Hariiroo Jechoota Kana Sadanii
Jechoota kanniin sirriitti hubachuuf qabatama biyyootii
adda addaa tuquun barbaachisaa ta’a. Sochiin biyya
Faransaayii yeroo jalqabu sabboonummaafi biyyoomni
isaan biratti tokko ture. Sababni isaas ummanni Afaan
Faransaayii dubbatan hunduu Faransaayii keessa jiraatu.
Akkasumas biyyattii kan to’ate sabuma sana qofa ture.
Kanaafuu sabni Faransaayii bilisoome jechuun biyyi
Faransaayii bilisoome jechuudha. Faallaa kanaas biyyi
Faransaayii bilisoome jechuunis sabni Faransaayii bilisa
ba’e jechuudha. Kanaafuu biyya sanatti saba jechuufi
lammii jechuun, akkasuma sabboonummaafi jaalalli
biyyaa hiikti isaa tokko ture. Biyyoonni akka Jarmanii,
Jaappaaniifi kkf haala kan Faransaayiitiin wal fakkaatu.
Sababni isaas saba tokkotu dachii tokkorra jiraata waan
ta’eef.
Biyyootii biroo kan akka Arabaa biratti immoo
biyyoomni kan saba Arabaa irra dhiphoo ta’e. Isaan
jalqaba sochii biyyoomaa eegalanii itti waamaa turan.
Biyyoonni akka Misraa, Sooriyaafi kkf sochii biyyoomaa
eegalanii turan. Garuu booda akka biyyoomni kan sabaa
irra dhiphina qabu baranii sochii sabboonummaatti
jijjiiran. Misra erga Jamaal Abdul Naasirii kaaftee
sabboonummaa Arabaatti deebite. Achiin biyyoonni
Arabaa hunduu sabboonummaatti deebite. Garuu
kaayyoon sabboonummaa isaanii hunduu wal dhabee Oromummaa fi Islaamummaa
80
hanga ammaatti ciccitanii hafan. Biyya gariitti
sabboonummaan isaa kan biyyaarra dhiphata. Biyyi
keenya haalli isaa baay’een kana fakkaata. Inni irra
bal’aan biyyooma malee sabboonummaa miti. Garuu
akkuma sila dubbannee dabarsine biyya akka nuti hin
jaalanne waan nurratti hojjatameef sabni Oromoo
baay’een sabboonummaa filate. Akka Oromiyaatti
sochiin duraan ture baay’een isaa ummata Oromoofi
dachii Oromiyaa bilisoomsuuf qabsaa’uu ture. Gara
boodaa kana immoo ummanni Oromoo bara dheeraa
hacuucamaa ture amma carraa argatee biyyattii guutuu
bulchuu, afaan isaa afaan federaalaa ta’uu, dachiin isaa
saamame kan akka Finfinnee, Raayyaa, Wolloofi kkf
deebi’uufii qaba yaada jedhutti jirama. Yaanni kun
biyyooma isa jedhuun wal galuu wajjiin sadarkaa
sabboonummaa dubbannee dabarsineen alaa miti. Kana
jechuun Oromoon Itoophiyaan alaa kan Keeniyaa,
Sumaalee, Yugaandaafi Taanzaaniyaa keessa faan jiran
sabboonummaa kana keessatti ni hammatamuu akeeka.
Yaanni Oromoota baay’ees kanuma natti fakkaata;
Oromoon lafa jiru hundarrattuu bilisa ba’uu qaba jedhu.
Guyyaa tokko namni Oromoo biyya Yugaandaa wahii
biyya keenya dhufee waan rakkateef masjida Jimmaa
wahii seenee Afaan Ingiliffaatiin gargaarsa gaafate. Inni
Oromiyaa keessa akka jiru hin beeku ture. Booda
qarshiin ummanni isaaf kennan xiqqaannaan “yaa Waaq
maal wayya?” jedhe. Achiin ummanni Oromiffa Oromummaa fi Islaamummaa
81
dubbachuu isaa arganii “ati maaliif Yugaandaa jettee nu
sobda? Atihoo Oromiffa dubbattaa” jedhaniin. Innis
dachii Oromiyaa keessa akka jiru waan hin beekneef
“isin Yugaandaadhaa akkam Oromiffa dubbattu?” jedhe.
Ummannis “lakki nuti Yugaandaa miti Oromiyaadha”
jedhan. Achiin namichis boo’ee “nuti Oromoota kuma
dhibba afurii oltu naannoo tokko jiraanna; ummanni
achii saba keenyaan ‘dachii keenya irraa ka’aa
Oromiyaatti galaa’ jedhanii galaanatti darbu” jedhee
dubbate. Oromoon bilisummaa falmu warra akkasiitiifis
falmuutu irraa eegama jechuun yaada. Oromoon osoo
hin beekamin naannoo adda addaa keessatti
hacuucamanii jiranis bilisummaa kana irraa fayyadamuu
qabu. Fkn’f ummanni Oromoo hundee Shawaa
(Tuulamaa) irraa ta’an kan Haylesillaaseen bara 1945
gara Kafaa godina Boongaa aanaa Gawaattaa jedhamu
geesse namoonni kuma dhibba sadii ol ta’an achitti
hacuucamanii mirga baay’ee dhabanii jiraachuu isaanii
quba qabnaa? Kana malees godinicha keessa aanaa shan
keessa jiru.1 Guyyaa tokko nama achii wahii argee
1 Fuula FB kan OBN irratti guyyaa tokko odeeffannoo bal’aa armaan
gadii dubbiseera. Bara mootummaa Hayilesillaasee lafti abbaa lafaa
hojjattoota mootichaatiin qabamaa adeeme. Ummanni Meettaa
Roobiitiifi Salaalee lafa dhabuu qofa utuu hin taane cunqursaan
abbaa lafaa baay’ee itti ulfaate. Booda mala dhabnaan mootii Hayile
Sillaaseetti iyyata dhiyeeffatan. Bara 1945 mootichi nama lafa dhabee
akka lafti kennemuuf gaaazeexaadhaan baase. Lafti Oromoonni
Salaaleefi Meettaa Roobii gaafatan Arsiifi Baalee ture. Garuu bakka Oromummaa fi Islaamummaa
rakkoo achi jiru irraa qoradhee maqaa isaa gaafannaan
natti himuu dide. Maaliif jennaan akka tasaa yoo maqaa
koo dubbatte isatu odeeffannoo kana baase waan
jedhuun rakkoon na mudata jedhee maqaa isaa osoo natti
hin himin adda baane. Walumaa galatti jechoonni kun
sadan hariiroo guddaa qabu. Akkasumas
garaagarummaas ni qabu.
kennamuuf utuu hin beekin galmaa’anii geggeessaa isaanii filatan.
Bara 1945 gara dhumaarra lafti isaaniif kenname bakka yeroo sana
Kafaa Kifle Hager jedhamee waamamu yeroo ammaa kanammoo
godina Kafaa jedhamee waamamu ta’e itti himame. Yeroo sana
dhimmichi jiraachuufi jiraachuu dhabuu waan ta’eef Oromoonni
kuma digdama ta’an miilaan loon isaanii ooffatanii ji’a tokkotti
Godina Kafaa ga’anii qubatan. Itti fufee sirba isaan sirbaa biyya sana
dhaqan garaa nama gubu baay’ee dubbate. Yaada itti fufuun kan
armaan gadii ibse:
Yeroo ammaa kana Godina Kafaa aanaa ja’an keessaa jiru. Isaanis
1. Aanaa Gawaattaa
2. Aanaa Geeshaa
3. Aanaa Biixxaa
4. Aanaa Cannaa
5. Aanaa Addiyoo
6. Aanaa Cattaa
Lakkoofsi isaanii tilmaamaan kuma dhibba shaniifi isaa ol akka ta’an
shakkii hin qabu. Lakkoofsa sirrii ta’e adda baasuuf bulchiinsi
naannoo waan hin eeyyamneef malee salphaa ture. Aanaa
Gawaattaa keessatti bara 1999 dhoksaadhaan akka lakkaawametti
kuma dhibba tokkoof kuma shantama akka ta’e ragaan ni jira.
Lakkoofsi ummataa bara kana geggeeffames Oromoota hunda kan
hammatee miti.


