Images 33

Akkuma dubbannee dabarsine biyya keenyatti akka
Amaarriifi kiristaanni adda bahuu hin dandeenye
Oromoofi Islaamni adda bahuu gonkuma hin danda’an.
Ummanni Oromoo harki caalu Afaan Oromoo afaan
Islaamaa, Amaariffa immoo afaan Kiristaanaa jedhee
beeka. Sababni isaas ifaadha. Oromoonni biyya kanaa
osoo Muslima ta’uu baatanii Kiristaana Ortodoksii ta’anii
silaa eenyummaafi Afaan Oromoo badee Amaariffi
bakka bu’uun shakkii hin qabu. Namni tokko ogga
Kiristaana, keessumaa Ortodoksii ta’u dirqama
Amaariffa barachuu eegala. Ilmaan isaa ykn ilmaan
ilmaanii shakkii tokko malee Amaara ta’u. Hacuuccaa
yeroo sana ture irraa ka’ee maalummaa ofii dhoksuutti Oromummaa fi Islaamummaa
188
seena. Oromummaa dhokfatanii Amaaratti of hirkisu.
Warri gocha akka kanaa godhe ammas lakkoofsi isaanii
baay’eedha. Isaan keessaa Hayle Sillaaseen fakkeenya
guddaadha. Kallattii abbaatiin Oromoo ta’uu waliin kan
dhiiga Oromoo dhugee foon isaanii nyaate isa ture.
Akkasuma naannoo amantichaatiin injifatamee kan
Oromummaa isaa dagatu baay’eedha; sababa kanaa
ilmaan qabsaa’ota Oromoo kan amantiin isaanii
Kiristaanaa baay’een yeroo ammaa Afaan Oromoo hin
beekan. Kanaafuu Islaamni Afaan Oromoo tiksuu
keessatti ga’ee guddaa gumaache. Bu’aan Islaamni
Oromoof buuse baay’eedha. Isaan keessaa qabxiilee
gurguddoo qofa haa ilaallu:

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top