1-Nabiyyummaa Bara 7ffaatti Uggurri Dinagdee
fi Hawaasummaa
Akkuma Qureeshonni Muslimoota rakkisuu itti fufaniin, akkasuma
Muslimoonnis amanti isaanii irratti cimuu itti fufan. Islaamnis
gosoota Arabaa hedduu keessaa babal’achuu itti fufe. Kanarraa kan
ka’ee Qureeshonnis rakkisuu keessatti daran gara-jabeenyi fi
cunqursitoota ta’u jalqaban. Nabiyummaa booda jibbiinsi isaan
Muslimootaaf qaban fiixe ol’aanaa irra gahuu irraa kan ka’e
Muslimoota fi fira Nabiyyii waliin daldalu akka dhaaban ni
murteessan.
Az-Zuhriyy ni jedha: “Hanga Muslimonni dadhaboo ta’anii fi
balaan isaan irratti garmalee jabaatutti, mushrikoonni duraan caalaa
Muslimoota irratti garmalee jabaatan. Qureeshonni shira ishii
keessatti Nabiyyii ifaan ifatti ajjeesuuf irratti wali galtee. Yommuu
Abu Xaalib dhimma namootaa arguu, Bani Abdulmuxxalib walitti
qabuun Nabiyyii (SAW) akka ofitti qabanii fi nama isa ajjeesu
barbaadu irraa akka eegan isaan ajaje. Isaan keessaa Muslima kan
ta’es kaafira kan ta’es dubbii kanarratti walii galan. Gariin isaanii
jaalala gosaaf qabaniif kana hojjatan, gariin immoo sababa
iimaanaatiin hojjatan. Yommuu Qureeshonni Baniin Haashim
Nabiyyi eegu irratti wali galuu beektu, hanga Nabiyyii (SAW)
ajjeechaaf dabarsanii kennanitti eenyullee isaan waliin akka hin
teenne, hin daldaallee fi manneen isaanii hin seenne irratti wali
galte. Meeshaa gurguraa gonkumaa bani Haashim irraa akka hin
fuune fi hanga Nabiyyi ajjeechaaf dabarsanii kennanitti rahmata
isaaniif akka hin goone waadaa fi wal-galtee galmee shiraa isaanii
irratti barreessan.”
Gabaasa biraa keessatti akkana jechuun itti dabala: akka ajjeesaniif
hanga Nabiyyii (SAW) dabarsanii kennanitti Bani Haashim waliin
fuudhaa heeruma akka hin raawwanne, isaanitti homaa hin
gurgurre, homaa isaan irraas hin binne, karaalee rizqii isaan bira 249
gahuu akka cufan, isaan waliin araara akka hin goone, isaaniif
rahmata akka hin goone, isaanitti akka hin makamne, waliin hin
teenye, hin haasofne, manneen isaanii hin seenne waadaa wali
seenan. Ergasii kanarratti wali galanii galmee wanta kana irratti
barreessan garaa Ka’abaa keessatti rarraasan.
Ilmaan Haashim haala kanaan waggaa sadiif iddoo jireenya
isaaniitti kan ugguraman ta’anii turan. Balaa fi dadhabbinni
isaanitti jabaate. Qureeshonni gabayaa isaan irraa addaan kutan.
Nyaatas ta’i meeshaan gurguraan Makkaan keessa yoo seene itti
hajamanii dhiisanii dafanii meeshaan san bitan malee hin dhiisan.
Kanaan dhiiga Ergamaa Rabbii (SAW) jiigsu barbaadan.
Beela irraa kan ka’e hanga baala mukaa nyaachu dirqamanitti
Sahaabotaa fi bani Haashim irratti uggurrin Qureeshotaa ni cime.
Isaan keessaa tokko yommuu fincaa’uf bahu, sagalee wanta gogaa
miila isaa jalatti ni dhagaha. Ergasi gogaa gaalaa ta’uu yoo hubate,
fuudhee ni dhiqa. Ergasi gubee ni alansha. San booda bishaan irratti
dhuguun guyyoota sadiif soorata isaaf ta’a. Inuma Qureeshonni
beela irraa kan ka’ee sagalee booyinsa daa’imaa iddoo jireenya
bani Haashimi ni dhagahu turan. Garuu isaan rakkisuu itti fufan.
Yommuu waggoonni sadan darban Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
maanguddoota Qureeshotaa keessaa gariin uggurri kana dhumaan
akka gahanii fi wali galtee isaanii diigan murteessan. Wali-galtee
Qureeshota kana diiguf namni gahee dursaa taphate Hishaam ibn
Amr Al-Haashimiyy. Hishaam gara Zuheyr ibn Umayyah al-
Makhzuumiyy deeme. Zuheyr haati isaa Aatikah intala Abdul-
Muxxalib turte. Hishaam Zuheyrin ni jedhe, “Yaa Zuheyr!
Eessumman kee bakka ati beektu osoo jiranuu ati nyaata
nyaachutti, uffata uffachuu fi dubartoota fuudhutti gammaddee
jirtaa? Isaan hin bitatan, isaan irraayis hin bitamu, isaan hin
fuudhan, isaanittis dubartiin hin heerumsifamtu. Ani Rabbiin
kakadha! Osoo isaan eessumman Abul Hakam ibn Hishaam-(Abu 250
Jahl) ta’anii fi wanta inni itti si waametti osoo ati isa itti waamte,
inni gonkumaa deebii siif hin deebisu. (Kana jechuun osoo Baniin
Haashim eessumman Abu Jahl ta’anii fi ati akka isaan irratti
ugguramu isa affeerte, inni tolee siif hin jedhu). Zuheyris ni jedhe:
Yaa badii kee Hishaam! Maal haa godhuu? Ani namticha tokko
qofa. Wallaahi osoo namni biraa na waliin jiraate silaa wali-galtee
kana diiguf nan ka’a.” Hishaamis ni jedhe, “Namticha tokko
argattee.” Innis ni jedhe, “Inni eenyu?” Innis ni jedhe, “Ana”
Zuheyris ni jedhe, “sadaffaa nutti barbaadi.”
Ergasii, Hishaam gara Mux’am ibn Adiyy deemun akkana jedheen,
“Ati osoo agartuu fi Qureeshotaan walii galtee osoo jirtuu gosoonni
xixiqoon lama ilmaan Abdu Manaaf irraa ta’an akka dhuman ni
barbaaddaa?…“ Mux’amis ni jedhe, “Ee badii kee! Maal haa
godhuu? Ani namticha tokko qofa.” Hishaamis ni jedhe, “Nama
lamaffaa siif arge.” Eenyudha jedhe Mux’am. Hishaamis ni jedhe,
“Ana”. Mux’amis ni jedhe, “Sadaffaa nuuf barbaadi.” Hishaamis ni
jedhe, “Hojjadhee jira.” Innis ni jedhe, “Eenyudhaa?” Hishaamis ni
jedhe, “Zuheyr ibn Abi Umayyah.” Mux’amis ni jedhe, “Afraffaa
nuuf barbaadi.”
Hishaamis gara Abu Bukhtari ibn Hishaam deeme. Wanta
Mux’amin jedhe isaanis ni jedhe. Abu Bukhtaris ni jedhe, “Ee
badii kee! Nama biraa kanarratti nu gargaaru ni argannaa?” Innis ni
jedhe, “Eeyyen.” Maqaa namoota armaan olii ni dhayeef. Abu
Bukhtaris, “Shanaffaa barbaadi” jedheen. Ergasii Hishaam gara
Zum’ah ibn Al-Aswad ibn Muxxalib ibn Asad deemun haqaa fi
firummaa ilmaan AbdulMuxxalib isarraa qaban itti hime. Zum’anis
ni jedhe, “Namoota keessaa dhimma ati itti na waamtu kanarra
namni jiru jiraa?” Hishaamis ni jedhe, “Eeyyen.” Ergasii maqaa
namoota armaan olii dhayee. Kutaa kaabaa Makkaa keessatti
namoonni shanan kunniin halkan wal gahuuf ni mari’atan. Marii
san keessatti tarkaanfi akkami hordofuu akka qaban irratti wali 251
galan. Wanta hojjachuu qaban erga murteessanii booda Zuheyr ni
jedhe, “Ani isin dursee haa deemu. Jalqaba natu dubbata.”
Yommuu bari’uu gara bakka Qureeshonni walitti qabamanitti
deeman. Zuheyris uffata gaarii fi haarawa uffattee gara Ka’abaa
deemun si’a torba naanna’e. Ergasi gara namootaa naanna’uun
akkana jedhe, “Nyaata ni nyaannaa, uffata ni uffannaa, ilmaan
Haashim dhumaa osoo jiranuu? Hin bitatan, isaan irraas meeshaan
hin bitamu. Rabbiin kakadhe! Galmeen zaalimaa fi hariiroo addaan
kuttu taate tuni hanga cicciramtutti ani hin taa’u.” Abu Jahl ni
jedhe, “Kijibde. Wallaahi hin cicciramtu.” Ergasi Zum’ah ibn Al-
Aswad ni jedhe, “Wallaahi, ati hundarra kijibaadha. Yommuu
barreefamtu nuti barreefama ishii itti hin gammanne.” Abu
Bukhtaris ni jedhe, “Zum’an dhugaa dubbate. Wanta galmee san
keessatti barreefame itti hin gammannu. Hin mirkaneessinus.”
Mux’am ibn Adiyyis ni jedhe, “Isin lamaanu dhugaa dubbattan.
Namni kanaan ala wanta biraa jedhe kijibee. Galmee tanaa fi wanta
ishii keessatti barreefame irraa of qulqulleessina.” Hishaamis
yaaduma wal fakkaatu kenne. Ergasi Abu Jahl ni jedhe, “Kuni
dhimma halkan xumurameedha. Bakka kanaan ala irratti
mari’atame.” Abu Xaalib immoo Masjiida cinaa taa’a ture, homaa
hin dubbanne.
Mux’am ibn Adiyy galmee tarsaasuf ni ka’e. Garuu raammoon
muka nyaattu, “Maqaa keetin Yaa Allah” bakka jedhu malee
galmee hundaa nyaatte fixxe.
Barnoota asirraa fudhatamu
Namoonni sababa Islaamaatiin uggurriin diinagdee fi
hawaasummaa isaan irra gahuu danda’a. Waggaa sadii guutuu karaa
galii itti argatanii fi hariiroon hawaasummaa isaan irratti cufame.
Muslimoonni rakkoo kana hundaaf harka kennuun ijjannoo isaanii
irraa duubatti hin deebine. Amantii isaanii irratti ni ciman.
Muslimoonni yeroo ammaas sababa waraanaa fi rakkoo adda addaatin uggurriin hawaasummaa fi diinagdee yommuu isaan
muudatu, obsuun amantii isaanii irratti jabaachu qabu.
Keessumayyu warri mishinari (peenxonni) yeroo rakkoo
Muslimoota amantii isaanii irraa deebisuuf mallaaqa baay’een
gowwoomsuuf carraqu. Namni maallaqni kuni qormaata akka ta’e
beekun addunyaa gabaabduuf jedhee Aakhirah of jalaa balleessu
hin qabu. Seenaa armaan olii keessumayyuu hima kana haa
yaadatu:
“Beela irraa kan ka’e hanga baala mukaa nyaachu dirqamanitti
Sahaabotaa fi bani Haashim irratti uggurrin Qureeshotaa ni cime.
Isaan keessaa tokko yommuu fincaa’uf bahu, sagalee wanta gogaa
miila isaa jalatti ni dhagaha. Ergasi gogaa gaalaa ta’uu yoo hubate,
fuudhee ni dhiqa. Ergasi gubee ni alansha. San booda bishaan irratti
dhuguun guyyoota sadiif soorata isaaf ta’a.”
Beelli fi rakkinni Islaama irraa duubatti isaan hin deebisne. Ni
obsan. Ergasii yeroo booda rakkoon isaan irraa ni deeme. Qur’aana
keessatti:
“Rakkinna waliin laafinatu jira.
Dhugumatti rakkinna waliin laafinatu jira.” Suurat Ash-Sharh
94:5-6
Rakkinni laafinna lamaan kan marfameedha. Rakkinna duraa fi
rakkinna booda. Rakkinna dura laaffinatu ture, rakkinna boodas
laafinni (mijaa’inni) ni dhufa. Garuu hangasii Islaama irratti gadi
dhaabbannaa fi obsa barbaachisa.
Kitaabban wabii:
As-Siiratu Nabawiyyati–fuula-182-184, Alii Muhammad
Sallaabi, Noble Life of The Prophet [English] 1/463-468

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top