Akkuma armaan oliitti kaasne, warra Yasrib (Madiinaa) irraa
namoonni jaha nabiyyummaa irraa amata 11ffaa waqtii hajjii
keessa Islaamawan. Ergaa Islaamaa akka ummatatti geessaniis
Ergamaa Rabbiitiif (SAW) waadaa galan.
Kanarraa kan ka’e, Nabiyyummaa irraa bara 12ffaa keessa yeroo
hajjii namoonni kudha lama (12) ni dhufan. Isaan keessa namoota
jahan bara darbe Ergamaa Rabbiitiin (SAW) wal-qunnaman
keessaa shan ni argamu. Torban hafan: Mu’aaz ibn Haaris,
Zakwaan ibn Abdul Qays, Ubbaadah ibn Saamit, Yaziid ibn
Sa’alabah, Abbaas ibn Ubbaadah ibn Nadalah, Abu Haysam ibn
Tayhaan, Uweym ibn Saa’idah.
(Torban kanniin keessaa shanan jalqaba gosa Khazraj irraayyi. Kan
hafan immoo gosa Aws irraayyi.)
Namoonni kunniin Minaatti bakka “Aqabah” jedhamu biratti
Ergamaa Rabbiitiin (SAW) wal qunnamanii waligaltee isa waliin
raawwatan.
Ubbaadah ibn Saamit irraa Bukhaarin akka gabaasetti: Ergamaan
Rabbii (SAW) akkana jedhan: Koottaa Rabbiitti homaa akka hin
qindeessine, hin hanne, zinaa hin raawwanne, ijjoollee teessan
hin ajjeefne, sobaan maqaa hin xureessinee fi waan gaarii
keessatti akka ana hin faallessine waadaa naaf seenaa. Isin
keessaa namni waadaa kana guutee mindaan isaa Rabbiin irra 272
isaaf jira. Namni kana keessaa waa dhiisee ergasii sababa
kanaan addunyaa keessatti adabame isaaf kaffaaradha. Namni
kanarraa waa dhiisee ergasii Rabbiin isaaf dhokse, dhimmi
isaa gara Rabbiiti. Yoo fedhe isa adaba, yoo fedhe irra
darbaaf.” Nutis kanarratti isaaf waadaa galle.
2.1-Madiinaa Keessatti Ambaasaddara Islaamaa
Nabiyyiin (SAW) waligaltee fi waqtiin hajjii erga xumuramee
booda warra waadaa isaaf seenan kanniin waliin Yasrib keessatti
ambaasaddara jalqabaa erge. Gaheen ambaassadara kanaas: seerota
Islaamaa barsiisuu, amantii isaan hubachiisu fi namoota shirkii irra
jiran jidduutti Islaamaa babal’isuudha. Ergama kanaaf
dargaggeessa Islaamaa tokko filate. Innis Mus’ab ibn Umeyr
jedhama.
Mus’ab ibn Umeyr, As’ad ibn Zuraarah bira qubate. Isaan lamaan
ciminnaa fi kakka’uumsaan jiraattota Yasrib keessa Islaamaa
babal’isuu jalqaban. Mus’ab Al-Muqrii (Qaraasisaa) jedhamuun
beekkame.
1
2.2-Seenaa Islaamawuu Usayd Ibn Hudayr fi Sa’d Ibn
Mu’aaz
Bani Ash-hal irraa Sa’d ibn Mu’aazi fi Usayd ibn Hudayr
hoggantoota ummata isaanii turan. Isaan yeroo san mushrikoota
turan. Waa’ee Mus’ab ibn Umeyr fi fedhii cimaan gara Islaamatti
waamuu isaa yommuu dhagayan, Sa’d, Usaydin akkana jedhe:
“Abbaan siif hin jiraatin, gara namoota lamaan2
kanaatti deemi.
Isaan lamaan dadhabdoota keenya gowwoomsuuf kan dhufaniidha.
Kanaafu, isaan akeekachiisi. İddoo jireenyaa keenya dhufuu irraa
isaan dhoowwi. Osoo As’ad ibn Zuraaran na biratti bakka qabaatu

1 Madda olii-fuula 124-125
2 Kana jechuun Mu’aaz ibn Umeyr fi As’ad ibn Zuraarah 273
baate silaa hojii kana ani siif gahaa ture. As’ad ibn Zuraarah ilma
adaadaa tiyyaati. Osoo akkana ta’uu baatee sila kana siif gahaa
ture.”
Usaydis xiyya waraanaa isaa qabatee gara Mus’abi fi As’ad
qajeele. Yommuu As’ad isa arguu Mus’abiin akkana jedhe: Kuni
hogganaa ummata isaati. Sitti dhufee jira. Kanaafu, isa ilaalchisee
yommuu dubbattu Rabbiif dhugaa ta’i.” Mus’ab ni jedhe: Yoo taa’e
isa dubbisa.”
Usaydis dhufee haala arrabsoo agarsiisuun isaan bira dhaabbate. Ni
jedhe, “Maaltu nutti isin fidee? Namoota dadhaboo keenya
gowwoomsituu? Nafsee teessaniif gatii yoo kennitan nurraa addaan
bahaa.” Ergasii Mus’ab akkana isaan jedhe: Teettee ni dhageefattaa
moo? Dhimmicha yoo itti gammaddee ni fudhatta. Yoo jibbite
immoo wanta jibbitu hojjachuu ni dhiisna.”
Usaydis ni jedhe “Haqaan dubbatte.” Ergasii xiyya isaa gadi
dhaabee taa’e. Waa’ee Islaamaa ilaalchisee Mus’ab isatti dubbate.
Qur’aana isarratti qara’e. Rabbiin kakadhe! Dubbachuun dura
Islaama fuula isaa irraa beekne. Ergasii ni jedhe: kuni wanta akkam
bareedudhaa! Yommuu amanti kana keessa seenu barbaaddan maal
gootuu?
Mus’abii fi As’adis ni jedhan: nafa (qaama) ni dhiqatta, uffata kee
ni qulqulleessita. Ergasii shahaada haqaa ragaa baata. Ergasii
raka’a lama salaatta.” Innis ka’ee nafa ofii dhiqatee uffata ofii
qulqulleesse. Shahaada ni qabate, raka’a lamas ni salaate. Ergasii ni
jedhe: “Ana duuba namticha tokkotu jira. Yoo inni isin lamaan
hordofe, ummata isaa irraa eenyullee duubatti hin hafu. Amma gara
keessaniitti isa qajeelcha. (Namtichi kuni Sa’d ibn Mu’aaz
jedhama.)”
Ergasii Usaydi xiyya isaa fudhatee gara Sa’ad deebi’e. Sa’ad
ummata isaa waliin iddoo wal gahii isaaniitti waliin taa’a. Ergasii 274
Sa’ad ni jedhe: Rabbiin kakadhe! Dhugumatti Usayd fuula isin
biraa deemen ala fuula biraatiin dhufee jira.”
Yommuu Usayd bakka wal gahi isaanii irra dhaabbatu Sa’ad
akkana isaan jedhe: aMaal hojjatte?a Innis ni jedhe: aRabbiin
kakadhe! Namtichoolee lamaan dubbisee jira. Wanta badaa isaan
keessatti hin argine. [Amanti isaanii facaasu] irraa isaan dhoowwe
ture. Isaaniis ni jedhan: Wanta ati jaallattu ni hojjanna.”
Baniin Haarisah, As’ad ibn Zuraarah ajjeesuuf akka itti bahan natti
himame. Kunis sababa inni ilma adaadaa keeti ta’uu beekaniifi. Si
kaadu isaanii agarsiisuuf kana godhu.” Sa’ad wanta isatti himame
kanaaf dallanee ka’e. Xiyya isaa qabatee gara isaaniitti bahe.
Yommu isaan lamaan (Mus’abi fi As’ad) bira gahu, nagaha akka
ta’an isaan arge. Wanti Usayd barbaade akka isaan irraa dhageefatu
qofa akka ta’e ni beeke. Sa’adis isaan irra dhaabbate. Ergasii Sa’ad
akkana jedhe: Rabbiin kakadhe! Yaa abbaa Umaamah1
osoo anaa fi
si jidduu rahimummaan (firummaan) jiraachu baate, silaa homaa
narraa hin abdattu turte. Wanta nu jibbinuun iddoo jireenya
keessatti nu haguugdaa?”
As’dis Mus’abin akkana jedhe: Rabbiin kakadhe! Hogganaan
ummata isa duuba jiranii sitti dhufee jira. Yoo inni si hordofe, isaan
keessaa tokkollee duubatti hin hafu.” Mus’abis, Sa’ad ibn Mu’aazin
akkana jedhe: Teettee ni dhageefatta moo? Yoo dhimmicha
jaalattee ni fudhatta. Yoo jibbite immoo wanta jibbitu sirraa
fagaannan.” Sa’adis ni jedhe, “Haqa dubbatte.” Ergasii xiyya isaa
gadi dhaabee taa’e. Mus’abis Islaama isatti dhiyeesse, Qur’aana
isatti qara’e. Rabbiin kakanne! Dubbachuun dura fuula isaa irraa
Islaama ni beekne. Innis ni jedhe: Yommuu amanti kana keessa
seenu barbaaddan maal gootuu?

1 As’ad ibn Zuraarah 275
Mus’abii fi As’adis ni jedhan: nafa (qaama) ni dhiqatta, uffata kee
ni qulqulleessita. Ergasii shahaada haqaa ragaa baata. Ergasii
raka’a lama salaatta.” Innis kana ni hojjate.
Ergasii xiyya isaa fudhatee gara iddoo wal gahii ummata isaatti
deebi’e. Yommuu isa argan ni jedhan: Rabbiin kakanne! Fuula
ittiin deemen ala deebi’ee jira.”
Yommuu isaan irra dhaabbatu akkana jedhe: “Yaa Bani Abdu Al-
Ash’hal! Isin keessa dhimma kiyya akkamitti beektuu?” Isaaniis ni
jedhan: “Hogganaa keenyaa fi ilaalchaan kan nu caaludha.” Ergasii
Sa’ad ni jedhe: Hanga Rabbii fi Ergamaa Isaatti amantaniitti
dhiiraa fi dubartiin keessan ana dubbisuun haraama.” Isaan keessaa
namticha tokko malee dhiiraa fi dubartiin Muslima ta’an malee hin
galgaleefanne. Namtichi tokkichi suni Usayram. Islaamawuun isaa
hanga Guyyaa Uhud ni ture. Guyyaa san Islaamawee lolee
(qabsaa’e) ajjeefame. Rabbiif jedhe sujuuda takka hin sujuunne.
Nabiyyiin (SAW) akkana jedhan: “Hojii xiqqaa hojjatee mindaa
guddaa argate.”
Namni kuni warra Jannataa irraa akka ta’e Ergamaan Rabbii
(SAW) beeksisanii jiru.
Mus’ab mana As’ad ibn Zuraarah keessa turuun namoota gara
Islaamaatti waamaa ture. Manneen Ansaaraa keessaa manni
tokkollee hin hafne isa keessa dhiiraa dubartiin Muslima ta’an kan
keessa jiru yoo ta’ee malee. Garuu manni tokko Islaama fudhachuu
irraa duubatti harkifate. Dhiibbaa walaleessaa Qays ibn As-Salt
jalatti kufan. Hanga duula Khandaq bara 5ffaa Islaama fudhachuu
irraa duubatti isaan harkise.
Waqtiin hajjii itti aanu kana jechuun Nabiyyummaa irraa bara
13ffaa dhufuun dura Mus’ab ibn Umeyr gammachuu milkaa’innaa
gara Ergamaa Rabbiitti (SAW) fiduun gara Makkaa deebi’e. Oduu 276
gosoota Yasriib, kennaa gaarii isaan keessa jiru fi humnaa fi
eeggumsa qaban isatti odeesse.
1
Barnoota Asirraa Fudhatamu:
Gara Islaamatti yommuu waaman, tooftaa itti fayyadaman
keessaa tokko wanta addaa namni suni qabu isaaf kaasu. Usayd ibn
Hudayr fi Sa’ad ibn Mu’aaz yommuu dhufan wanti jalqaba As’ad
jedhe, wanta addaa (Quality) isaan qaban isaaniif kaase. Innis,
“Kuni hogganaa ummataati. Yoo inni si hordofe, ummanni isarraa
duubatti hin hafu.” Dhugumatti jechi akkana kabaja agarsiisuu
waliin ergaa Islaamaa akka fudhatu isa kakaase. Kuni karaa qalbii
namaa ittiin moo’ataniidha.
Mus’abis gaafin jalqabuun filannoo isaaniif kenne. Kuni akka
qalbiin isaanii banamtu fi xiyyeefannoon dhageefatan taasisa.
Mus’ab dargaggeessa ta’uu waliin gaheen inni taphate xiqqaa
miti. Kanaafu, inni fakkeenya guddaa dargaggoota Muslimaatiif
ta’a.

1 Siiratu Nabawi-fuula 240-241, Ali Muhammad Sallaabi, Ar-Rahiiqul
Makhtuum-fuula 125-126

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top