaatan,
isaaniif hin ajajaman. Gabaabumatti, Qureeshonni dhiibbaa
siyaasaa Habashaa irratti hin qabdu. Kanaafu, iddoon nagahaa fi
filatamaa Muslimoonni itti godaanu danda’an Habashaadha.
5-Nabiyyiin (SAW) Habashaa beekuun jaallatanii jiru. Hadiisa
Zuhriyyi keessatti Ergamaa Rabbii biratti biyyi hundarra
jaallatamtuun itti godaanu barbaadan Habashaa akka taate
gabaafame jira. tarii jaalalli kuni sababoota qaba. Isaan keessaa:
-Bulchiinsa haqummaa Najaashi
-Nabiyyiin (SAW) karaa dubartii isa guddisteetiin waa’ee
Habashaa beeku. Dubartiin yeroo daa’imummaa Nabiyyii
kunuunsaa turte Umm Ayman jedhamti. Ishiin Habashaa irraayyi.
Kanaafu, waa’ee biyya ishii isatti himuun ishii hin oolu.
Yeroo warroonni godaanan (Muhaajironni) itti bahan, iccitii
bahuu fi Habashaa gahuu
Nabiyummaa booda waggaa 5ffaa irraa ji’a Rajab keessa
Sahaabonni Rasuula (SAW) dhoksaan Makkaan gadi furanii bahan.
Dhiirota kudhanii fi dubartoota afur turan. Gabaasa biraa keessatti
Dubartoota shaniis jedhamee jira. Qureeshonni yommuu kana
beekan gara Makkaatti deebisuuf isaan dhaqqabuuf yaalan. Hanga
galaana gahanitti faana isaanii duuka bu’an. Garuu Muslimoonni
gara Habashaatti qajeelun galaana irra markabaan lixanii jiru.
Yommuu Habashaa gahan Najaashin haala gaariin isaan
keessumeesse. Nageenyaa fi tasgabbii biyya ofii keessatti dhaban,
Habashaa keessatti argachuu jalqaban. 237
Godaansa irraa jalqabee Muslimoonni Habashaa keessa ji’oota
sadii jiraatan. Makkaatti immoo jireenya Muslimootaa keessatti
jijjiramni guddaan ni uumame. Haalli duraan hin turre ni argame.
Haalli kunis isaan keessatti abdii Makkaan keessatti ergaa Islamaa
babal’isuu ni kakaase. Jijjiramni guddaan dhufe kunis, abbeeraa
Nabiyyii (SAW) kan ta’e, Hamzaan Islaamawuudha. Hamzaan
Qureeshota keessatti nama jabaa fi dirree lolaatti kan sodaatamu
ture. Yommuu inni Islaama keessa seenu, Qureeshonni Ergamaan
Rabbii (SAW) akka jabaate fi eeggame ni beekte. Sababni isaas,
abbeeraan isaa isa eega. Qureeshonni azaa duraan irraan gahaa
turan irraa of qusachuu jalqaban.
Hamzaan erga islaamawe booda Umar ibn Al-Khaxxaab ni
islaamawe. Umar nama jabaa namni kamu isa hin tuqneedha.
Hanga Makkaan keessatti ifaan ifatti amantii isaanii ibsan gahanitti
Muslimoonni Islaamawu Umarii fi Hamzaatiin kabajni, jabeenyi fi
eeggumsi isaanitti dhagahame. Namoota ciccimoo fi gurgudoo
lamaan kanniinin Muslimoonni jabeenya argachuu jalqaban.
Abdullah ibn Mas’uud ni jedha, “Dhugumatti, Islaamawun Umar
baniinsa ture. Godaansi isaa injifannoo ture, bulchiinsa isaa
rahmata ture. Dhugumatti hanga Umar Islaamawutti Ka’abaa biratti
hin salaannu turre. Yommu islaamawu hanga Ka’abaa biratti
salaatutti Qureeshotaan wal lole. Nutis isa waliin salaanne.” (As-
Siiratu An-Nabawiyyah-Ibn Hishaam (1/365)
Abdullah ibn Umar akkana jechuun gabaase: Yommuu Umar
islaamawu akkana jedhe, “Miseensa Qureeshotaa keessaa eenyutu
namoota hundarra oduu ariitin facaasaa?” Jamiil ibn Ma’mar Al-
Jumahiyy isaan jedhame. Innis ganamaan gara Jamiil deeme. Anis
(Abdullah) maal akka hojjatu ilaaluf isa duuka bu’e. Yommuu
Umar Jamiilitti dhufu akkana jedhe, “Yaa Jamiil ani akka
Islaamawee fi amantii Muhammaditti seene beektee?” Jamiilis
homaa osoo itti hin deebisin uffata isaa lafarra harkisaa gara
Masjiidaa qajeele. Umaris isa hordofe, anis abbaa kiyya hordofe. 238
Ergasi Qureeshonni naannawa Ka’abaatti osoo walitti qabamanii
jiranu Jamiil balbala Masjiidaa irra dhaabbachuun sagalee olkaase
ni jedhe, “Yaa tuuta Qureeshotaa! Ilmi Khaxxaaba (Umar) amanti
isaa gadi dhiisee jira.” Duuba isaati Umar ni jedhe, “Kijibee jira.
Garuu ani Islaamawe fi Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka
hin jirree, Muhammadis gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa
bahee jira.” Qureeshonni isatti olka’an. Umar isaaniin wal loluu hin
dhiisne hanga aduun walakkaa samii geessutti. Dhumarratti, namni
hunduu dadhabee taa’e.”
Gabaabumatti Hamzaa fi Umar erga Islaama keessaa seenanii
booda haalli Muslimoota ni jijjirame. Duraan salaatu kan hin
dandeenye Muslimoonni amma Ka’abaa biratti ifaan ifatti salaatu
danda’aniiru. Akkasumas, bakka wal-gahii dhoksaa isaanii kan ta’e
Daarul Arqam (Mana Arqam) keessaa gara Masjiidaatti amanti
isaanii labsuun bahan. Qureeshonnis akka durii isaan rakkisuu
irraa of qusachuu eegalte. Godaansa Habashaa dura haalli
Muslimoonni keessa jiraatan amma gara haala gaaritti jijjirame.
Kuni eenyurraallee ni dhokata jettee yaaddaa? Makkaatti jijjiramni
jireenya Muslimoota keessatti dhufe kuni biyya Habashaa hin gahu
jettee ni yaaddaa? Osoo karaa nama galaana irra deddeebi’uun
Jiddaan bira darbu ta’eeyyuu.
Oduun jijjirama kana hundaa Muslimoota gara Habashaatti
godaanan bira osoo hin gahin hin hafu. Shakkii hin qabu, isaaniis
oduu kanaan garmalee gammadu. Kana booda yaaddoo fi dharraan
isaanii gara biyyaa ofii deebi’udha. Muslimoonni Habashaatti
godaanan kunniinis sababa Islaamawu Hamzaa fi Umaratin waan
beekanii fi Sahaabota gurguddoo lamaan kanaan Muslimoonni ni
jabaatu jedhanii amanuun gara Makkaa ni deebi’an.
Garuu Qureeshonni Islaamawu Hamzaa fi Umari haala adda
addaatin faallessu jalqabde. Gara tokkoon shiraa fi dhara baasun
gara biraatin gar-jabeenyaa fi roorrummaan Islaamaatti duulu itti fufte. Faallaa Nabiyyii (SAW) tooftaa duulaa ni dabalte. Tooftaan
duulaa kunis uggurrii diinagdee fi hawaasummaa boodarra
ilaalludha. Kanaafu, sababa roorroo fi gara-jabeenya haala
haarawaan Qureeshonni jalqabaniin Muslimoonni yeroo
lammataatiif gara Habashaatti godaanuf dirqaman. Namoonni
baay’een duraan hin godaannes isaanitti dabalaman.

