Tokkoffaa-Bara gaddaa
Du’a Abu Xaalib
Duuti Abu Xaalib, Baniin Haashim bakka hawaasummaa fi
diinagdeen itti uggurame (cufame) keessaa erga bahanii booda ture.
Kunis Nabiyyiin (SAW) erga ergamani bara kurnaffaa irratti ture.
Abu Xaalib Nabiyyi marsee eegaa fi isaaf jedhee dallanaa ture.
Qureeshonni isa ni ulfeessu. Yommuu duuti isatti dhufte,
warroonni shirkii leellisan isatti dhufuun akka amanti isaa irratti
gadi dhaabbatu fi Islaama keessaa akka hin seenne isa jajjabeessan.
Akkana jedhaniin, “Amanti Abdulmuxxalib ni dhiistaa?”
Nabiyyinis (SAW) akkana jechuun Islaama isatti dhiyeesse: “Laa
ilaah illallah jedhi, jecha tanaan Guyyaa Qiyaamaa siif ragaa
bahaati.” Abu Xaalibis ni jedhe: Osoo Qureeshonni, “obsa
dhabuutu jecha tana akka jedhu isa taasisee” jechuun na xiqqeessu
baatanii, silaa jecha tana jechuun gammachuu ijaa siif kennaa ture.
Ergasii, Rabbiin subhaanahu
“Dhugumatti, ati nama jaallatte hin qajeelchitu, garuu Rabbiin
nama fedhe qajeelcha. Inni hunda caalaa warroota qajeelan
beeka.” Suuratu Al-Qasas 28:56
Sammuu Abu Xaalib keessatti yaadonni jaahiliyya (wallaalummaa)
hidda kan qabataniidha. Jijjiruu hin dandeenye. Inni jaarsa guddaa
waan ta’eef yaada fi wanta abboota irraa dhaale jijjiruun garmalee
itti ulfaata. Kanarratti dabalate, yommuu du’u hiriyoonni isaa
mushrikoota ta’an achi turan. Oduun Islaamaa ni babal’ataa
sodaachuun, isa irratti dhiibbaa godhan. (Haala kanaan, Abu Xaalib 254
Du’a Khadiijah
Khadiijaan haati mu’mintoota Nabiyyiin (SAW) gara Madiinaatti
godaanun (hijraan) dura baruma Abu Xaalib du’eetti duute.
Nabiyyiin (SAW) namoota jaallatamoo fi isa deeggaran kanniin
du’aan dhabuun gaddi fi yaaddon isa irratti dachaa ta’e. Abu Xaalib
deeggaraa fi gargaaraa alaa Qureeshota Nabiyyii irraa dhoowwu
yommuu ta’u, Khadiijan (radiyallahu anhaa) immoo gargaartu
keessaa ulfaatinna isaaf laaffistuu, jajjabeessituu fi
booharsituudha. Barri Abu Xaalib fi Khadijaan du’an, “Bara
Gaddaa” jedhamuun beekkama. Sababni isaas, namoonni lama
namoota hunda caalaa Nabiyyiif gargaartoota fi deeggartoota ta’an
baruma tokko du’uun gaddi guddaan Nabiyyii (SAW) qunname.
Abu Xaalib du’uu waliin kuffaarri Qureeshaa duraan caalaa
Nabiyyii rakkisuuf ni gootoman. Nabiyyiin (SAW) Rabbii olta’aa
malee kan isa gargaaru hin hafne. Kana waliinu ergaa Gooftaa isaa
namoota hundatti geessuuf itti fufe. Raakkolee fi qormaanni itti
baay’atan. Yommuu haalli garmalee itti cimuu, Nabiyyiin (SAW)
biyya keessatti guddatanii fi namu isaan beeku keessaa bahuun gara
naannoo biraa deemun namoota gara Islaamatti waamuuf
murteessan. Tarii namoonni kunniin Islaama fudhachuun
deeggartootaa fi tumsitoota ta’u. Kanaafu, Nabiyyiin (SAW)
magaala Makkaatti dhiyoo taate gara Xaa’if deeman.
2ffaa-Imala Rasuulaa (SAW) gara Xaa’if
Ji’a Shawwaal keessa namoota gara Islaamatti waamuf Nabiyyiin
(SAW) Zaayd ibn Haaris waliin gara Xaa’if qajeelan. Xaa’if
Makkaan irraa gara kilomeetira 60 fagaatti. Sanamni maqaan ishii
Al-Laat jedhamtu Xaa’if keessatti dhaabbachuun namoonni
gabbaraa fi hajji itti godhaa turan.
Akkuma Makkaan keessatti gosti ol’aantummaa guddaa qabdu
Qureeshota taate, Xaa’if keessattis gosti ol’aantummaa guddaa
qabdu Saqiif turte. Yommuu Nabiyyiin (SAW) Xaa’ifin gahu, gara 255
namoota gurguddoo fi hoggantoota Saqiifitti qajeele. Isaan bira
taa’un gara Islaamatti isaan waame. Garuu deebiin Nabiyyiif
kennaan garmalee badaa ture. Isatti qoosan. Gowwootaa fi gabroota
isaanii isatti duulchisan. Gowwoonni fi gabroonni kunniin Nabiyyii
dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasuuf dhufe, ni arrabsan, itti
iyyan, dhagaa itti darban. Ergasii Nabiyyiin (SAW) garmalee kan
gaddan ta’anii gaaddisa muka teemira jala taa’an. Wanti Xaa’if
keessatti isa qunname wanta mushrikoota irraa Makkaan keessatti
isa qunname caalaa cimaa ture. Warri Xaa’if karaa irratti hiriira
galanii isa eegan. Dhagaan darbachuun luka Nabiyyii (SAW) ni
dhiigsan.
Rahmataa fi Garaa Laafummaa Nabiyyii (SAW)
Nabiyyiin (SAW) warra Xaa’if irraa deebii badaa fi miidhaa haa
argataniiyyuu malee, wanta gaarii isaaniif hawwe. Gaafa tokko
Aa’ishaan (radiyallahu anhaa) Ergamaa Rabbii (SAW) akkana
jechuun gaafatte:
Guyyaan guyyaa waraana Uhud caalaa sirratti cimaa ta’e sitti
dhufee?”, Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: Ummata kee irraa wanti na
qunname qunname. Isaan irraa wanti garmalee cimaan ana
qunname: guyyaa Aqabaa yommuu ani ibn Abd-Yaalayla ibn
Abdul-kulaabif of dhiyeessee, wanta ani barbaade naaf deebisuu
dideedha. [Yommuu wanta ani barbaade inni naaf deebisu didu],
ani garmalee kan gaddu ta’ee deeme. Hanga Qarna As-Sa’aaliba
gahuutti malee boqonnaa fudhachuu hin dandeenye. Yommuu
bakka kana gahee mataa kiyya olkaasu duumessi na gaaddisissee
jira. Yommuu ilaalu, Jibriil achi keessa jira. Innis na waamun
akkana jedhe, “Dhugumatti Rabbiin, dubbii ummanni kee siin
jedhanii fi wanta sitti deebisan dhagayee jira. Isaan ilaalchisee
wanta feete akka ajajju Malaaykaa gaaraa sitti ergee jira.”
Malaykaan gaaras na waame nagaha naan jedhe. Ergasii ni jedhe,
“Yaa Muhammad! Wanta feete ajaji. Yoo feete gaarreen lamaan
kana isaan irratti maxxansa.” Nabiyyinis (SAW) ni jedhan, “Lakki!
Kana irra, Rabbiin nama osoo homaa Isatti hin qindeessin (hin 256
shaarrakin) Isa qofa gabbaru akka dugda isaanii keessaa baasu
kajeela.” (Kana jechuun ijoollee Rabbiin qofa gabbartu isaan
keessaa akka baasu kajeela.) Sahiih Al-Bukhaari 3231
Barnoota Asirraa Baratamu:
✏Jaarsi yaada jijjirruu irratti ulfaatadha. Yaanni fi amantiin
ijoollummaa irraa jalqabee hanga jaarsummaatti yoo nama waliin
guddate, yeroo jaarsummaatti jijjiruun garmalee ulfaata. Kanaafi,
yommuu Nabiyyiin (SAW) ummata isaanii gara Islaamaatti
waamu, namoonni jalqabaa Nabiyyii (SAW) faallessan jaarsota
turan. Kanaafu, namni yaanni fi amantin sobaa qalbii isaa keessatti
hidda qabachuun dura dafee jijjiruuf tattaafachu qaba.
✏”Nan salphadha, namoonni maal nan jedhan!” jechuun haqa
dhiisun of salphisuudha. Mee haala Abu Xaalib ilaali. Namoota
sodaaf, jecha “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan
gabbaramaan hin jiru)” jettu jedhu dide. Jechi (kalimaan) tuni jecha
namni ibiddaa fi salphinna irraa ittiin baraaramuudha.
✏Dhiibbaa hiriyyaan badaan namarratti qabu- Hiriyyonni Abu
Xaalib isarratti dhiibbaa gochuun kufrii irratti akka du’u taasisan.
✏Qajeelchi harka Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa jira- hanga fedhe
nama jaallanne qajeelchuuf haa carraaqnu, yoo Rabbiin subhaanahu
hin qajeelchin, nuti qajeelchu hin dandeenyu. Kanaafu, mataa
keenyaafis ta’i namoota birootif qajeelcha yoo barbaanne, Rabbiin
irraa qajeelcha kadhachuu qabna.
✏Namoonni jaallatanii fi deeggarsa namaaf taa’an du’aan dhabuun
baay’ee nama dhukkubsa. Garuu, Rabbii olta’aa abdachuu fi irratti
hirkachuun boohartii namaaf ta’a.
✏Wallaaltonni, gowwoonni fi of tuultonni nama alaabaa haqaa
baadhate gara hundaan itti duulu irraa duubatti hin deebi’an. Namni
kuni hanga fedhe faayda isaanitiif haa carraaqu, isaan kana hin
argan. Kanaafu, namni ergaa Islaamaa baadhatu ykn Islaama
yommuu hojii irra oolchu, wanta wallaaltonni, gowwoonni fi of
tuultonni isaan jedhanii fi isarraan gahaniin abdii kutuu hin qabu.
Mee ilaali, Nabiyyii (SAW) dubbii badaan ni arrabsan, dhagaa itti 257
roobsan. Garuu obsuu fi Rabbiin irratti hirkachuun adeemsa ergaa
Islaamaa ummatatti geessu itti fufan.
✏Namni yommuu wallaaltoota fi gowwoota irraa wanti badaan isa
qunnamu, abaarsa fi isaan miidhutti fiigu hin qabu. Mee ilaali,
amala Nabiyyii (SAW). Warra Xaa’if wanta badaa yommuu irra
geessan hin abaarre. Yommuu Malaaykan gaaraas itti dhufe, “Yaa
Muhammad! Wanta feete ajaji. Yoo feete gaarreen lamaan kana
isaan irratti maxxansa.” jedhuun, waan gaarii hawwaniif. Sababni
isaas, isaan wallaaltoota akka daa’imaati. Sahiih Al-Bukhaari
(3477) fi Sahiih Muslim (1792) keessatti, Abdullah ibn Mas’uud
akkana jedha:Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) Nabiyyoota
darban keessaa waa’ee Nabiyyi tokkoo dubbatu gara isaa waan
ilaalu natti fakkaataa. Nabiyyi kana ummanni isaa isa rukutanii fi
dhiigsanii ergasii dhiiga fuula isaatirraa xuruuraa akkana jedhe,
“Yaa Rabbii ummata kiyyaaf araarami. Dhugumatti,isaan hin
beekan waan ta’eef.”
Nabiyyi kana ummanni isaa beekumsa osoo qabaatanii silaa isa hin
miidhan. Nabiyyin kunis haala isaanii hubachuun isaaniif du’aayi
godhe, gadoo hin kuufanne. Kuni amala namoota milkaa’aniiti.
Yeroo baay’ee gadoo kuufachuun nama miidhaa malee hin fayyadu.

