1-Gosootaa fi Namoota Dhuunfaa Islaamatti
Waamu
Amata 10ffaa nabiyyummaa irraa Zul-Hijjah keessa gosoota
Arabaatii fi namoota dhuunfaa Islaamatti waamuf Ergamaan Rabbii
(SAW) gara Makkaa deebi’an. Waqtiin Hajjii waan dhiyaateef
namoonni gara Makkaa dhufu. Kanaafu, Ergamaan Rabbii (SAW)
carraa kanatti fayyadamuun gosoota Arabaa takka takkaan itti
dhufuun Islaama isaaniif dhiyeesse. Amata 4ffaa nabiyyummaa1
irraa jalqabe akkuma waama ture gara Islaamatti isaan waame.
Garuu waggaa kana keessa wanta Rabbiin ittiin isa erge ummatatti
geessuuf akka isa gargaaranii fi eegan isaan irraa barbaadaa ture.
1.1-Gosoota Nabiyyiin (SAW) gara Islaamaa Waaman
Az-Zuhri ni jedha: gosoota Ergamaan Rabbii (SAW) itti dhufanii fi
gara Islaamaatti isaan waaman keessaa: Banu Aamir bin Sa’asa’ah,
Muhaarib bin Khasfah, Fazarah, Gassaan, Murrah, Haniifah,
Saliim, Abs, Banu Nasr, Banu Al-Bukaa’a, Kindah, Kalb, Al-
Haaris bin Ka’ab, Uzrah, Al-Hadramawt.
Gosoonni Az-Zuhriin tarreesse kunniin bara tokko ykn waqtii
tokko keessatti Islaamni isaaniitti hin dhiyeefamne. Kana irra,
amata 4ffaa nabiyyummaa irraa jalqabee hanga hajji dhumaa
godaansaan dura jiruuti. Garuu gosoonni kunniin waamicha
Nabiyyiitiif (SAW) deebii hin deebisne.
Ibn Is’haaq akkaata Islaama itti dhiyeessee fi deebii gosoonni
kunniin deebisan ilaalchisee ni dubbata. Gabaabbinnaan kuno
akkana:
1- Banu Kalb-Nabiyyiin (SAW) maatii guddaa Banu Abdullah
jedhamanitti dhufee gara Rabbiitti isaan waame. Hanga akkana
isaaniin jedhu gahe: Yaa ilmaan Abdullah! Dhugumatti,
1 Amata (bara) 4ffaa nabiyyummaa yommuu jedhu Nabiyyii ta’anii erga 265
Rabbiin maqaa abbaa keessanii isiniif bareechise.” Garuu isaan
wanta inni isaanitti dhiyeesse hin fudhanne.
2- Banu Haniifah- Mana isaaniitti itti dhufuun gara Rabbiitti
isaan waame. Garuu Araba keessaa isaan caalaa haala badaan
kan deebii itti deebise hin jiru.
3- Banu Aamir bin Sa’asa’ah dhufuun gara Rabbiitti isaan
waame. Namtichi isaan irraa ta’e Buhayrah ibn Firraas jedhamu
akkana jedhe: Rabbiin kakadhe! Qureeshota irraa dargaggeessa
kana osoo fudhadhe, isaan Araboota nan nyaadhaa ture.” Itti
fufuun ni jedhe: “Osoo dhimma kee irratti wali gallee ergasii
Rabbiin nama isa faallesse irratti injifannoo siif kennee, siin
booda waa nuuf jiruu?” (Kana jechuun aangoo ni horannaa).
Nabiiyyinis (SAW) ni jedhe: Dhimmi gara Rabbiiti, bakka
fedhe kaa’a.” Ergasii namtichi ni jedhe: “[Hoggansa kee] jalatti
Arabootaaf morma keenya kenninee ergasii yommuu Rabbiin
injifannoo siif kenne, dhimmichi (aangoon) nuun ala kan
biraatiif ta’aa? Dhimma keetitti haajaa hin qabnu.” Isaaniis
isarratti didan.
Banu Aamir yommuu gara iddoo jireenyaa isaaniitti deebi’an
shekha isaanii sababa dullummaatiin hajjii dhaquu dadhabeetti
odeessan. Ni jedhan: Qureeshota keessaa ilmaan AbdulMuxxalib
irraa dargageessi nabiyyii akka ta’e odeessu, akka isa eegnu,
gargaarru fi gara biyya keenyatti isaan deemnu nu waamutu nutti
dhufe.” Shektichis mataa isaa irra harka isaa kaa’uun akkana jedhe:
Yaa Bani Aamir! Wanta badee kana sirreessun danda’amaa? Wanta
miliqee kana argachuun danda’amaa? Kan nafseen ebalu harka Isaa
jirtuun kakadhe! Inni sanyii Ismaa’il. Inni haqa (Nabiyyii
dhugaati). Yaanni keessan eessa isinirraa dhaqee?”1
1.2-Makkaan ala warra jiraatan irraa kanneen
amanan:
1 Al-Rahiiqul Makhtuum-fuula 113-114 266
Ergamaan Rabbii (SAW) akkuma gosootaa fi jiilatti Islaama
dhiyeessan namoota dhuunfaattis dhiyeessanii jiru. Isaan keessaa
deebiin gaariin argamee ni jira. Waqtii hajjii kana booda xiqqoo
turanii dhiironni baay’een amanan. Isaan keessaa kunoo muraasni
isaanii:
1-Suwayd ibn Saamit- Jiraattota Yasrib (Madiinaa) keessaa
walaleessaa gamnaa ture. Ummanni isaa sababa ciminna, kabajaa fi
sanyii isaatiif Kaamil jechuun isa waamu. Hajjii ykn umraa
gochuuf gara Makkaa dhufe. Ergamaan Rabbii (SAW) gara
Islaamatti isa waame. Suwayd ni jedhe: “Tarii wanti si bira jiru
wanta na bira jiru fakkaata.” Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW)
akkana jedhaniin: Maaltu si bira jiraa?” Innis, “Hikmaa
(gamnummaa) Luqmaan.” Jedhe. Nabiyyiinis ni jedhe, “Mee natti
dhiyeessi.” Innis ni dhiyeesse. Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) ni
jedhe: “Dhugumatti dubbiin kuni gaariidha. Wanti na bira jiru
kana caala. Innis Qur’aana Rabbiin oltaa’an narratti buusedha.
Inni qajeelchaa fi ifa.” Ergamaan Rabbiis (SAW) Qur’aana
isarratti dubbise. Gara Islaamatti isa waame. Innis ni sallame
(Islaama qabate). Akkanas ni jedhe: “dhugumatti kuni dubbii
bareeda ta’eedha.” Yommuu Madiinaatti deebi’uu osoo homaa hin
turin waraanaa Awsi fi Kazraj jidduutti adeemsifameen ni
ajjeefame. Islaamawun isaa nabiyyummaa irraa amata 11ffaa
jalqaba irratti ture.
2-Iyyaas ibn Mu’aaz: Jiraattota Yasrib (Madiinaa) irraa
dargaaggeessa reefu lafaa dhufu ture. Gosa Aws kan Qureeshota
irraa ummata isaanii Khazraj irratti gamtoominna barbaadan waliin
dhufe. Awsi fi Khazraj bara dheeraaf wal lollaa turan. Aws
lakkoofsaan xiqqoodha. Kanaafu, Qureeshota irraa gargaarsa
barbaaduf gara Makkaa dhufan. Iyyaas isaan keessaa tokko ture.
Nabiyyiin (SAW) isaan (Aws) gara Makkaa dhufuu yommuu
dhagayu, isaan bira dhaquun isaan bira taa’e. Akkana isaaniin
jedhe: “Wanta dhuftaniif caalaa wanta gaarii barbaadduu?”
Isaaniis, “Suni maalidhaa?” jedhan. Innis, “Ani Ergamaa Rabbiiti, 267
gara gabrootatti na erge. Osoo homaa Rabbiitti hin qindeessin Isa
qofa akka gabbaran isaan waama. Kitaabas narratti buuse.” Ergasii
waa’ee Islaamaa isaanitti haasaye. Qur’aana isaanirratti qara’e.
Ergasii Iyyaas ibn Mu’aaz ni jedhe: “Yaa Ummata kiyya! Rabbiin
kakadhe! Kuni wanta dhuftaniif caala.”
Namtichi jiila (garee) keessa ture maqaan isaa Abu Haysar Anas
ibn Raafi’i jedhamu biyyee harkatti fuudhee fuula Iyyaasitti
facaase. Ni jedhe: “Nu dhiisi. Dhimma kanaan alaatiif dhufne.”
Iyyaas ni cal’ise. Ergamaan Rabbii (SAW) ka’ee deeme. Osoo
Qureeshota waliin hin gamtoomin gara Madiinaatti deebi’an.
Yasribitti erga deebi’anii booda osoo homaa hin turin Iyyaas ni
du’e. Yeroo du’u Laa ilaah illah, Allahu Akbar, Alhamdulillah,
Subhaanallah jechaa ture. Muslima ta’ee akka du’e hin shakkan.
3-Abu Zarr Al-Ghifaarii- Naannawa Yasrib jiraachaa ture.
Sababa Suwayd ibn Saamiti fi Iyyaas ibn Mu’aazin yommuu oduun
ergamuu Nabiyyii (SAW) Yasribiin gahu, gurra Abu Zarriis ni
gahe. Islaamawuu isaatiif sababa ta’e.
Bukhaarin Ibn Abbaas irraa akkana jechuun gabaase: Abu Zarr
akkana jedhe: Gosa Ghifaari irraa ani namticha tokko ture. Oduun
Makkaan keessaa namtichi ani nabiyyiidha jedhu akka bahe nu
gahe. Ani obboleessa kiyyaan ni jedhe: “Gara nama kanaatti deemii
isa dubbisi. Oduu isaa naaf fidi.” Innis deemee isa qunname.
Ergasii ni deebi’e. Anis, “Maaltu si bira jiraa?” jedheen. Innis,
“Rabbiin kakadhe! Namticha waan gaariitti ajajuu fi waan badaa
irraa dhoowwe argee jira.” jedhe. Anis, “Oduu quubsaa naaf hin
finne.” Jedheen. Ergasii ani boorsaa fi ulee fudhee gara Makkaa
qajeele. Ani isa hin beeku. Waa’ee isaa ilaachisee nama gaafachu
nan jibbe. Bishaan Zamzamaa dhugee masjiida keessa taa’e. Aliyy
na biraan darbe. Innis, “Akka waan nama gariibaa (alagaa) taateti?”
jedhe. Anis “Eeyyen” jedhe. Innis, “Gara manaa beena (haa
deemnu).” Jedhe. Anis isa waliin deeme. Inni homaa na hin
gaafatu, anis homaa isa hin gaafadhu, homaas isatti hin himu. 268
Waa’ee isaa (nabiyyii) nama gaafachuuf yommuu bari’u ganamaan
gara masjiidaa deeme. Eenyullee homaa natti hin himu. Ergasii
Aliyy na bira darbe. Ni jedhe, “Sila namtichi bakka itti qubatu hin
beekuu?” Anis ni jedhe “Lakki.” Innis, “Ana waliin deemi.” Jedhe.
ergasii ni jedhe, “Dhimmi kee maalidhaa? Biyya tana maaltu si
fidee?” Anis akkana isaan jedhe, “Yoo naaf dhoksite sitti hima.”
Innis, “nan hojjadha.” Jedhe. Anis ni jedheen, “Namtichi ani
Nabiyyii Rabbiiti jedhu naannawa kanaa akka bahe nu gahee jira.
Obboleessi kiyya akka isa dubbisu erge ture. Garuu oduu quubsaa
naaf hin finne. Amma ani isa qunnamuu barbaade.”
Innis ni jedhe: “Ati dhugumatti qajeelte jirta. Kuni fuula kiyya gara
isaatti qajeeludha. Bakka ani seenu seeni. Nama sirratti sodaadhu
yoo arge, gara dhaaba manaatti siquun akka waan kophee tiyya
sirreessu ta’a. Ati immoo adeemsa kee itti fufi.” Innis adeemsa itti
fufe. Hanga Nabiyyiitti (SAW) seenutti adeemsa isa waliin itti fufe.
Erga seenne booda, ani Nabiyyiin (SAW) ni jedhe: “Islaama naaf
dhiyeessi.” Innis ni dhiyeesse. Anis achumatti sallame (Islaama
qabadhe). Ergasii akkana naan jedhe: Yaa Abaa Zarr! Dhimma
kana dhoksi, gara biyya keetii deebi’i. Ifa bahuun keenya yoo si
gahee gara keenyaa koottu.” Anis nan jedhe: Kan haqaan si ergetti
kakadhe! Isaan (Qureeshota) fuunduratti dhimma kana ifa baasa.”
Anis gara Masjiidaa dhufee “Yaa tuuta Qureeshaa! Haqaan
gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirree fi Muhammad
gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.” jedhe.
Qureeshonnis “Gara nama amanti isaa gadi lakkise kanaatti
dhaabbadhaa.” Jette. Hanga du’uuf deemutti na tuman (rukutan).
Abbaas na dhaqqabee narratti gonbifame. Ergasii gara isaaniitti
garagalee akkana isaaniin jedhe: “Ee badii keessan! Namticha
Ghifaari irraa ta’e ajjeestuu? Daldallii fi imalli keessan Ghifaari
irra darba.” Ergasii isaan narraa buqqa’an.
Yommuu borumtaa bariisifadhu, nan deebi’e. Wanta kaleessa jedhe
nan jedhe. Isaanis (Qureeshonni) “Gara nama amanti isaa dhiisee
kanaatti olka’aa.” jedhan. Wanta kaleessa natti hojjatan ni hojjatan. Abbaasis na dhaqqabe. Narratti kufee akkuma kaleessa jedhe
jedhe.”1
269
Abbaasis na dhaqqabe. Narratti kufee akkuma kaleessa jedhe
jedhe.”1
1.3-Warra Yasrib irraa nafsee gaarii jaha:
Nabiyyummaa irraa amata 11ffaa waqtii hajjii keessa da’awaan
Islaamaa sanyii gaarii argate. Hatamtamaan gara muka dheeraatti
jijjirame. Gaaddisa isii jalatti hoo’a zulmii fi diinummaa ofirraa
eegan.
Gamnummaa Nabiyyii (SAW) keessaa tokko akka mushrikoonni
kaayyoo isaa irraa isa hin dhoowwineef halkaniin gara gosoota
adda addaa dubbisuutti bahuudha. Halkan tokko Abu Bakr fi Aliyy
waliin bahe. Iddoo qubannaa Zuhl fi Sheybaan ibn Sa’alabah irra
darbe. Islaama ilaalchise isaan ni dubbise. Abu Bakri fi namticha
Zuhl irraa ta’e jidduutti gaafi fi deebiin ni adeemsifame. Ilmaan
Sheybaan deebii abdatamaa ni deebisan. Garuu Islaama fudhachuu
irraa duubatti harkifatan.
Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Aqabah Minaa biraan darbe.
Sagalee namoota dubbatanii dhagaye. Hanga isaaniin wal
qunnamuutti gara isaaniitti qajeele. Dargaggoota Yasrib irraa
namoota jaha turan. Isaaniis: As’ad ibn Zuraarah, Awf ibn Haaris,
Rafii’i ibn Maalik, Quxbah ibn Aamir, Uqbah ibn Aamir fi Jaabir
ibn Abdullah. Kanneen jalqabaa afran Khazraj irraayyi. Kanneen
dhumaa lamaan immoo Aws irraayyi.
Gammachuu warra Yasrib keessaa tokko Yahuudota irraa
dhaadannoo akkana jedhu dhagayaa turan:“Nabiyyiin tokko
zamana kana keessa ni ergama, nutis isa hordofnee ajjeechaa Aad fi 270
Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) namoota jahan armaan olii
kanniin qunname akkana isaaniin jedhe: “Isin eenyu?” Isaaniis,
“Namoota Khazraj irraa taanedha.” jedhan. Innis, “Namoota
Yahuudota waliin gamtooman moo?” Isaaniis, “Eeyyen” jedhan.
Innis, “Isin dubbisaa ni teettuu?” jedhe. Isaaniis, “Eeyyen ni
teenna.” jedhan. Isaaniis isa waliin ni taa’an. Nabiyyinis (SAW)
dhugaa Islaamaa fi waamicha isaa isaaniif ibse. Gara Rabbii
guddaa olta’eetti isaan waame. Qur’aana isaan irratti qara’e. Isaanis
akkana waliin jedhan: “Wallaahi! Yaa namoota sila beektu,
dhugumatti inni nabiyyi yahuudonni ittiin dhaadattuudha. Isaan nu
hin dursin. Waamicha isaatiif deebii deebisuuf ariifadhaa,
Islaamatti seenaa.”
Namoonni kunniin gamnoota Yasrib turan. Waraanni walii (civil
war) bara dheeraaf isaan jidduutti adeemsifame isaan dadhabsiisee
jira. Waraana kana dhaabuuf waamichi isaa sababa akka ta’u ni
abdatan. Kanaafu akkana jedhan: Nuti ummata keenya of duubatti
dhiisne. Diinummaa fi sharriin isaan jidduu jiru ummata biraa
keessa hin jiru. Tarii Rabbiin sababa keetiin isaan tokkoomsa. Nuti
gara isaanii ni deemna. Gara Islaamaatti isaan waamna. Amanti
kana irraa dhimma siif deebii deebisne isaaniif dhiyeessina. Yoo
Rabbiin isaan sirratti walitti qabe, si caalaa namni tokkollee
kabajamaan hin jiru.”
Yommuu namoonni kunniin gara Madiinaa deebi’an ergaa
Islaamaa isaaniitti fidan. Manneen Ansaarota irraa manni tokkollee
hin hafne Ergamaan Rabbii kan keessatti dubbatamu yoo ta’e
malee.1
Barnoota Asirraa Fudhatamu:
Seenaalee armaan olii keessatti wanta qalbii nama harkisuu
keessaa tokko tooftaa Ergamaan Rabbii (SAW) itti fayyadameedha.
Yommuu Suwayd isatti dhufe, “ani gamnummaa Luqmaan qaba”
1 Madda olii-fuula 117-118 jedhu, Nabiyyi (SAW) osoo isa hin tuffatin “Mee natti dhiyeessi.”
Jedheen. Ergasii wanta dhiyeesse kana gadi hin xiqqeessine. Kana
irra, “Dhugumatti dubbiin kuni gaariidha” jedheen. Kuni qalbii
namticha bana. Osoo “kuni gaarii miti” jedhe ykn cal’iseetumaan
ergaa ofii itti dhiyeessun jalqabee, namtichi ni dhageeffataa?
“Kuni gaariidha” jedhee ergasii ergaa ofii dhiyeessu itti fufuun
haala salphaan Islaama akka fudhatu taasise. Kanaafu, haa
xiqqaatus, wanti nama bira jiru gaarii yoo ta’e, isa faarsun
jalqabuun qalbii namaa bana.

