Ummanni kallattii adda addaatiin hacuucame
bilisummaa argachuudhaaf warraaqsa kaasuun isaa hin
oolu. Roorroon yoo kallattii sabaa, amantii, dinagdee,
siyaasaa, aadaafi kan birootiin ummata irra ga’e
ummanni haala ilaallatee hacuuccaa kana jalaa bahuuf
sochii eegala. Yeroo baay’ee qabsoon godhamu kun
sabboonummaa ykn jaalala biyyaa kan jedhu irratti
hundaa’a. Sochiin kun jaarraa 19ffaa Awrooppaa
keessatti yeroo haala addaatiin eegalu sababoota baay’ee
qaba ture. Isaan ijoon kan armaan gadiiti:
– Ummanni Awrooppaa baay’een hacuuccaa taayitaa
sirna abbaa lafaa kan hojjattootaafi qottoota mirga
dhorgatanii bu’aa ofiitiif yeroo hunda isaan hojjachiisan
jalaa ba’uu
– Bara dukkanaa1 jedhamee kan beekamu keessa warra
maqaa amantiitiin ummaticha hacuuce jalaa ba’uufi
1 Barri isaan dukkana jedhanii nu barsiisan kun bara ummanni
Awrooppaa rakkoo keessa tureedha malee addunyaa guutuu miti.
Akkuma seenaan Itiyoophiyaa kan warra kaabaa qofa ta’e kan
addunyaas Awrooppaa qofarratti gabaabsamuuf yaalama. Yeroo
sanatti amantiin Kaatolikii ol aantummaa waan qabuuf warra Oromummaa fi Islaamummaa
78
– Bilisummaa barbaacha, wal qixxummaa fiduu, jireenya
hadhaawaa keessaa bahuuf ture.
Kanarraa ka’anii sabboononni Faransaayiifi Ameerikaa
qabsoo labsanii bilisummaa, wal qixxummaafi haqa
dalaguutti waaman. Yeroo sanarraa kaasanii taayitaa hin
daangeffamne kan mootummaaf kenname mormuufi
mirga dhala namaatiif labsuu jalqaban. Warraaqsi jalqaba
kanarratti milkaa’e kan Faransaayii ture. Achiin
biyyootiin addunyaa baay’een Faransaayii hordofanii
qabsoo eegalan. Qabsoon bilisummaa yeroo baay’ee
sabboonummaafi biyyoomaan kan adda ba’uu miti.
Sabboonummaafi jaalalli biyyaas hariiroo guddaa qaba
ture. Garaa garummaas ni qaba. Kana qabxii itti aanu
keessatti ilaalla.
qorannoo saayinsii geggeessanii yaada isaanii faallessan hunda
shayxaana jedhanii ajjeesaa turan. Qeesoleen yeroo sanaa qaama
dhiqachuuwuu yakka guddaatti ilaalu turan. Nama umurii isaa
guutuu osoo qaama hin dhiqatin caffee keessa rafaa marga nyaatee
jiraatutu ture. Bara sana keessa saayintistoonni yaada phaaphaasii
faallessuun ajjeefaman kuma dhibba sadiitti tilmaamamu. Kan osoo
lubbuun jiranii gubaman immoo saayintistoota kuma digdamii lama
turan. Gaalili’oon sababa dachiitu naannofti jechuu amanuuf warra
manni murtii bataskaanaa ajjeechaa itti murteessitee ajjeefame
keessaa tokko ture. (Maazaa Kasiral Aalamu, fuula 157 ilaali).
Dhuguma barichi biyya sanaaf dukkana azaabaa ture. Garuu
dukkanichi Ardii Awrooppaa malee kan biroo hin ilaallatu.


