Ergamaan Rabbii (SAW) Ansaarota waliin wali galtee Aqabaa
2ffaa erga raawwatanii booda Muslimoonni Makkaan keessatti
rakkatan gara Madiina akka bahan ni hayyamaniif. Manaa fi biyya
ofii gadi dhiisanii bahun wanta salphaa miti. Jalqabaa fi xumura
karaatti wanta nama qunnamu hin beekkamu. Muslimoonni balaa
godaansaa osoo hin sodaatin mana, biyyaa fi maatii isaanii gatanii
gara Madiinaatti godaanu jalqaban. Qureeshonni godaansa isaanii
kana yommuu beektu dallansun mataa isaanii irraa danfuun adabbii
fi rakkinna Muslimoota irraan gahan daran itti dabalan. Godaansa
irraa isaan dhoowwuuf tooftaalee adda addaatti fayyadaman. Isaan
keessaa mee muraasa haa eerru:
1-Tooftaa namticha, haadha manaa fi ilma isaa addaan baasu:
Namni jalqaba gara Madiinaa godaane Abu Salamat (radiyallahu
anhu) ture. Haadha manaa fi ilma isaa waliin yommuu bahuuf
qophaa’u, soddoonni isaa akkana isaan jedhan: Tuni nafsee tee tan
ati ishii irratti nu moo’atteedha. Fira teenya tana ilaalchisee maal
yaaddaa? Gara biyya biraa ishii waliin akka deemtu ni dhiisnaa?”
Isaaniis haadha manaa isaa isarraa fudhatan. Warri Abu Salamat
namticha isaaniitiif ni dallanan. Ni jedhan: saahiba keenyarraa yoo
ishii fuutan nuti ilma keenya (Salamat) ishii waliin hin dhiisnu.
Mucaan of jidduutti oli gadi harkisan. Harka isaa butanii of waliin
deemaniin. Abu Salamat adda isaa gara Madiinaa deeme. Umm
Salamat immoo abbaan manaa ishii erga irraa deemee fi ilma ishii
dhabdee, osoo boottu waggaa tokko dabarsite.
Firrii ishii tokko ishiif mararfachuun akkana jedhe: Sila miskiina
tana hin baastanii? Ishii, abbaa manaa fi ilma ishii addaan baastan.
Ergasii warri ni jedhaniin: yoo feete abbaa manaa keetin wal
qunnami.” Ishiinis ilma ishii deebifattee gara Madiinaatti qajeelte.
Adeemsa gara kiloometira 500 gahu deemuuf kutatte. Umamtoota
Rabbii keessaa eenyullee ishii waliin hin jiru. Bakka At-Tan’iim
jedhamtu yommuu geessu Usmaan ibn Xalha ishiidhaan walitti 281
dhufe. Innis haala ishii erga beeke booda hanga Madiina geessu
ishii geegesse. Yommuu Qubaa’a ilaalu ni jedhe: “Abbaan manaa
kee ganda tana keessa jira. Barakaa Rabbiitiin seeni.” Ergasii
Usmaan gara Makkaatti garagalee deebi’e.1
2-Tooftaa Qabeenya keessaa baasu-Sahaabota Nabiyyii (SAW)
keessaa tokko yommuu Makkaan gadi dhiisu jireenya isaa balaa
irra buusa. Haala muddamaa kana keessatti namni qabeenya isaa
hunda walitti qabee deemuuf yeroo fi carraa xiqqaa qaba.
dhumarratti Qureeshonni qabeenya Muslimoonni of duubatti
dhiisan ni saamu. Suhayb ibn Sinaan An-Namarii qabeenya isaa
guutuu dhabe.
Suhayb (radiyallahu anhu) gosa An-Namar ibn Qaasix irraayyi.
Yommuu Roomaanonni gosa Suhayb kanatti duulan, Suhaybin
booji’anii gabra godhatan. Yeroo sanitti inni ijoollee ture. Afaan
warra isa qabee kanaas ni barate. Akkuma guddatun yeroo baay’ee
gabra ta’ee gurgurame, hanga dhumarratti Abdullah ibn Jud’aan isa
bitutti. Abdullah, Suhaybin garmalee jaallachuu irraa kan ka’e
dhumarratti bilisa isa baase. Suhayb carraaqun daldala keessa
seene. Yeroo gabaabaa keessatti qabeenya baay’ee horate.
Ergasii yommuu Suhayb Islaamatti seenee gara Madiinaatti
godaanu barbaadu, Qureeshonni garmalee dallanuun akkana isaan
jette: “Nama kadhataa gatii hin qabne taatee nutti dhufte. Ergasii
qabeenyi kee nu biratti baay’ate. Sadarkaa geessurra ni geesse.
Ergasii qabeenyaa fi nafsee keetiin bahuu barbaaddaa? Rabbiin
kakanne! Kuni hin ta’u.” Suhaybis akkana isaaniin jedhe: Yoo
qabeenya kiyya isiniif kenne, karaa gadi naaf dhiiftuu?” Isaaniis:
“Eeyyen” jedhan. Innis, “Dhugumatti, ani qabeenya kiyya isiniif
kenne.” Gochi kunis Ergamaa Rabbii ni dhaqqabbe. Yommuu kana

1 Madda olii-fuula 134 282
dhagahu ni jedhe: “Suhayb bu’aa buufate. Suhayb bu’aa
buufate.”1
Barnoota Seenaa Lamaan Armaan olii irraa fudhatamu:
Islaama ofii eeguuf jedhanii wareegni kafalan hanga maatii fi
qabeenya ofii of duubatti dhiisan gahuu danda’a. Abu Salamahn
maatii of duubatti gatee godaansa bahe. Suhayb immoo qabeenya
ofii guutuu of duubatti dhiise. Kuni wareega namni Islaama
qabachuu keessatti kafaluu qabu agarsiisa.
Yommuu qormaata jajjabaan dhufu namni takkaa qabeenya ofii
dhiisee Islaama qabata, takkaa immoo Islaama dhiisee qabeenya
qabata. Namni qabeenya dhiisee Islaama qabate, inni qormaata
darbe. Kanaaf, Suhayb fakkeenya gaarii ta’a. Kanaafi, Rasuulli
(SAW) dhumarratti akkana isaan jedhan: “Suhayb bu’aa buufate.
Suhayb bu’aa buufate.” Namni Islaama dhiisee qabeenya qabate
immoo qormaata kufe jira.
3-Tooftaa Buttaa (Kidnapping)
Qureeshonni Muslimoota Makkaan keessa jiraatan gara Madiinatti
godaanu dhoowwu qofarratti hin dhaabbanne. Kana irra,
Muslimoota godaanan Madiina keessaa baasuuf carraaqxe.
Muhaajira (nama gara madiinaatti godaane) tokko butuun gara
Makkaatti deebiste.
Umar ibn Al-Khaxxaab, Ayyaash ibn Abi Rabii’a fi Hishaam ibn
Aas ibn Waa’il bakka tokkootti wal gahuuf ergasii gara Madiinaatti
godaanuuf wal qaxaran (beellaman). Umar fi Ayyaash wal gahan.
Hishaam immoo isaan irraa ni hidhame.
Yommuu isaan lamaan Madiina gahanii Qubaa’a qubatan, yoosu
isaan duuban Abu Jahli fi obboleessi isaa Haaris, Ayyaashitti
dhufan. Abu Jahl fi Haaris, Ayyaashin akkana jedhan: “Haati tee
hanga ati isii argituutti malee rifeensa isii filaan akka hin tuqnee fi
aduu jalaa gaddisa jalatti akka hin qubanne kakattee jirti.” Innis

1 Siiratu Nabawi-fuula 259, Ali Muhammad Sallaabi 283
kana dhugaa se’ee ishiif mararfate. Ergasii Umar akkana isaan
jedhe: Yaa Ayyaash! Rabbiin kakadhe! Namoonni amanti kee irraa
si qoruuf malee homaayyu hin barbaanne. Isaan irraa of eeggadhu.
Rabbiin kakadhe! Osoo haadha tee injiraan rakkisee ni filatti turte.
Osoo hoo’i Makkaa ishiitti cimee, silaa gaaddisa jala teetti.”
Ayyaashis isaan lamaan waliin deemu malee hin taa’u jedhee dide.
Ergasii Umar akkana isaan jedhe: “Wanta hojjachu barbaadde erga
hojjattee gaala tiyya tana fudhadhu. Ishiin gaala tole namaaf
jettuudha. Dugda ishiitti maxxani. Yoo namoota irraa waa shakkite,
ishiidhaan jalaa dheessi.”
Ayyaashis gaala tana fudhatee Abu Jahli fi Haaris waliin deemuu
jalqabe. Yommuu karaa walakkaa irra gahan, Abu jahl akkana
isaan jedhe: “Yaa obboleessa kiyyaa! Wallaahi! Dugdi gaala tiyya
jabaataa fi nama quuqa. Kanaafu gaala tee tana irratti duuban na
yabbisu dandeessaa?” Innis ni jedhe: “Eeyyen.” Ayyaashis gaala
isaa gadi qabe. Abu Jahli fi Haaris gadi qaban. Yommuu lafa irra
taa’an, isarratti utaalanii hidhan. Guyyaadhaan hidhanii Makkaan
seensisan. Akkana jedhan: “Yaa warra Makkaa! Akkuma nuti
gowwoota keenya kanatti hojjanne kana, isinis gowwoota
keessanitti akkana hojjadhaa.”
4-Tooftaa Hidhuu:
Qureeshonni tooftaa godaansa ittiin dhoowwan keessaa tokko
hidhaatti gorte. Nama godaansaaf carraaqu tokko yoo qabde,
harkaa fi luka isaa hidhu waliin mana tokko keessatti isa hiiti. Akka
hin dheessineef wardiyyaa isaan eegu irratti ramaddi. Yeroo garii
mana xaaraa hin qabne keessatti hiiti. Akkuma Ayyaash fi Hishaam
ibn Aasitti hojjatame. Sahaabonni kunniin lamaan mana xaaraa hin
qabne keessatti hidhaman. Kun adabbii itti dabaluudha. Addummee
hidhaa irratti hoo’i aduu isaanirratti dabalama.
Hoggantoonni Qureeshotaa kaayyoo lama galmaan gahuuf kana
hojjatu: 1ffaa-Hijraa (godaansa) irraa hidhamtoota dhoowwu.
2ffaa-nama godaanuuf yaalu hundaaf adabbiin kuni barnoota akka 284
ta’uufi. Garuu tooftaan kuni Muslimoota gara Madiinaatti godaanu
irraa hin dhoowwine. Muslimoonni gariin Makkaan keessatti
hidhaman kan akka Ayyaash fi Hishaam Makka keessaa bahuun
Madiina keessa qubachuu danda’anii jiru.1
Nabiyyiin (SAW) erga godaanee booda Muslimoota Makkaan
keessatti hacuucamaniif haala wali galaatiin du’aayi gochaafi ture.
Garii isaanii maqaa isaanii waamuun du’aayi godhaaf. Abu
Hureyraan (radiyallahu anhu) akka gabaasetti Nabiyyiin (SAW)
yommuu raka’aa dhumaa irraa mataa isaa olkaasu akkana jedha:
Yaa Rabbii! Ayyaash ibn Rabii’ah baraari. Yaa Rabbii! Salamata
ibn Hishaam baraari. Yaa Rabbii! Waliid ibn Waliidin baraari. Yaa
Rabbii! Mu’mintoota irraa warra dadhabdoota ta’an baraari. Yaa
Rabbii! Qabaa kee Mudar (Qureeshota) irratti jabeessi. Yaa Rabbii!
Hoongee akka hoongee Yuusuf isaan irratti taasisi.”2
Barnoota Asirraa fudhatamu:
Namni amanti ofii eeguuf fitnaa (qormaata) irraa hanga
danda’een fagaachu qaba. Wanta diinni isaa isaan jedhu dhugaa
se’ee itti seenu hin qabu.
Hidhaa fi adabbiin diinaa hanga fedhe osoo cimeellee, kuni
Islaama irraa duubatti nama deebisu hin qabu. Ayyaashi fi Hishaam
hidhaa fi adabbiin isaanitti haa cimu malee gonkumaa Islaama irraa
duubatti hin deebine.
Mushrikoonni Muslimoota godaansa irraa dhoowwuuf tooftaa adda
addaatti haa fayyadamanii malee Muslimoonni wal duraa duuban
wal hordofuun gara Makkaatti bahan. Wali-galtee Aqabah
lammataa irraa ji’a lamaa fi guyyoota muraasa booda Makkaan
keessatti Ergamaa Rabbii (SAW), Abu Bakr, Aliyy, namoota
hidhaman ykn godaanu hin dandeenye malee homtu hin hafne.
Ergamaan Rabbii (SAW) meeshaa isaa qopheessee yoom akka
godaanu eega. Abu Bakris meeshaa isaa qopheesse.

1 Madda olii
2 Sahiih Al-Bukhaari-1006 Bukhaarin Aa’ishah irraa akka gabaasetti: Aa’ishaan akkana jetti:
Ergamaan Rabbii (SAW) Muslimootaan akkana jedhan: Iddoon itti
godaantan abjuun natti mul’ifame. Iddoo ashabawoo fi muka
teemiraa qabdu gaarreen lamaan jidduu jirtuu ta’uun arge.”
Namoonni gariin gara Madiina godaanan. Namoonni baay’een
duraan gara lafa Habashaatti godaananii turan gara Madiinaatti
godaanan. Abu Bakr (radiyallahu anhu) gara Madiinaatti bahuuf
qophaa’e. Garuu Ergamaan Rabbii (SAW) akkana isaan jedhan:
“Xiqqoo eegi. Dhugumatti, godaansaaf akka naaf hayyamamu nan
abdadha.” Abu Bakris ni jedheen: “Kana ni abdattaa?”
Nabiyyiinis ni jedhan: “Eeyyen.” Abu Bakris Ergamaa Rabbii
(SAW) waliin deemuuf nafsee ofii ni qabe. Baala Muka Samur
irraa ji’a afur gaalota isaa lamaan nyaachise

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top