Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamaa Isaatiif wantoota
gurguddoo guddinna dandeetti Isaa agarsiisan akka ilaaluf carraa
kenneef. Kunis, qalbiin Nabiyyii (SAW) Rabbiin irratti hirkachuun
akka guuttamuu fi humnoota kuffaaratti duuluf akka humna isaaf
dabaluufi. Adeemsa Israa fi mi’araaj keessatti Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa mallattoolee gurguddoo hijraa fi qabsoo guddaaf karaa
laaffisan nabiyyii Isaatti agarsiise. Mallattoolee adeemsa kana
keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) argan baay’eedha. Isaan
keessaa: Gara Beytul Maqdis deemu, gara samii olbahuu,
malaykoota, Jannata, ibidda fi kanneen biroo argu.
Qur’aanni waa’ee Israa (halkaniin Makkaan irraa gara Al-Quds
(Jerusalaam) deemu) ilaalchisee suuratu Israa jalqaba irratti kaasa.
Mi’araaj (gara samii olbahuu) immoo suuratu An-Najm keessatti
kaasa.
Seenaa Israa fi Mi’araaj
Anas ibn Maalik (radiyllahu anhu) akkana jedhe: Ergamaan Rabbii
(SAW) ni jedhan, “Al-Buraaq natti fidame. [Al-Buraaq] kuni
beellada bifa adii, dheeraa harree caaluu fi gaangee gadi ta’eedha.
Kottee isaa dhuma ijji isaa arguu dandeessu kaa’a. Hanga Beytal
Maqdis gahuutti isa yaabbadhe. Ergasii, [Balbala Masjiid Al-Aqsaa
fuunduratti] wanta akka geengoo nabiyyoonni beellada yaabbatan
itti hidhanitti hidhe. Ergasii, Masjiida seenee raka’aa lama keessatti
salaate. San booda achi ni bahe. Jibriil (aleyh salaam) meeshaa
khamrii of keessaa qabuu fi meeshaa aannan of keessaa qabu ni
fide. Anis aannan nan filadhe. Jibrilis ni jedhe: Fixrah filatte.
Ergasii gara samii nun kore (bahe). Jibrilis [balballi samii] akka
banamtu ni gaafate. Ni jedhame, “Ati eenyu?” Innis ni jedhe,
“Jibriil”. Ni jedhame, “Eenyutu si waliin jiraa?” Innis ni jedhe,
“Muhammad” Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?” Innis ni jedhe,
“Isatti ergamee jira. Ergasii nuuf banamee Aadamiin argine. Baga 259
nagahaan dhufte naan jedhee waan gaariin na eebbise. San booda
[Jibriil] gara samii lammataa nuun bahe. Jibriilis akka banamtu ni
gaafate. Ni jedhame, “Ati eenyu?” Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni
jedhame, “Eenyutu si waliin jiraa?” Innis ni jedhe, “Muhammad”
Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?” Innis ni jedhe, “Isatti ergamee
jira.” Ergasii nuuf banamee ilmaan adaadaa kan ta’an Iisaa ibn
Mariyamii fi Yahya ibn Zakariyyaa (isaan hundarrattı nageenyi haa
jiraatu) argine. Isaan lamaanis baga nagahaan dhuftee nan jedhanii
waan gaarii naaf kadhatan. San booda [Jibriil] gara samii sadaffaa
nuun bahe. Jibriilis akka banamtu ni gaafate. Ni jedhame, “Ati
eenyu?” Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni jedhame, “Eenyutu si waliin
jiraa?” Innis ni jedhe, “Muhammad صلى الله عليه وسلم “ Ni jedhame, “Isatti ergamee
jiraa?” Innis ni jedhe, “Isatti ergamee jira” Ergasii nuuf banamee
Yuusufi (aleyh salaam) walakkaan bareedinaa isaaf kenname arge.
Baga nagahaan dhufte naan jedhe waan gaarii naaf kadhate. San
booda [Jibriil] gara samii afraffaa nuun bahe. Jibriilis akka banamtu
ni gaafate. Ni jedhame, “Kuni eenyu?” Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni
jedhame, “Eenyutu si waliin jiraa?” Innis ni jedhe, “Muhammad
صلى الله عليه وسلم “Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?” Innis ni jedhe, “Isatti
ergamee jira” Ergasii nuuf banamee Idriis (aleyh salaam) arge.
Innis baga nagahaan dhufte naan jedhe waan gaarii naaf kadhate.
[Idriisin ilaalchise] Rabbiin azza wa jalla ni jedhe: “Bakka ol’aanaa
isa olkaasne.” (19:57) San booda [Jibriil] gara samii shanaffaa nuun
bahe. Jibriilis akka banamtu ni gaafate. Ni jedhame, “Kuni eenyu?”
Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni jedhame, “Eenyutu si waliin jiraa?”
Innis ni jedhe, “Muhammad صلى الله عليه وسلم “ Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?”
Innis ni jedhe, “Isatti ergamee jira.” Ergasii nuuf banamee Haarun
(aleyh salaam) arge. Innis baga nagahaan dhufte naan jedhee waan
gaarii naaf kadhate. San booda [Jibriil] gara samii jahaffaa nuun
bahe. Jibriilis akka banamtu ni gaafate. Ni jedhame, “Ati eenyu?”
Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni jedhame, “Eenyutu si waliin jiraa?”
Innis ni jedhe, “Muhammad صلى الله عليه وسلم “ Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?”
Innis ni jedhe, “Isatti ergamee jira” Ergasii nuuf banamee Muusaa
(aleyh salaam) arge. Innis baga nagahaan dhufte naan jedhee waan 260
gaarii naaf kadhate. San booda [Jibriil] gara samii torbaffaa nuun
bahe. Jibriilis akka banamtu ni gaafate. Ni jedhame, “Kuni eenyu?”
Innis ni jedhe, “Jibriil”. Ni jedhame, “Eenyutu si waliin jiraa?”
Innis ni jedhe, “Muhammad صلى الله عليه وسلم “ Ni jedhame, “Isatti ergamee jiraa?”
Innis ni jedhe, “Isatti ergamee jira.” Ergasii nuuf banamee
Ibraahimi (aleyh salaam) dugda isaa Beytal Ma’amuuritti hirkise
arge. Beytal Ma’amuur kana guyyaa hundaa Malaykoonni kuma
torbaatamni ni seenu, lamu itti hin deebi’an. Ergasii gara As-Sidrat-
al-Muntahaa naan deeme. Baalli muka tanaa akka gurra arbaati,
firiin ishii akka hubbooti. Yommuu ajaja Rabbii irraa wanti ishii
haguugu haguugee ni jijjiramte. Uumamtoota Rabbii keessaa
eenyullee bareedinna ishii ibsuu hin danda’u. Ergasii Rabbiin waan
natti buusu ni buuse. Guyyaa fi halkan hundaan salaata shantama
(50) narratti dirqama godhe. Anis gara Muusaa (aleyh salaam)
bu’e. Innis ni jedhe, “Gooftaan kee ummata kee irratti maal
dirqama godhee?” Anis, “Salaata shantama” jedheen. Innis ni
jedhe, “Gara Rabbii keetii deebi’itii akka siif salphisuu gaafadhu
ummanni kee kana hin danda’an waan ta’eef. Dhugumatti ani
ilmaan Israa’il qormaatee fi dhugaa isaanii sirritti beekee jira.” anis
gara Rabbii kiyya deebi’ee “Yaa Rabbii! Ummta kiyya irratti
laaffisi” jedhe. Innis (Rabbiin) shan narraa buuse. Anis gara
Muusaa deebi’ee, “Shan narraa buusee” jedheen. Innis ni jedhe,
“Dhugumatti, ummanni kee kana hin danda’anii gara Rabbii keetii
deebi’ii akka siif hir’isu gaafadhu.” Anis Rabbii kiyya tabaaraka
wa ta’aalaa fi Muusaa jidduu deddeebi’uu hin dhiisne hanga
Rabbiin, “Yaa Muhammad! Guyyaa fi halkan hundaa salaanni
shan. Salaanni hundu akka kudhanitti qabamu, kunis shantama ta’a
(kana jechuun namoonni guyyatti salaata shan salaatun mindaa
shantama argatu). Namni hojii gaarii hojjachuuf yaade garuu osoo
hin hojjatin yoo hafe, hojii gaarii takkatu isaaf katabama. Yoo
hojjate immoo hojii gaarii kudhan taatee isaaf katabamti. Namni
badiitti yaade garuu hin hojjanne, homaa hin katabamu. Yoo badii
san hojjate immoo badii takka taate katabamti.” Anis gara Muusaa
bu’ee itti beeksise. Innis ni jedhe, “Gara Rabbii keeti deebi’ii akka 261
siif hir’isuu gaafadhu.” Kanarratti, Ergamaan Rabbii (SAW) ni
jedhan, “Gara Rabbii kiyyaa deebi’ee jira hanga saalfadhutti.””
(Sahiih Muslim 162)
Israa fi mi’raaj waggaa tokko gara Madinaatti godaanun dura
taasifame.
Nabiyyiin (SAW) yommuu bari’uu adeemsaa halkanii kana
Qureeshotatti beeksise. Garuu Qureeshonni oduu kana dhugoomsu
ni didan. Garmalee ol guddisanii ni kijibsiisan, itti qoosan. Abu
Bakr (radiyallahu anhuu) immoo akkana jedhe: Rabbiin kakadhe!
Yoo Nabiyyiin kana jedhe, dhugumatti dhugaa dubbate. Maaltu
kana ilaalchisee isin ajaa’ibsiisaa? Halkan ykn guyyaa irraa sa’aatti
takka keessatti oduun samii irraa gara dachiitti akka isatti dhufuu
natti beeksisa. Anis ni dhugoomsa. Kuni wanta isin ajaa’ibsiifattan
caalaa fagoodha.”1
Mee amma Qur’aana irraa Israa fi mi’raaj ilaalchise aayata muraasa
haa ilaallu. Waa’ee Israa’a Rabbiin nii ja’a
Mallattoolee Keenya isatti agarsiisuuf Masjiid al-Haraam irraa
gara Masjiid Al-Aqsaa kan naannawa isaa barakaa goonee
gabricha Isaa halkaniin Kan deemsisee qulqullaa’e. Dhugumatti,
Inni Dhaga’aa, Argaadha.” Suuratu Al-Israa17:1
Kana jechuun Rabbiin kan gabricha Isaa Muhammadin (SAW)
Masjiida Haraam Makkatti argamu irraa gara Masjiida Al-Aqsaa
Filisxeemi keessatti argamutti halkan tokkoon fuudhe, hanqinnaa fi
dadhabinna hunda irra qulqullaa’e. Mallattoolee Isaa gurguddoo itti
agarsiisuuf kana godhe. Halkan tokkoon Makkaan irraa gara Al-Quds
(Jerusaalam) geessun wanta Isa dhibuu fi Isarratti ulfaatu miti. Yeroo
ammaa namni halkan tokkoon biyya tokko irraa biyya biraatti
xiyaaran balali’a hin jiruu? Garuu haalli Ergamaan Rabbii (SAW)
Makkaan irraa Al-Qudsitti geefaman haala namoonni xiyaaran itti
balali’an irra adda. Kanaafi, adeemsi halkanii Makkaan irraa gara Al-
1 Siiratu Nabawii-Hasan nadawii-217 Qudsitti ergasii gara samitti Ergamaan Rabbii (SAW) taasisan
mu’jizaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) gara samii ol’aantu bahuu
Qur’aanni suuratu an-Najm keessatti ni dubbata. Erga gara samii
olbahee mallattoolee gurguddoo arge.

