Nabiyyummaa irraa bara 13ffaa waqti Hajjii keessa warra Yasriib
keessaa Musliimoonni 70 ol ta’an hajjii hajjuuf dhufan. Ummata
isaanii mushriikoota waliin ta’uun dhufan. Muslimoonni kunniin
osoo karaa irra jiranu ykn Madiinaa keessa jiranu akkana jechuun
wal gaafatu: “Ergamaan Rabbii (SAW) garreen Makkaa keessatti
kan darbamuu fi naannefamu ta’ee hanga yoomi dhiifnaa?”
Yommuu Makkaan gahan isaanii fi Nabiyyii (SAW) jidduu wal-
qunnamtiin dhoksaa ni adeemsifame. Walakkaa guyyoota
tashriiqaa1
keessa sholoqoo Aqabaa bira jiruutti dhoksaan akka wal
gahan irratti wali galan.
Wal-gahii seenaa kana akka nuuf odeessu mee hoggantoota
Ansaaraa keessaa nama tokkoof haa dhiisnu. Ka’ab ibn Maalik
(radiyallahu anhu) akkana jedha:
“Gara hajjii ni baane. Walakkaa guyyoota tashriiqaa keessatti
Aqabaatti Ergamaa Rabbiitiif (SAW) halkaniin wal gahuuf waadaa
galle. Halkan Ergamaa Rabbiitiin wal qunnamuuf waadaa galle ni
dhufe. Abdullah ibn Amr ibn Haraama nu waliin ture. Inni
hoggantoota keenya keessaa hogganaa tokko, kabajamtoota keenya
keessaa kabajamaa tokko. Isaan akkana jenne, “Yaa Abbaa Jaabir!
Ati hoggantoota keenya keessaa hogganaa tokkoo, kabajamtoota
keenya keessaa kabajamaa tokko. Ati boru ibiddaaf qoraan ta’uu
siif jibbina.” Ergasii gara Islaamatti isa waamne. Waadaa Ergamaa
Rabbii (SAW) Aqabatti wal qunnamuu ilaalchisee isatti himne.
Innis Islaama ni fudhate. Aqabah irrattis nu waliin ni argame.
Bakka bu’aa keenya ture.”
Ka’ab ni jedha: halkan tana ummata keenya waliin iddoo qubannaa
ni rafne. Yommuu halkan irraa tokko sadaffaan darbuu Ergamaa
Rabbii (SAW) qunnammuuf iddoo qubannaa keenya keessaa suuta 278
jennee loonee baane. Ergasii Aqabatti wal geenne. Nuti dhiirota
torbaatami sadii fi dubartoota lama turre. Dubartoonni lamaan
tunniin: Nusaybah bint Ka’ab fi Asmaa’a bint Amr.
Hanga nutti dhufutti Ergamaa Rabbii (SAW) kan eegnu taanee
karaa gaaraa keessatti wal-geenye. Isa waliin abbeeraa isaa
Abbaastu ture. Abbaas yeroo san amanti ummata isaa irra ture.
Garuu dhimma ilma obboleessa isaa dhageefachuu fi nageenya isaa
mirkaneefachuuf waliin dhufe. Namni jalqabaa dubbate isa ture.
Abbaas akkana jechuun dubbate:
“Yaa tuuta Khazraj! Bakka Muhammad nu keessatti qabu hundi
keessanu ni beektu. Hanga dandeenyu ummata keenyarraa isa
eegne. Inni ummata isaa keessatti kan kabajamee fi biyya isaa
keessatti kan eeggameedha. Isin malee garee biraatti dabalamu
dide. Kanaafu, yommuu gara biyya keessaniitti affeertan wanta
waadaa galtaniif kan guuttanii fi nama isa faallesse irraa kan
eegdan yoo taatan, ba’aa ofirratti fudhattan tilmaama. Garuu erga
isaan deemtanii booda diinatti kan isa kennitanii fi isa hin gargaarre
ta’e, ammuma tana isa dhiisaa. Inni biyya isaa keessatti kan
kabajamee fi eeggame waan ta’eef.”
Ka’ab ni jedhe: akkana isaan jenne: “Wanta jette dhageenye. Yaa
Ergamaa Rabbii dubbadhu. Waadaa nafsee keetii fi Gooftaa keetiif
jaallattu nurraa fudhadhu.”
Deebiin kuni itti gaafatamummaa guddaa kana baadhachuu fi
dhuma cimaa baadhachuuf ijjannoo cimaa, gootummaa, iimaanaa fi
ikhlaasa isaan qaban agarsiisa. Kana booda Ergamaan Rabbii
(SAW) wanta irratti wali galan ni ibsan.
Imaamu Ahmad Jaabir irraa kana bal’innaan gabaase. Jaabir
akkana jedhe: Ni jenne, “Yaa Ergamaa Rabbii! Maalirratti waadaa
siif seennaa?” Innis ni jedhe:
1- Yeroo ulfaatinnaa fi laafinnaa dhagayuu fi ajajamuu irratti
2- Yeroo rakkoo fi badhaadhinnaa arjoomu irratti 3- Wanta gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu irratti
4- Osoo komii namoota hin sodaatin Rabbiif jettanii
dhaabbachuu irratti
5- Yommuu gara keessan dhufu akka na gargaartan, wanta
nafsee teessan, haadholii manaa fi ijoollee teessan irraa
eegdan anas akka eegdan waadaa naaf seentu. Isiniif
Jannatatu jira.
Jaabir ni jedha: Nutis dhaabbannee isaaf waadaa galle. As’ad ibn
Zuraarah harka isaa qabee akkana jedhe: Yaa warra Yasrib suuta
jedhaa. Nuti gaalota keenyan fageenya dheeraa kana hin deemne
inni Ergamaa Rabbii (SAW) ta’uu isaa waan beeknef malee. Har’a
isa baasuun Araboota hundarraa adda bahuu, namoonni gaggaariin
keessan ajjeefamuu fi seyfin dhayamuudha. Takkaa isin ummata
kanarratti obsee ajriin (mindaan) keessan Rabbiin irratti ta’uudha
takkaa immoo dabeesummaa nafsee teessan irraa kan ka’e isin
ummata sodaatudha. Kana ifa godhaa. [Waadaa galtanii ergasii
diigu irra osoo amma niyyaa keessan ifa gootanii] Rabbiin biratti
uzrii isiniif ta’a.” Isaanis ni jedhan: Yaa As’ad! Nurraa achi deemi.
Rabbiin kakanne! Waadaa (wali galtee) kana gonkumaa hin
dhiisnu, hin diignus.” Nutis kaanee isaaf waadaa galle. Nabiyyiin
(SAW) waligaltee nurraa fuudhe, ulaagaalees ni kaa’e.
Haala kanaan Ansaaronni ajajamuu, gargaaruu fi lola irratti
Ergamaa Rabbiitiif (SAW) waadaa galan. Kanaafi, Ubbaadah ibn
Saamit “Bay’atul Harb (Wali galtee lolaa)” jechuun moggaase.1
Gaafii:
Garaagarummaan Wali-galtee Aqabah 1ffaa fi 2ffaa jidduu jiru
maalidhaa?
Namoota meeqatu wali-galtee Aqabah 1ffaa irratti argame?
Wali-galtee Aqabah 2ffaa irratti hoo meeqatu argamee?
Qabiyyeen wali-galte Aqabah 1ffaa maalidhaa? Kan 2ffaa hoo
maalidhaa?

1 Ar-Rahiiqul Makhtuum-fuula 127-129

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top