Namni tokko hidda saba isaa lakkaa’ee baruun, saba
isaatti ykn biyya isaatti dabuun rakkoo homaatuu hin
qabu. Inumaa “saba keessan irraa waan ittiin firooma
keessan fuftan baradhaa” jechuutu jira.
َم ك م َر قَا َل سو ل
ر َحا
َ
وا أ
ِصل
ك م تَ
ن َسابَ
َ
َم: ” ا ع َرف وا أ
َّ
َو َسل
ي ِه
َّى ا َّّلل َعلَ
َصل
للاِ
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “saba keessan
qoradhaa; ittiin firooma keessan fuftu.” Hadiisicha
Alhaakim sahiiha godheera. Zahabiinis isa deeggare.
Kanaafuu nabiyyoonni kamuu yeroo ergaman waamichi
isaanii guddaan “yaa ummata kiyya!” kan jedhu ture.
Akkasuma namni tokko guyyaa rakkoo wahii saba ofiitti
dabee rakkoo keessaa bahuun ni deeggarama. Kanaafuu
nabiyyullaah Luux [A.S] kan armaan gadii jedhee ture:
و َّن
}لَ
ك م أ ِلي َ
ِ
ب َّوةً
ق و
آ ى ِو أ ي َ
لَ
ِ
َشِدي د{ ]هود: 80[ ر ك ن إ
Ani osoon humna isin irratti qabaadhee ykn gara gosa
jabduutti hirkadhee [ittiin of tiksa ture].” [Huud: 80]
Aayanni kun namni kamuu saba isaatiin ni fayyadama
jechuu nu barsiiseera. Akkasuma ummanni Madyan
nabiyyii isaanii Shu’aybiin ajjeesuu yaadanii saba isaa
sodaachuun akka dhiisan Qur’aanni nutti himeera.
Sabboonummaan nabiyyootas ni fayyade jechuu nu
akeeka. Rabbiin ni jedhe:
فقَه َكثِي ًرا ِمَّما تَق و ل
ي ب َما نَ
َو }يَا شعَ
َر إ ا َك ِنَّا
نَ
ل فِينَا ا َ
وَل َضِعيفً
َر َج منَا َك َر ه ط َك َولَ
لَ
ن َت َو Oromummaa fi Islaamummaa
84
Yaa Shu’ayb! Irra hedduu waan ati jettuu nuti hin hubannu.
Nu keessatti dadhabaa taateetiin si argina. Odoo gosti kee
jiraachuu baatee, silaa dhagaan tumnee si ajjeefna turre. Ati
nurratti jabaa miti. [Huud: 91]
Ummanni Samuudis nabiyyii isaanii Saalihiin ajjeesuu
karoorsanii turan. Garuu waan inni saba bal’aa qabuuf
mullisanii isa miidhuun isaaniif hin mijoofne. Kanaafuu
namoonni humna qaban bebbeekamoon saglan halkan
keessa dhokatanii Saalihiifi maatii isaa ajjeesuuf walii
galan. Saba isaatiin immoo nuti ajjeefamuu isaanii homaa
hin arginee kakachuuf mari’atan. Oggas kallattii inni
ibaadaaf deemu irra deemanii holqa wahii keessatti isa
ajjeesuuf eegan. Garuu osoo isaan achi jiranii Rabbiin
dhagaa guddaa isaatiin isaanitti cufee achumatti
dhuman. Shira isaan baasan Rabbiin isaanumatti deebise.
Saalih ganama yeroo karaa sana darbu karaan nagaa
ture. Galgala ogga inni galu immoo dhagaan lagicha
cufee arge. Inni waan kana dinqisiifataa gale. Namoonni
sun hunduu achitti dhuman. Ummanni biyyatti hafan
kan jallina fagoo keessa turan immoo booda isaaniitii
balleeffaman. Rabbiin isa kana gabaabsee nutti himeera:
َو ي } َكا َن
َم فِ ِدينَ ِة
ال
ي فِي ر ِض ف ِسد و َن َر تِ سعَة ه ط
َو ا َل ْلَ
ي صِل حو َن )48( وا
قَال
ِ تَقَا َس موا ا َّّللِ
ِ ب تَنَّه
ن بَ ي
ل ه َ
هلَ
َ
َو َّ أ
م
ث َّن
نَق ولَ
ِ ل ِه َ
َوِلي
َم ِل ا
هِل ِه َم ه َش ِل َك ِهد نَا
َ
أ نَّا
ِ
َصاِدق و َن َوإ
ل )49( َ
َو َمَك روا
َم كًرا
َو َمَك رنَا
ظ يَ )50( ر شع رو َن َل َو ه َم م كًرا
َك ي َكا َن َف فَا ن
َم ك َعاقِبَة ِر ِه م
نَّا
َ
و َم ه م م أ
ج َمِعي َن َو دَ َّم رنَا ه قَ
أ )51( َك َ
ه م فَتِل
ب ي وت
ِويَةً
ِ َم َخا ا
ب موا
َظ َّن لَ
ِل َك ِ
إ فِي ذَ
ََليَةً
مو َن و م
ِلقَ
يَ عل )52({ ]النمل: 48 – 52[ َ
Magaalattii keessa namoota sagal kan gaarii hin hojjanne lafa Oromummaa fi Islaamummaa
85
balleesantu ture. Ni jedhan: “Dhugumatti isaafi maatii isaa
halkan keessa akka balleessinee sana booda fira isaatiin ‘nuti
ajjeechaa maatii isaa bira hin jirru; nuti dhugaa dubbattoota’
jechuuf Rabbiin waliif kakadhaa.” Isaan tooftaa baasan. Nutis
odoo isaan hin beekne tooftaa itti baasne. Booddeen tooftaa
isaanii akkam akka ta’e ilaali! Dhugumatti, Nuti isaaniifi
ummata isaanii guutumatti balleessine. Kun sababa isaan
miidhaa hojjataniin ontuu haala taateen manneen isaaniiti.
Dhugumatti, kana keessa namoota beekaniif mallattootu jira.
[Annaml: 48 – 52]
Nabiyyiin Rabbii Luux immoo saba cimaa akkasii
dhabuu isaatiif badii isaanii of irraa deebisuu dadhabe.
Kanaafuu dubbii isaa irraas mullate.
Nabiyyichi keenyas (saw) saba isaanii irraa baay’ee
fayyadamaniiru. Wasiilli (adeerri) isaanii Abuu Xaalib
osoma Islaama hin fudhatin hanga du’aatti Ergamaa
Rabbii (saw) wajjin dhaabataa ture. Wasiilli kaafirri kun
Ergamaa Rabbii (saw) ofitti qabuu kana Rabbiin tola
isaaniif oole godhee dubbate. “Sila yatiima ta’uu kee
arginee si hin maxxansinee?” jedhe. Abbaafi haati
duunaan Abuu Xaalib ofitti isaan qabee kunuunsee
guddise. Booda isaan ergamaniis hanga dhumaatti bira
dhaabate. Abuu Xaalibis “hanga ani biyyee keessa
awwaalamutti baay’ina isaanii kanaan si tuquu hin
danda’an” jedhee kakataa ture. Kanaafuu seenaa
Islaamaa keessatti barri Abuu Xaalibiifi Khadiijaan du’an
bara gaddaa jedhamee beekama. Sana booda rakkoo Oromummaa fi Islaamummaa
86
baay’ee ulfaataatu isaan mudataa ture. Ogga sanas
firoottan Ergamaa Rabbii (saw) warra banii Haashim
sodaataniiti malee silaa ummanni jajalloon Ergamaa
Rabbii (saw) ajjeesuu irraa duuba hin deebi’an ture.
Kanaafuu guyyaa godaansaa akka gosa hunda irraa
namni tokko tokko dhufee yeroo wal fakkaataa Ergamaa
Rabbii (saw) waraananii ajjeesan mari’atan. Sababni isaas
gosa baay’ee irraa yoo ta’e baniin Haashim gosa hundaan
loluu waan hin dandeenyeef dirqama gumaa kaffaltii
gaala dhibba fudhatu. Muhammadiin haala kanaan
ajjeefnee gaala kaffallee tokkummaa Rabbii inni himu
kana irraa boqochuu nuuf wayyaa mari’ataa turan.
Kanaafuu gosa ofiitti dabuun (aantomuun) sharii’aa
keessatti jibbamaa miti. Kan jibbamu saba biraa
tuffachuu, saba ofii kan nama miidhu miidhaa san irratti
deeggaruu, saba kaan hacuucuufi kkf dha. Akka
Islaamaatti Muslima saba biraa irraa ta’e tokko sabni isaa
waan adda ta’eef of irraa achi dhiibuun badii guddaadha.
Inni kun hariiroo iimaanaa isa Rabbiin hidhaa cimaa
godhe muruudha. Tokkummaa Muslimoota addunyaa
guutuu kan Islaamni dirqama godhe san faallessuutu
keessa jira. Akkuma dubbannee dabarsine namni tokko
eenyummaa baay’ee qaba. Sabniifi amantiin eenyummaa
san keessaayi. Nama eenyummaa amantii sii waliin qabu
sabni isaa naan adda jettee tuffachuun diliin isaa baay’ee
ulfaataadha. Kanaafuu Ergamaan Rabbii (saw) “obboleessa Oromummaa fi Islaamummaa
87
isaa Muslimaa tuffachuun hamtuudhaaf ilma namaa ni ga’a”1
jedhan. Akka biyya keenyaatti saboonni Muslimootaa
baay’eetu jiru. Warri kun hariiroo amantii nuun qabu.
Garuu sabaan nuun adda. Isaanii wajjin obbolummaa
dirqamaa kan Rabbiin nu ajajetu jira. Kanaafuu
obbolummaa Islaamaa san eeguun dirqama Muslimoota
hundaati. Oromoota wajjin immoo hariiroo dhiigaa
qabna. Kanaafuu bu’aa waliitiif wajjin hojjachuun rakkoo
homaatuu hin qabu. Firri wal bira dhaabachuun seenaa
hunda keessattuu beekamaadha waan ta’eef. Kanaafuu
Rabbiin firooma fufuu dirqama godhe. Namni firooma
dhiigaa kutes badiin isaa hammaataadha. Guyyaa
Qiyaamaa nama firooma kute rakkoo guddaatu isa
mudata. Nama firooma kute Rabbiin akka isa kutu
Hadiisa keessatti nutti himameera.
Sabni baay’achuun bu’aa baay’ee qaba. Qur’aanni suuraa
Alhujuraat keessatti waa’ee qoqqoodama sabaa
ilaalchisee ergaa gaarii dabarsee jira. Innis aayata armaan
gadiiti:
نثَى َو َج
نَا ك م ِم ن ذَ َك ر َوأ
ِنَّا َخلَق
َها النَّا س إ
يُّ
ِ }يَا أ َّن َ
َرف وا إ
َوَقبَائِ َل ِلتَعَا
نَا ك م شع وبًا
عَل
ت قَا ك م{ ]الحجرات :
َ
أ 13[ َ كَر َم ك م ِع ندَ ا َّّللِ أ
Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumne; akka
wal beektaniif jechas sabootaafi sablammoota adda addaa isin
taasifne. Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin
sodaataa keessani. (Alhujuraat:13)
1 Muslimtu gabaase. Oromummaa fi Islaamummaa
88
Aayanni kun ilaalcha Islaamni sabboonummaa irraa
qabu qabxii sadiin ibse. Isaanis:
1. Uumamaan akka ummanni sabaafi sablammootatti
qoodaman nutti hime. “Sabootaafi sablammoota adda addaa
isin taasifne” jedhe.
2. Bu’aa sabaafi sablammiin adda adda ta’uu nutti hime.
Innis “akka wal beektaniif” nuun jedhe.
3. Amala nuti qabaachuu qabnus nu barsiise. Innis
“Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa
keessani” nuun jedhe.
Qabxiilee kana sadan bal’ifnee armaan gaditti irratti
dubbanna.



